Warri Waaʼee Saalaa Ijoollee Isaanii Barsiisuu kan Dandaʼan Akkamitti?
Deebii Kitaaba Qulqulluu
Waaʼee saalaa ijoollee barsiisuu kan qabu eenyu? Kitaabni Qulqulluun kun itti gaafatamummaa warraa akka taʼe ibsa; warri hedduun yaadawwan armaan gadii gaarii taʼuu isaanii hubataniiru:
Hin saalfatinaa. Kitaabni Qulqulluun waaʼee saalqunnamtii fi qaamawwan hormaataa ifatti dubbata; Waaqayyo waaʼee dhimmoota akkasii “warra xixiqqoo” barsiisuu akka qaban saba Israaʼel ajajeera. (Keessa Deebii 31:12; Leewwota 15:2, 16-19) Waaʼee saalqunnamtii ykn qaamawwan hormaataa karaa nama hin saalfachiisneen isaan barsiisuuf jechoota ulfina qabanitti fayyadamuu dandeessu.
Suuta suuta isaan barsiisaa. Ijoolleen keessan yeroo umurii kurnanii irra gaʼanitti yeroo tokkotti wantoota baayʼee isaanitti himuu mannaa, hamma isaan hubachuu dandaʼaniin suutuma suuta isaan barsiisaa.—1 Qorontos 13:11.
Ulaagaalee naamusaa isaan barsiisaa. Manneen barumsaa waaʼee saalaa ijoolleedhaaf barumsa tokko tokko kennuu dandaʼu. Haa taʼu malee, warri ijoollee isaanii qaamawwan hormaataa kamfaa akka taʼan qofa utuu hin taʼin, ilaalcha saalaaf qabaachuu qabanis isaan barsiisuu qabu.—Fakkeenya 5:1-23.
Ijoollee keessan dhaggeeffadhaa. Ijoolleen keessan waaʼee saalaa gaaffii yoo isin gaafatan hin dheekkaminaa ykn isaanitti murteessuuf hin ariifatinaa. Kanaa mannaa, “dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa” taʼaa.—Yaaqoob 1:19.
Ijoollee keessan namoota miidhaa saalaa isaan irraan geessisan irraa eeguu kan dandeessan akkamitti?
Odeeffannoo sassaabbadhaa. Namoonni miidhaa saalaa geessisan maalfaa akka raawwatan beekuuf yaalaa.—Fakkeenya 18:15; kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaa fi Deebiiwwan Hojii Irra Ooluu Dandaʼan jedhamu, Jildii 1, boqonnaa 32 ilaali. (Amaariffa)
Sochii ijoollee keessanii hordofaa. Namni tokko kan amanamu taʼuu isaa utuu hin mirkaneessin ijoollee keessan akka isiniif eegu dabarsitanii isatti hin kenninaa; akkasumas ijoolleen keessan “gadhiisii” akka taʼan hin heyyaminaa.—Fakkeenya 29:15.
Ajajamuuf ilaalcha madaalamaa akka qabaatan barsiisaa. Ijoolleen warra isaaniitiif ajajamuu barachuun isaan barbaachisa. (Qolosaayis 3:20) Taʼus, ijoolleen keessan yeroo hunda namoota guguddaa kamiif iyyuu ajajamuu akka qaban yoo isaan barsiistan, miidhaadhaaf isaan saaxiltu. Warri Kiristiyaanota taʼan ijoollee isaaniitiin, “Namni kam iyyuu wanta Waaqayyo dogoggora akka taʼe dubbate akka raawwattu yoo si gaafate isaaf ajajamuu hin qabdu” jedhanii itti himuu dandaʼu.—Hojii Ergamootaa 5:29.
Tarkaanfiiwwan salphaa eegumsa gochuuf isin dandeessisan fudhadhaa. Namni tokko bakka isin hin jirretti miidhaa saalaa isaan irraan geessisuuf yaalii yoo godhe maal gochuu akka qaban isaan barsiisaa. Haalawwan gaʼuu dandaʼan tokko tokko hojiin argisiisaan isaanitti argisiisuun keessan, ijoolleen keessan ija jabina “Kana gochuu kee dhiisi! Siin hima!” jechuuf isaan dandeessisuu fi bakka sanaa saffisaan deemuuf isaan gargaaru akka qabaatan godha. Salphaatti irraanfachuu waan dandaʼaniif, ‘irra deddeebitanii ijoollee keessan’ yaadachiisuu isin barbaachisa taʼa.—Keessa Deebii 6:7.