GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU
Waaʼee Jibba Sanyii Ijoollee Wajjin Mariʼachuu
Mucaan keessan ijoollummaa isaatti namoonni tokko tokko bifa ykn lammummaa isaaniitiin kan kaʼe warra kaan yeroo qoodan argee taʼuu dandaʼa. Jibba sanyii wajjin haala wal qabateen, ilaalchi namoota kaanii mucaa keessan irratti dhiibbaa akka hin goone isa gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Sababii sanyii isaatiin kan kaʼe mucaa keessan irra rakkinni yoo gaʼehoo maal gochuu dandeessu?
Mata duree kana keessatti
Waaʼee sanyii ijoollee wajjin mariʼachuun kan dandaʼamu akkamitti?
Wanta ibsuufii qabdan. Addunyaa maratti ilmaan namootaa bifaa fi aadaa dinqisiisoo garagaraa qabantu jiru. Garaagarummaa kanaan kan kaʼe namoonni tokko tokko bifa ykn gocha isaanii irratti hundaaʼuudhaan namoota kaan baayʼee miidhu.
Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun ilmaan namootaa hundi nama tokkorraa akka argaman barsiisa. Jecha biraatiin, hundi keenyayyuu firooma qabna jechuu dha.
“[Waaqayyo] namoota saba hundumaa nama tokko irraa uume.”—Hojii Ergamootaa 17:26.
“Ijoolleen keenya namoota sanyii garagaraa qaban kaanii wajjin michoomuu yeroo jalqaban, jaalallii fi kabajni tokkoon tokkoon namaatiif kan malu taʼuu isaa akka hubatan arguu dandeenyeerra.”—Kaaran.
Waaʼee jibba sanyii ijoolleef ibsuun kan dandaʼamu akkamitti?
Oolee bulee, mucaan keessan gabaasa oduu waaʼee namoota sababa sanyiitiin warra kaan jibbanii, darbees yakka isaanirratti raawwatanii dhagaʼuun isaa hin oolu. Wanta raawwatamaa jiru ibsuufii kan dandeessan akkamitti? Haala umurii mucaa keessanii irratti hundaaʼuudhaan karaa adda addaa ibsuufii dandeessu.
Ijoollee umurii mana barumsaa itti galan irra hin geenye. Doktar Aliisan Biriskoo Ismiiz barruu Paarentis jedhamu irratti, “Daaʼimman, wanta sirrii taʼee fi sirrii hin taane akka gaariitti beeku. Kun waaʼee jalʼina haqaa isaanitti himuuf buʼuura gaariidha” jechuudhaan barreessaniiru.
“Waaqayyo akka hin loogne ani amma dhuguma hubadheera; kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.”—Hojii Ergamootaa 10:34, 35.
Ijoollee umuriin isaanii waggaa 13 gad taʼe. Ijoolleen umurii waggaa 6 fi 12 gidduutti argaman waan baayʼee beekuu barbaadu, yeroo tokko tokkommoo gaaffii ulfaataa gaafatu. Kanaaf hanga isiniif dandaʼame deebii kennaafii. Wanta isaan mana barumsaatti arganii fi televijiiniidhaan ilaalan irratti wajjin mariʼadhaa; carraa kanatti fayyadamuudhaanis jibbi sanyii sirrii akka hin taane isaaniif ibsaa.
“Yaadaan tokkummaa qabaadhaa, miira walii hubadhaa, jaalala obbolummaa qabaadhaa, gara laafina qabaadhaa, akkasumas kan gad of qabdan taʼaa.”—1 Pheexiros 3:8.
Dargaggoota. Dargaggoonni wantoota wal xaxoo taʼan hubachuu ni dandaʼu. Kanaaf, Umuriin kun umurii gaarii mucaa keessanii wajjin waaʼee gabaasa oduu jibba sanyii itti dubbachuu dandeessanidha.
‘Namoonni bilchaatoon warra wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf dandeettii hubannaa isaanii hojjechiisuudhaan leenjisanidha.’—Ibroota 5:14.
“Waaʼee jibba sanyii ijoollee keenyaa wajjin dubbachuun barbaachisaa kan taʼe eessayyuu yoo jiraatan, yeroo taʼe tokkotti isaan mudachuu waan dandaʼuufidha. Waaʼee dhimma kanaa manatti hin dhagaʼan taanaan, isaanis fakkeenya namoota jibba sanyii qabanii hordofuu dandaʼu. Namoonni kun odeeffannoo sobaa dhugaa fakkeessuudhaan ijoollee keenyatti himuu dandaʼu.”—Taaniyaa.
Gama kanaan fakkeenya taʼuun kan dandaʼamu akkamitti?
Ijoolleen fakkeenya keessanirraa waan barataniif warra hamma taatanitti dubbii fi gocha keessaniin of eeggannoo guddaa gochuu qabdu. Fakkeenyaaf:
Namoota sanyii keessan hin taanetti ni qoostuu ykn ni tuffattuu? American Academy of Child and Adolescent Psychiatry akkana jedheera: “Ijoolleen keessan isin ilaaluu fi isin dhaggeeffachuudhaan amaluma isin argisiistan argisiisu.”
