Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Poornoogiraafii Maal Jedha? Saaybarseeksiin Dogoggoraa?
Deebii Kitaaba Qulqulluu
Kitaabni Qulqulluun poornoogiraafii, saaybarseeksii ykn wantoota kana fakkaatan kallattiidhaan hin caqasu. Haa taʼu malee Kitaabni Qulqulluun gochawwan gaaʼelaan ala saalqunnamtii raawwachuu ykn waaʼee saalqunnamtii ilaalcha sirrii hin taane jajjabeessan ilaalchisee wanta Waaqayyootti dhagaʼamu ifa nuuf godha. Caqasawwan Kitaaba Qulqulluu kana ilaali:
“Kutaawwan qaama keessanii warra lafa irraa ajjeesaa; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa, fedhii saalqunnamtii toʼannaa hin qabne” dha. (Qolosaayis 3:5) Poornoogiraafii ilaaluun fedhii dogoggoraa ajjeesuu mannaa itti caalchisa. Gochi kun namni tokko Waaqayyo duratti qulqulluu kan hin taane ykn xuraaʼaa akka taʼu godha.
“Namni hamma fedhiin isaa kakaʼutti dubartii takka ilaaluu isaa itti fufu hundi garaa isaatti ishii wajjin ejja raawwateera.” (Maatewos 5:28) Fakkiiwwan gocha saalqunnamtii naamusaan ala taʼe argisiisan yaada dogoggoraa gocha dogoggoraatti geessu kakaasu.
“Halalummaan, xuraaʼummaan akaakuu hundumaa yookiin sassatni isin gidduutti hin dubbatamin.” (Efesoon 5:3) Waaʼee saalqunnamtii naamusaan ala taʼee ilaaluu ykn dubbisuun haa hafuutii taphaaf jennee illee waaʼee kanaa kaasuu hin qabnu.
“Hojiiwwan foonii ifatti mulʼatu: Isaanis halalummaa, xuraaʼummaa, . . . fi wantoota kana fakkaatanii dha. Akkuman kanaan dura isin akeekkachiise waaʼee wantoota kanaa irra deebiʼeen isin akeekkachiisa; namoonni wantoota akkasii raawwachuu amaleeffatan Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.” (Galaatiyaa 5:19-21) Waaqayyo namoota Poornoogiraafii ilaalan akkasumas saaybarseeksii, foonseeksii fi seekstiingii irratti hirmaatan akka qulqulluu hin taanetti ykn naamusaan xuraaʼoo akka taʼanitti ilaala. Wantoota kana raawwachuu yoo amaleeffanne Waaqayyo biratti guutummaatti fudhatama dhabna.