Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU

Ijoolleen Obsa Akka Baratan Gargaaruu

Ijoolleen Obsa Akka Baratan Gargaaruu

 Mucaan keessan “Kunoo natti ulfaate” jedhee booʼa. “Baayʼee ulfaata! Kana matumaa barachuu hin dandaʼu” isiniin jedha. Wanta tokko hojjechuun baayʼee waan isatti ulfaateef hojjechuuf yaalii utuu hin godhin abdii kutachuutti deemaa jira. Mucaan keessan yommuu rakkatu arguun kan isin gaddisiisu taʼus wantoota nama qoran dandamachuu akka baratu ni barbaaddu. Maarree isa gargaaruutti ariifattu moo carraa kanaan mucaan keessan obsa akka baratu gargaaruu barbaaddu?

Wanta beekuu qabdan

 Obsi amala murteessaa taʼe dha. Warri mucaan isaanii jabaatee hojjechuudhaan dandeettiiwwan isaa akka guddifatu kan isa gargaaran taanaan carraa inni mana barumsaatti qabxii gaarii fiduuf qabu guddaa taʼa; gama miiraa fi qaamaatiinis fayyaa gaarii argata; namoota kaanii wajjin salphaatti walitti dhufeenya gaarii uumuu dandaʼa. Faallaa kanaatiin warri mucaan isaanii haalli rakkisaan akka isa hin mudannee fi dogoggora akka hin raawwanne kan isa golgan taanaan, carraa inni haala dhiphisaa taʼeef moʼamuuf qabu guddaa taʼa; dandeetti akka hin qabne isatti dhagaʼama; erga guddatee boodas carraa inni gammachuudhaan jiraachuuf qabu xiqqoo taʼa.

 Obsa argisiisuu guddifachuun ni dandaʼama. Ijoollee xixinnoon illee taanaan hojii xixinnoo akka hojjetanii fi rakkina furuuf kutannoo qaban akka guddifatan gargaaruun ni dandaʼama. Qorannoon gama kanaan godhamee turee akka argisiisetti: mucaan jiʼa 15 namni tokko utuu carraaqqii hin godhin wanta tokko yommuu hojjetu ilaaluu mannaa, yommuu inni carraaqqii gochuudhaan wanta tokko hojjetu ilaaluun wanta isatti ulfaatu waldhaansoo gochuudhaan hojjechuuf kan isa kakaasu taʼuusaa qorattoonni hubataniiru.

 “Shamarran koo xixinnoo yeroo turanitti kophee isaanii akkamitti akka hidhatan isaan barsiisuu koo nan yaadadha. Dandeettii guyyaa tokkotti hojiirra oolchuu dandeessu miti. Kophee isaanii hidhachuuf yommuu jedhan hundatti daqiiqaa 10 hanga 15 kophaa isaanii taaʼanii akkamitti akka hidhamu yaalu. Achii booda isaanan gargaara. Jiʼoota muraasaaf waldhaansoo gochuu isaan gaafateera. Kanarra iyyuu darbee yeroo tokko tokko ni booʼu turan. Booda garuu itti baran. Kophee hidhaa hin qabne utuun biteefii anaaf salphaai ture. Warra kan taane yeroo tokko tokko ijoollee keenya obsa barsiisuuf nuti ofii keenya obsa qabaachuu qabna.”—Kaaliin.

 Obsi laafuu dandaʼa. Warri tokko tokko utuu isaanitti hin beekamin obsi mucaa isaanii akka laafu gochuu dandaʼu. Akkamitti? Wanti rakkisaa taʼe yeroo isa mudatu akka inni hin gaddine ykn abdii hin kutanne sodaachuudhaan isa gargaaruutti ariifatu; akkas gochuun miirri gaariin mucaa isaaniitti akka dhagaʼamu akka godhu yaadu. Akkas gochuun garuu miidhaa geessisu qaba. Jeesiikaa Leehii kan jedhaman akkas jedhaniiru; ‘Ijoollee keenya wanta rakkisaa taʼe irraa yeroo oolchinu hundatti ergaa ifa taʼe tokko isaaniif dabarsaa jirra; kunis gaʼumsa akka hin qabne ykn akka isaan hin dandeenye akkasumas amantii akka isaanirratti hin ganne itti himaa jirra. Kun buʼaa maalii fida? Gara fuulduraatti wanti rakkisaan yeroo isaan mudatu namni guddaan gidduu galee isaan oolchuu akka qabu waan isaanitti dhagaʼamuuf dafanii abdii kutatu.’ a

