Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | GAAʼELA

Alkoolii Garmalee Dhuguu fi Gaaʼela

Alkoolii Garmalee Dhuguu fi Gaaʼela

 Hiriyaan gaaʼelaa kee barsiifanni dhugaatii ati qabdu akka ishii yaaddessu sitti himteettii? Taanaan wantoonni irratti yaaduu qabdu tokko tokko jiru.

Mata duree kana keessatti

 Alkoolii garmalee dhuguun gaaʼela miidha

 Alkoolii garmalee dhuguun dhukkuba onnee, dhukkuba rajiijii fi kaansarii namatti fiduu dandaʼa. Alkoolii garmalee dhuguun dhibee fayyaa uumuu caalaa rakkina fidu qaba; kunis gaaʼela keessatti miidhaa mana keessaa, rakkina maallaqaa, wal amantaa dhabuu fi wal hiikuuf sababa taʼa.

 Kitaabni Qulqulluun namni alkoolii garmalee dhugu, “Akkuma bofaatti nama hidda, akkuma buutiittis summii maddisiisa” jechuudhaan dubbata. (Fakkeenya 23:32) Araada alkoolii akka qabdu beekuu kan dandeessu akkamitti?

 Araada alkoolii qabdaa?

 Gaaffiiwwan armaan gadii mallattoo araada kana akka qabdu beekuuf si gargaaranidha.

  •   Alkoolii dhuguu irraa of toʼachuun si rakkisaa?

  •   Yeroo baayʼee itti aansuudhaan immoo yoom akka dhugdu yaaddaa?

  •   Rakkina gaaʼela kee keessatti uumaa jiru utuma beektuu dhuguu kee itti fufaa jirtaa?

  •   Alkoolii dhiisuuf yommuu yaaddu matumaa irraa fagaachuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamaa?

  •   Alkoolii dhuguun kee hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin akka wal qoccoltan godhaa?

  •   Hanga kanaan dura dhugaa turte caalaa dhugdaa?

  •   Mana kee ykn bakka hojiitti dhoksitee dhugdaa?

 Gaaffiiwwan armaan olii keessaa tokko ykn isaa oliif eeyyee jettee deebista taanaan araada alkoolii akka qabdu kan argisiisudha.

 Alkoolii ilaalchisee rakkina qabdu hin haalin

 Hiriyaan gaaʼelaa kee barsiifanni dhugaatii ati qabdu ishii yaaddessaa? Taanaan, dhimma kana akka laayyootti ilaaluuf ykn rakkina akka hin qabne fakkeessuuf yaalteetta jechuudha. Rakkina gama kanaan qabdu ilaalchisee hiriyaa gaaʼelaa kee ykn warra kaanitti qabachuuf yaaluudhaan akkas jetta taʼa:

  •   “Akka gaariitti na qabdeetta utuu taʼee hin dhugun ture.”

  •   “Hojii akka hankoo nama dhiphisu hojjetta utuu taʼee atis ni dhugda turte.”

  •   “Namoonni ana caalaa dhugan hedduun akka jiran beeka.”

 Sababawwan akkasii dhiheessita taanaan alkoolii dhuguu gaaʼela gammachiisaa taʼe qabaachuu irra caalchistee ilaaltaa? Caalaatti barbaachisaa kan taʼe isa kamidha?

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni fuudhe . . . akkamitti haadha manaa isaa akka gammachiisu . . . yaaddaʼa.”—1 Qorontos 7:33.

Haaluu mannaa wanta hiriyaa gaaʼelaa kee yaaddesseef xiyyeeffannaa guddaa kenni

 Wanta gochuu dandeessu

  •   Yaaddoo hiriyaa gaaʼelaa keetti dhagaʼameef xiyyeeffannaa kenni. Hiriyaan gaaʼelaa kee dhimma kana ilaalchisee garmalee yaaddaʼuun ishii barbaachisaa akka hin taane yoo sitti dhagaa‵amellee, sirreeffama akka gootu si kakaasuu hin qabuu? Garuu jijjiirama gochuu dhiisuudhaan hiriyaan gaaʼelaa kee yaaddoo ishii utuma sitti himtuu dhuguu kee kan itti fuftu taanaan, alkooliin rakkina uumaa jira jechuudha.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni hundi yeroo hundumaa faayidaa mataa isaa utuu hin taʼin, faayidaa nama kan biraa haa barbaadu.”—1 Qorontos 10:24.

  •   Dhugaa isaa hubadhu. Loltuun tokko waraanarratti diinota isaa moʼuuf, tooftaa isaan ittiin lolan beekuu qaba. Atis rakkina kanaa wajjin wal fakkaatu waan qabduuf diina kee moʼuuf waaʼee dhiibbaa alkoolii fi akka inni itti namoota kiyyoo keessa galchu baruu qabda. Akkasumas araada alkoolii keessaa baʼuu fi deebitee akka isaan hin qabamne irraa of eeguuf maal gochuu akka qabdu barachuun si barbaachisa.

     Kitaaba Qulqulluu: “Fedhiiwwan foonii warra isin waraanan irraa akka fagaattan isin nan gorsa.”—1 Pheexiros 2:11.

  •   Gargaarsa gaafadhu. Dhaabbanni fayyaa namoota araada alkoolii qaban irraa akka bayyaannatan akkasumas yaalii akka argatan gargaarsa kennan hedduun jiru. Sababawwan araada alkooliitiin akka qabamtu si taasisan hubachuuf michoota kee gaʼeessa taʼan irraas gorsa gaafachuu dandeessa. Achiis wanti akka dhugdu dhiibbaa sirratti godhu yommuu si mudatutti michuu kee kana dafii gargaarsa gaafadhu.

    Ogeessota fayyaa irraa gargaarsa argachuuf yaali

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.”—Fakkeenya 17:17.

 Alkoolii garmalee dhuguun rakkina cimaa waan taʼeef gorsa dubbisuudhaan argamuun salphaatti dhiisuu ykn xinnoo xinnoo dhuguu yaaluudhaan moʼuun dandaʼamu miti. Haataʼu malee, tarkaanfiin gama kanaan fudhattu fayyaa qaama keetii qofa utuu hin taʼin gaaʼela kees akka tuqu hubachuu qabda.

 Odeeffannoo dabalataa argachuuf: Mata dureewwan kanatti aananii jiran dubbisuudhaan namoonni kaan alkoolii garmalee dhuguu irraa akkamitti akka fagaatan hubadhu.

 “Ani Amma Nama Gara Jabeessa Miti”

 “Kana Booda Ofitti hin Qaanaʼu”

 “Kanan Jiraadhu Daandii Irra Ture”

 Akkasumas viidiyoo, ‘Akkaataa Jireenyaa Kootti hin Gammanne’ jedhu ilaali.