Namoota biyyoota garagaraa irraa dhufanii wajjin yeroo dabarsuu ni jaallattuu? Ogeessa yaalii fi kunuunsa ijoollee kan taate Alaanaa Zoomaan akkana jetteetti: “Ijoolleen keessan namoota akkaataa guddinaa garaagaraa qabanii wajjin hariiroo gaarii akka qabaatan yoo barbaaddan jalqaba isin kana gochaa akka jirtan arguu qabu.”
“Namoota akaakuu hundumaa kabajaa.”—1 Pheexiros 2:17.
“Maatiin keenya waggoota hedduudhaaf, namoota guutummaa addunyaa keessaa dhufan keessummeesseera. Nyaataa fi muuziqaa isaanii barreerra; uffata aadaa isaanii illee uffanneerra. Ijoollee keenyaa wajjin waaʼee sanyii utuu hin taane waaʼee namootaa haasofna. Waaʼee aadaa keenyaa of jajuudhaan dubbachuurraa ni fagaanna.”—Kaatariinaa.
Mucaan keessan sababa sanyii isaatiin yoo jibbame maal gootu?
Namoonni hedduun waaʼee wal qixxummaa yoo dubbatanillee sanyiidhaan wal qooduun baayʼateera. Kanaaf mucaan keessan keessumaa sanyii akka gadaanaatti ilaalamurraa dhalate taanaan wanti sirrii hin taane irratti raawwatamee taʼuu dandaʼa. Taanaan . . .
Dhugaa isaa baruuf yaalaa. Namni kun gocha kana kan isarratti raawwate taʼe jedheeti moo utuu itti hin yaadinidha? (Yaaqoob 3:2) Namni miidhaa geessise sun akka itti gaafatamu barbaaddumoo dhimmicha callistanii irra darbuu dandeessu?
Gama kanaan madaallii keessan eeguun barbaachisaa akka taʼe ifadha. Kitaabni Qulqulluun; “Aariidhaaf hin ariifatin” jechuudhaan gorsa gaarii kenna. (Lallaba 7:9) Jibbi sanyii akka laayyootti ilaalamuu hin qabu; taʼus wanti nama miidhuuf jecha godhamu hundi yakka cimaa ykn akka jibba sanyiitti hin ilaalamu.
Haalawwan uumaman garaa gara akka taʼan beekamaa waan taʼeef, tarkaanfii kamiyyuu fudhachuu keessan dura wanta dhugumaan taʼe hubachuuf yaalaa.
“Namni kam iyyuu odeeffannoo jiru dhagaʼuu isaa dura dhimma tokkoof deebii yoo kenne, gowwummaa fi salphina isatti taʼa.”—Fakkeenya 18:13.
Dhugaa isaa erga hubattanii booda akkana jedhaa of gaafadhaa:
‘Mucaan koo namoonni hundi hamoo akka taʼanii fi rakkinni yeroo irra gaʼuu hundatti namni akka isa hacuucaa jirutti yaaduun isaa waan isa fayyadu qabaa?’
‘Mucaan koo gorsa Kitaaba Qulqulluu, “Wanta namoonni dubbatan hundumaatiif xiyyeeffannaa hin kennin” jedhu hordofuun isaa isa faayiduu dandaʼaa laata?’—Lallaba 7:21.
“Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keessan namoota hundumaa biratti kan beekame haa taʼu.”—Filiphisiyus 4:5.
Miidhaan kan isarraan gaʼan utuma itti hin yaadin yoo taʼehoo? Akkaataa inni itti dhimma sana qaburratti hundaaʼuudhaan dhimmichi salphaa taʼuu ykn hammaachuu akka dandaʼu mucaan keessan akka hubatu gargaaraa. Yeroo tokko tokko namni tokko nama kan biraa kan doorsisu, humnaan kan isarratti kaʼuu fi kan isa qaanessu, namni inni sunis akkuma isaa akka godhu barbaadeeti. Haala akkasii keessatti, miidhaa gaʼe sana callisanii irra darbuun baayʼee gaarii dha.
“Bakka qoraan hin jirretti ibiddi ni dhaama.”—Fakkeenya 26:20.
Karaa biraatiin immoo, mucaan keessan namicha miidhaa geessise sana haasofsiisuu akka qabu isatti dhagaʼamnaan haasofsiisuu dandaʼa. Tarii mucaan keessan (haala naga qabeessa taʼeen), “Wanti ati dubbatte (goote) kun gaarii natti hin fakkaatu” jechuu dandaʼa.
Haala uumame gabaasuu yoo barbaaddanoo? Nageenyi mucaa keessanii balaadhaaf kan saaxilame yoo taʼe ykn haalichi akka salphaatti ilaalamuu akka hin qabne yoo isinitti dhagaʼame bulchiinsa mana barumsichaatti ykn barbaachisaa taanaan poolisiitti gabaasa gochuu dandeessu.