Mucaa keessan hojii ulfaataa irra ittisuu manna, obsa akka horatu barsiisaa

Maal gochuu dandeessu?

 Jabaatanii akka hojjetan jajjabeessaa. Warri hojii umurii ijoollee isaanii wajjin deemu isaaniif kennuudhaan obsa horachuu akka dandaʼan barsiisuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, ijoollee xixinnoon mana barumsaa hin galle uffata isaanii sirnaan akka kaaʼan, qodaa ittiin taphatan akka walitti qaban gochuun ni dandaʼama. Warri umuriin isaanii xinnoo ol kaʼe immoo wanta gabaadhaa bitame iddoo iddoo qabsiisanii akka kaaʼan, saanii itti nyaatamu akka dhiheessanii fi akka kaasan, balfaa akka gatan akkasumas wantoota lafarra buʼan akka qulqulleessan gochuu dandeessu. Ijoolleen umurii dargaggummaa irra jiran immoo qulqullinaa fi suphuu wajjin haala wal qabateen hojii ciccimoo akka hojjetan gochuun ni dandaʼama. Ijoolleen hojii hojjechuu hin barbaadan taʼa; haa taʼu malee warri xinnummaa isaaniitii kaasee hojii mana keessatti hojjetamu irratti ijoolleen qooda akka fudhatan itti gaafatamummaa kan kennaniif taanaan ni fayyadamu. Ijoolleen hojii kanarraa faayidaa kan argatan akkamitti? Erga guddatanii booda hojiin ulfaataan dirqama hojjechuun isaanirraa eegamu yeroo isaan mudatu irraa fagaachuu mannaa obsanii hojjechuu baratu.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Hojiin ciminaan hojjetamu kam iyyuu buʼaa qaba.”—Fakkeenya 14:23.

 “Hojii ijoolleen akka isinirraa callisan godhu qofa kennuudhaan yeroo hin qisaasinaa. Ijoollees dabalatee namni kamiyyu haala akkasiitti hin gammadu. Hojii gargaarsa akka godhan akka isaanitti dhagaʼamu godhu tokko isaaniif kennaa. Ilmi keessan hojjaan isaa ni qaqqaba taanaan awwaara akka qulqulleessu gochuu dandeessu. Konkolaataa qulqulleessaa jirtu taanaan bakka isin bira gaʼuu hin dandeenye gad jedhee akka qulqulleessu gochuu dandeessu. Jabaatee waan hojjeteefis isa galateeffachuu hin dagatinaa.”—Kiriis

 Hojii cimaa yeroo hojjetan akka gaariitti gargaaraa. Yeroo tokko tokko ijoolleen hojii tokko akkamitti akka raawwatan waan hin beekneef abdii kutachuu dandaʼu. Kanaafuu ijoollee keessan hojii haaraa tokko yommuu barsiistan mala armaan gadii yaaluu dandeessu. Jalqaba, hojicha yeroo isin hojjettan akka ilaalu godhaa. Achiis waliin hojjedhaa. Itti aansuudhaan yeroo inni hojjetu ilaaluudhaan yaada gaarii isaaf kennaa. Dhuma irratti ofii isaatiin akka hojjetu godhaa.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Akkuma ani isiniif godhe, isinis akkanuma akka gootan ani fakkeenya isiniif taʼeera.”—Yohaannis 13:15.

