Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | GAAʼELA

Gaaʼela Dura Waliin Jiraachuu Qabnaa?

Gaaʼela Dura Waliin Jiraachuu Qabnaa?

 Namoonni hedduun gaaʼela utuu hin dhaabbatin waliin jiraatu. Tokko tokko akkas kan godhan kan waliif taʼan taʼuu isaanii qoruu waan barbaadanii fi carraa gaaʼela milkaaʼina qabu hundeeffachuuf qaban guddisa jedhanii waan abdataniifi. Maarree gaaʼela dura waliin jiraachuun yaada gaariidhaa?

Mata duree kana keessatti

 Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

  •   Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii gaaʼelaan ala raawwatamu ni balaaleffata. Fakkeenyaaf, “Halalummaa irraa fagaadhaa” jedha. (1 Tasalonqee 4:3; 1 Qorontos 6:18) Kunimmoo gara fuulduraatti gaaʼela godhachuuf kan yaadan taʼullee, saalqunnamtii dhiiraaf dubartii utuu gaaʼela hin dhaabbatin waliin jiraatan dabalata. a Ulaagaaleen Kitaaba Qulqulluu ulfa utuu gaaʼela hin dhaabbatin uumamuu fi miidhaawwan kan biroo gaaʼela dura waliin jiraachuudhaan uumamanirraa isaan eeguuf gargaara.

  •   Qophiin gaaʼelaa Waaqayyo biraa kan argamedha. Waaqayyo gaaʼela yeroo hundeessetti akkana jedheera: “Namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana; isaan foon tokko taʼu.” (Uumama 2:24) Waadaan gaaʼelaa maatii jaalala qabuu fi dhaabbataa taʼe hundeessuuf gumaacha guddaa godha.

 Waliin jiraachuun gaaʼelaaf si qopheessaa?

 Namoonni tokko tokko “Eeyyee” jedhanii deebisu. Hojii mana keessaa yeroo waliin hojjetanii fi guyyaa guyyaadhaan amala walii yommuu hubatanitti, muuxannoo faayidaa guddaa qabu akka argatan isaanitti dhagaʼama. Gaaʼela milkaaʼina qabuuf garuu waadaa gaaʼelaa galuun murteessaadha.

 Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo gaarii taʼettis taʼe, yeroo gaarii hin taanetti walitti maxxanuu kan dandaʼan akkamitti? Gaaʼela gaarii qabaachuuf wanti murteessaa taʼe, gaaʼela dura waliin jiraachuu, jechuunis yeroo dhiirri tokkoo fi dubartiin tokko hariiroo isaanii yeroo taʼe tokkotti dhaabuu akka dandaʼanitti ilaalan taʼuu isaa miti. Kanaa mannaa, hariiroon lamaan isaanii gidduu jiru kan cimu, waadaa gaaʼelaa galanitti cichanii yommuu jiraatanii fi rakkoo isaan mudate furuuf yommuu waliin hojjetanittidha.

 Yaada ijoo: Dhiirrii fi dubartiin waliin jiraatan gaaʼelaaf of qopheessuu mannaa, utuu gaaʼela hin godhatin waliin jiraachuu filatan gargar baʼuuf qophaaʼaa jiru taʼa.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni waanuma facaase sana haammata.”—Galaatiyaa 6:7.

 Waliin jiraachuun gama maallaqatiin si fayyadaa?

 Namoonni tokko tokko “Eeyyee” jedhanii deebisu. Wiirtuun Qorannaa Piiyuu jedhamu akka ibsetti, Yuunaayitid Isteetis keessatti gaʼeessota kudhan keessaa gara afurii kan taʼan, gaaʼela utuu hin dhaabbatin kan waliin jiraatan gama maallaqaatiin akka isaan fayyadu waan amananiifidha. Haa taʼu malee, yeroo muraasaaf erga waliin jiraatanii booda, namoota qorannaan irratti geggeeffame keessaa hedduun isaanii sababii guddaan gaaʼela godhachuuf akka hin qophoofne isaanitti dhagaʼamu rakkina maallaqaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama.

 Gaaʼela dura waliin jiraachuun, keessumaa dubartootarratti miidhaawwan kan biroos geessisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, hariiroo isaanii erga dhaabanii booda yeroo baayʼee itti gaafatamummaa ijoollee guddisuu kan fudhatu dubartootadha.

