Dhimma ijoo ta'etti seeni

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Dandeettii Qoqqoodamuu Seelii

Dandeettii Qoqqoodamuu Seelii

 Daaʼimni tokko yommuu garaatti hafu guddinni isaa kan eegalu seelii baayʼee xinnoo ijaan hin argamnee fi Zaayigootii jedhamu irraati. Haataʼu malee, jiʼoota hedduu booda daaʼima qaama guutuu qabu taʼa. Seelii tokkittiin kun baayʼachuudhaan seelota boca, hammaa fi hojii garaagaraa qaban gara 200 oliitti jijjiiramti.

 Mee yaadi: Zaayigootiin tokko DNA isa keessatti argamu koppii godhee bakka lamatti hirama. Seelonni koppii taʼan kunis akkasuma godhu. Jalqaba irratti, seelonni haaraan kun wal fakkaatu. Seelonni kun DNA isaanii keessaa qajeelfama seelota gosa hundaaf barbaachisu qabu.

 Daaʼimni garaatti hafee torban tokko booda seelonni kun bakka lamatti hiramu. Seelonni tokko tokko gara micireetti jijjiiramu, seelonni kaan immoo obbaatii fi tishuuwwan micireen akka guddatu gargaaran kan biroo taʼu.

 Torbee sadaffaatti seelonni miciree caasaa sadiin walirra namʼu. Caasaan inni alaan jiru yeroo booda gara seelii narvii, sammuu, afaan, gogaa fi seelota kaaniitti jijjiirama. Caasaan inni gidduu immoo seelii dhiigaa, lafee, kalee, maashaalee fi tishuuwwan kan birootti jijjiirama. Caasaan inni keessaa immoo kutaalee qaama keessaa kanneen akka somba, afuuffee fincaanii fi sirna bullaaʼinsa nyaataatti jijjiirama.

Daaʼimni garaa keessa jiru guddachaa yeroo deemu seelonni garaa garaa 200 ol taʼan gara seelota garaa garaatti jijjiiramu

 Tibba haati ulfa taatee turtutti seelonni tokko tokko dhuunfaadhaan ykn gareedhaan kutaa miciree isa tokko irraa gara isa kan biraa deemu. Seelonni kaan immoo wal faana taʼanii akka funyootti mammaramuudhaan walirra namʼu. Adeemsi kun qindoomina guddaa gaafata. Fakkeenyaaf yeroo taʼe tokkotti seelonni akka funyootti mammaramanii walirra namʼan sun ujummoo xixinnoo taʼu. Kunis guutummaa miciree keessatti takkaatti taʼa. Achiis, ujummoowwan kun dheerachuu fi damee baasuu kan jalqaban siʼa taʼu, boodammoo wal qabachuudhaan marsaa guutuu uumu.

 Yeroo booda seelonni biliyoona dhibbaan lakkaaʼaman yeroo sirrii taʼetti gosa gosa isaaniitiin iddoo iddoo isaanii yommuu qabatan daaʼima fayya buleessa taʼetu dhalata.

 Maal sitti Fakkaata? Dandeettii Seeliin qoqqoodamuuf qabu jijjiirama tirannaatiin argamee? Moo qaamni kana tolche jira?