 “Ijoolleen keenya obsa akka horatan yoo barbaanne nuti warri fakkeenya taanee argamuu akka qabnu muuxannoo koo irraa argeera. Amala akka isaan horatan barbaannu ofii keenyaan argisiisuu qabna.”—Daag.

 Namni kamiyyuu wanta tokko hojjechuuf akka rakkatu fi dogoggora raawwatu akka amanan gargaaraa. Hojii tokko raawwachuuf yommuu itti rakkattanii turtanii fi yeroo sanatti abdii kutachuu dhiisuun keessan faayidaa isiniif argamsiise mucaa keessanitti himaa. Hojii tokko yeroo jalqabaatiif yommuu hojjennu kan nu rakkisu akka taʼee fi dogoggora raawwachuun barumsa irraa argachuuf carraa akka banu isaaf ibsaa. Dogoggora raawwachuun isaa jaalala isaaf qabdan akka hin hirʼisne isaaf mirkaneessaa. Maashaaleen irree sochii qaamaa yommuu godhan akkuma jabaatu, obsi ijoollee keessaniis kan jabaatu haalawwan rakkisaa isaan mudatan akka dandamatan yeroo heyyamtanidha. Kanaafuu mucaan keessan wanta tokko hojjechuuf yeroo rakkatutti daftanii gidduu galuu mannaa ofiisaatiin akka yaalu yeroo kennaafii. Kitaabni How Children Succeed jedhu akkas jedha, “Karaan hunda caaluu fi mucaan tokko cimaa fi gaʼeessa akka taʼu gargaaruun dandaʼamuu, carraa inni itti dogoggora raawwatu hedduun akka jiru utuma beeknuu wanta sana akka yaalu heyyamuu dha.”

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni bara dargagummaa isaatti waanjoo ittiin barsiifamu baachuun isaaf gaarii dha.”—Faaruu Ermiyaas 3:27, Hiika Bara 1997.

 “Ijoolleen yeroo barbaachisaa taʼetti akka isaan gargaarru akka beekan gochuudhaan hojii cimaa tokko akka hojjetan gochuun isaan fayyada. Wanta isaanitti ulfaatee ture tokko yeroo booda akka kanaan duraa waldhaansoo gochuun isaan hin barbaachisu taʼa; obsa qofa utuu hin taʼin miira ofitti amanuu horatu.”—Joordaan.

 Dandeettii isaaniitiif utuu hin taʼin carraaqqii godhaniif isaan galateeffadhaa. Fakkeenyaaf, mucaa keessaniin “Qabxii gaarii argatte! Dandeettii guddaa qabda!” jechuu mannaa, “Qabxii gaarii argatte! Kun hangam jabaattee akka hojjette argisiisa” jechuu dandeessu. Ijoollee dandeettii isaaniitiif utuu hin taʼin carraaqqii isaan godhaniif isaan galateeffachuun faayidaa kan qabu maaliifi? Dandeettii isaaniitiif kan isaan galateeffannu yoo taʼe “hojiin tokko yoo isaanitti ulfaate ykn dogoggora yoo raawwatan of shakkuu jalqabu” jechuudhaan Doktar Kaarel Diwiik dubbataniiru. Itti dabaluudhaanis akkas jedhaniiru: “Wanti hunda caaluu fi warri ijoollee isaaniitiif kennuu dandaʼan ijoolleen wanta rakkisaa taʼe akka jaallatan, dogoggora raawwachuun wanta tokko qoruuf kan isaan kakaasu, carraaqqii gochuun kan isaan gammachiisu, akkaataa ittiin hojjetan haaraa faluu fi baruuf fedhii akka qabaatan godhanii guddisuu dha. Ijoolleen haala kanaan guddatan yeroo hunda galateeffatamuu akka qaban isaanitti hin dhagaʼamu.” b

 Gorsa Kitaaba Qulqulluu: “Namni galata argatuun ni qorama.”—Fakkeenya 27:21.

a Kitaaba The Gift of Failure jedhamu irraa kan fudhatame.

b Kitaaba Mindset jedhamu irraa kan fudhatame.