 Yaada ijoo: Miidhaan utuu gaaʼela hin dhaabbatin waliin jiraachuun geessisu, faayidaa argamsiisa jedhamee yaadamu kam irrayyuu baayʼee kan caaludha.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Ani Waaqa kee Yihowaa isa wanta si fayyadu si barsiisu [dha].”—Isaayyaas 48:17.

 Waliin jiraachuun nama siif hin taanee wajjin gaaʼela dhaabbachuu irraa si oolchaa?

 Namoonni tokko tokko “Eeyyee” jedhanii deebisu. Haa taʼu malee, kitaabni Fighting for Your Marriage jedhamu “namoonni gaaʼela godhachuu isaanii dura waliin jiraatan, yeroo baayʼee gargar baʼuun baayʼee ulfaataa akka isaanitti taʼu hin hubatan” jechuudhaan ibseera. Maaliif? Namoonni gaaʼela godhachuu isaanii dura waliin jiraatan tokko tokko, matumaa walii galuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama taʼa. Taʼus itti gaafatamummaa kanneen akka, beeladoota waliin qaban kunuunsuu, kiraa mana keessa jiraatan kaffaluu ykn ulfa utuu hin eegamin dhufuu jiran ilaalchisee, wanta qorattoonni “hariiroo jijjiiramuu hin dandeenye”  b jedhanii waaman gidduu isaanitti uumama. Karaa biraatiin, kitaabni Fighting for Your Marriage jedhamu itti fufuudhaan, “namoonni gaaʼela godhachuu isaanii dura gargar baʼuuf yaadan tokko tokko, caalaatti salphaa waan isaaniif taʼuuf waliin jiraachuu isaanii itti fufuuf dirqamu” jedha.

 Yaada ijoo: Waliin jiraachuun murtoo gaarii akka gootu si gargaaruu mannaa, hariiroo gaarii hin taane addaan kutuun baayʼee akka sitti ulfaatu gochuu dandaʼa.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata, namni muuxannoo hin qabne garuu ittuma deema, miidhaanis isa irra gaʼa.”—Fakkeenya 22:3.

 Filannoon hundarra wayyu jiraa?

 Miidhaa gaaʼela utuu hin godhatin waliin jiraachuun geessisu hambisuu fi carraa gaaʼela gaarii hundeessuuf qabdu guddisuu ni dandeessa. Akkamitti? Qajeelfama Kitaabni Qulqulluu gaaʼela ilaalchisee kenne sirriitti hordofuudhaani. Akka abbaa manaa fi haadha manaatti nama tokkoo wajjin jiraachuu jalqabuu kee dura, nama hiriyaa gaaʼelaa godhachuuf yaadaa jirtu sana beekuuf yeroo gaʼaa ramadi. Nama hiriyaa gaaʼelaa godhattu miira saalqunnamtii irratti utuu hin taʼin, amala naamusaa fi amantii walfakkaataa qabdan irratti hundooftee taʼuun isaa baayʼee barbaachisaadha.

 Kitaabni Qulqulluun gorsa gaaʼela gammachiisaa fi dhaabbataa taʼe hundeeffachuuf si gargaaruu dandaʼu qabateera. c Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun qajeelfama wantoota armaan gadii gochuuf si gargaaruu dandaʼu qabateera:

 Waaʼee dhimmoota kanaa caalaatti beekuuf, jw.org irraa kutaa “Gaaʼelaa fi Maatii” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin [barreeffaman].”—2 Ximotewos 3:16.

a Mata duree Afaan Amaariffaatiin jiruu fi “Hamma Wal Jaallatanitti Saalqunnamtii Raawwachuun Dogoggora Maalii Qaba?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.

b Barruu Family Relations jedhamuu fi mata duree “Harkifachuu fi Murteessuu: Fajajuu fi Miidhaa Gaaʼela Dura Waliin Jiraachuun Qabu” jedhuu kan Iskoot M. Istaanlii, Galiinaa Kilaayiin Roodisii fi Hawaardi J. Maarkimaan jedhaman qopheessanirraa kan fudhatame.

c Aadaa tokko tokko keessatti, ilma ykn intala isaaniitiif hiriyaa gaaʼelaa kan filatan warradha. Naannoo keessanitti haalli isaa akkas yoo taʼe, amalawwan akkamii akka qaban ilaaluurratti Kitaabni Qulqulluun warra gargaaruu dandaʼa.