Dhimma ijoo ta'etti seeni

Daawwannaa Beetel

Waajjiroota damee keenya warra Beetel jedhamanii beekaman akka daawwattu si affeerra. Waajjiroonni keenya tokko tokko agarsiisawwan daawwachiistota malee ilaalaman qabu.

Daawwannaan Deebiʼee Jalqabameera: Biyyoota hedduu keessatti Waxabajjii 1, 2023 irraa kaasee waajjiroota damee keenya deebinee daawwachiisuu jalqabneerra. Odeeffannoo dabalataa argachuuf waajjira daawwachuu barbaaddu qunnami. Maaloo Kooviid-19 yoo sirratti argame, mallattoo qufaa ykn utaalloo yoo qabaatte ykn dhiheenyatti nama Kooviid-19n qabame wajjin wal argiteetta yoo taʼe hin dhufin.

Biraaziil

Odeeffannoo Daawwannaa

Daawwachuuf Beellama Qabsiisi

Beellama Kee Ilaali ykn Jijjiiri

Birooshura Daawwannaa Buufadhu

Agarsiisa

Kitaaba Qulqulluu fi Abbaa Kitaabichaa. Agarsiisni kun Yihowaa isa Abbaa Kitaaba Qulqulluu taʼeef ulfina isaaf malu kan kennuu fi waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isa dhaamsa Kitaaba Qulqulluu taʼe kan ibsudha. Daawwattoonni Kitaabni Qulqulluun bara keenya kan gaʼee fi mormitoonni ergaa isaa jijjiiruuf kan yaalan taʼus Yihowaan ergaan isaa inni jalqabaa akka hin jijjiiramne kan godhe akkamitti akka taʼe ilaaluu dandaʼu.

Agarsiisa Seena Qabeessa. Agarsiisni kun Yihowaan hojii lallabaa waggoota 120 oliif Biraaziil keessatti hojjetamaa ture kan eebbise akkamitti akka taʼe argisiisa. Daawwattoonni Biraaziil keessatti mormiinii fi ariʼatamni jiraatus hojichi kan jalqabee fi kan guddate akkamitti akka taʼe ilaalchisee odeeffannoo haaraa dhiheenyatti qorannoodhaan argame ilaaluu dandaʼu.

Teessoo fi Lakkoofsa Bilbilaa

Kallattiisaa Ilaali