Qumaarri Cubbuu Dhaa?
Deebii Kitaaba Qulqulluu
Kitaabni Qulqulluun waaʼee qumaaraa balʼinaan kan hin ibsine taʼus, Waaqayyo qumaara akka cubbuutti akka ilaalu qajeelfamawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irraa hubachuu dandeenya.—Efesoon 5:17. a
Qumaarri gocha namni tokko sassata isa Waaqayyo biratti jibbisiisaa taʼeen kakaʼee raawwatu dha. (1 Qorontos 6:9, 10; Efesoon 5:3, 5) Namoonni qumaara taphatan kasaaraa warra kaaniitiin buʼaa argachuuf abdatu; Kitaabni Qulqulluun garuu qabeenya warra kaanii hawwuu ni balaaleffata.—Baʼuu 20:17; Roomaa 7:7; 13:9, 10.
Maallaqa xinnoodhaan illee qumaara taphachuun namni tokko jaalala maallaqaa isa miidhaa geessisuun akka qabamu gochuu dandaʼa.—1 Ximotewos 6:9, 10.
Namoonni qumaara taphatan yeroo baayʼee humna addaatti ykn milkiitti amanamu. Haa taʼu malee, Waaqayyo amantii akkasii akka waaqolii tolfamoo waaqeffachuutti ilaala; kun immoo waaqeffannaa isaa wajjin wal faallessa.—Isaayaas 65:11.
Kitaabni Qulqulluun akkasumaan waa argachuuf hawwuu mannaa, jabaannee akka hojjennu nu jajjabeessa. (Lallaba 2:24; Efesoon 4:28) Namoonni gorsa Kitaaba Qulqulluu hordofan ‘wanta ofiin hojjetanii argatan nyaachuu’ dandaʼu.—2 Tasalonqee 3:10, 12.
Qumaara taphachuun morkii dogoggoraa Kitaabni Qulqulluun balaaleffatu kakaasuu dandaʼa.—Galaatiyaa 5:26.
a Waaʼeen qumaaraa Kitaaba Qulqulluu keessatti kan ibsame loltoota Roomaa warra ofittummaadhaan uffata Yesuus irratti carraa buufatan wajjin haala wal qabateen qofa dha.—Maatewos 27:35; Yohaannis 19:23, 24.