Dhimma ijoo ta'etti seeni

Yeroo Balaan Uumamutti Dhugaa Baatonni Yihowaa Gargaarsa Ni Godhuu?

Yeroo Balaan Uumamutti Dhugaa Baatonni Yihowaa Gargaarsa Ni Godhuu?

 Eeyyee! Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo baayʼee balaan yommuu uumamu gargaarsa ni kennu. Namoota Dhugaa Baatota Yihowaa taʼaniifis taʼe hin taaneef gorsa Macaafa Qulqulluu isa Galaatiyaa 6:10 irratti argamuu fi, “Kottaa nama hundumaaf, addumaan immoo warra amantii keessa jiraniif, gaarii in hojjenna” jedhu hojii irra waan oolchinuuf gargaarsa ni goona. Akkasumas, namoota miidhaan irra gaʼe, wanta yeroo kanatti caalaatti isaan barbaachisu, jechuunis karaa miiraa fi hafuuraa gargaarsa isaanii gochuuf yaalla.—2 Qorontos 1:3, 4.

Gurmaaʼina

 Erga balaan uumamee booda, jaarsoliin gumiiwwan naannoo miidhametti argamanii miseensonni gumii isaanii hundi fayyaa taʼuu isaanii fi gargaarsi isaan barbaachisu maal akka taʼe beekuuf isaan qunnamuuf yaalu. Achiis jaarsoliin odeeffannoo walitti qabatanii fi gargaarsa isaan barbaachisu waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyya isaaniitti argamutti beeksisu.

 Gargaarsi barbaachisu humna gumiiwwan naannoo sanaatii ol yoo taʼe, Qaamni Olaanaan Dhugaa Baatota Yihowaa wanta barbaachisu guutuuf qophii godha. Kun immoo gargaarsa Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa yeroo beelaatti waliif godhanii wajjin wal fakkaata. (1 Qorontos 16:1-4) Waajjirri damee iddoo balaan itti uumame sana jiru Koree Gargaarsaa, gargaarsa kana gurmeessuu fi geggeessu muuda. Gargaarsa kana gochuuf Dhugaa Baatonni naannoo gara biraatti argaman yeroo fi qabeenya isaanii fedhiidhaan kennu.—Fakkeenya 17:17 hiika bara 1899.

Qarshii

 Karaan buusiiwwan qarshii gara waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaatti ergaman hojii irra itti oolan keessaa tokko namoota balaadhaan miidhamaniif gargaarsa gochuu dha. (Hojii Ergamootaa 11:27-30; 2 Qorontos 8:13-15) Hojiin kun namoota fedhiidhaan of dhiheessaniin waan hojjetamuuf qarshiin kan baʼu gargaarsumaaf qofa dha malee, dhimmoota bulchiinsaa wajjin wal qabataniif qarshiin baʼu hin jiru. Buusiiwwan hundi hojii irra kan oolan of eeggannoodhaani.—2 Qorontos 8:20.