Dhugaa Baatonni Yihowaa Dhiiga Kan Hin Fudhanne Maaliifi?
Yaada Dogoggoraa
Soba: Dhugaa Baatonni Yihowaa ogeessonni fayyaa akka isaan gargaaran waan hin amanneef yaalii fayyaa hin fudhatan.
Dhugaa: Ofii keenyaafis taʼe maatii keenyaaf yaalii fayyaa gaarii argachuu barbaanna. Rakkinni fayyaa yeroo nu mudatutti, doktoorota yaalii fayyaa baqaqsanii walʼaanuu dhiiga malee kennamu irratti dandeettii qaban bira deemna. Guddina gama yaalii fayyaatiin argamaa jiru baayʼee dinqisiifanna. Yaaliin fayyaa dhiiga malee taasifamu Dhugaa Baatota Yihowaatiif jecha kan jalqabame taʼus, amma namoota hundumaa gargaaraa jira. Biyyoota hedduu keessatti dhukkubsataan kam iyyuu rakkinoota dhiiga fudhachuudhaan mudatan, kan akka dhukkuboota dhiiga keessatti argamaniin qabamuu, wantoota dandeettii qaamni dhukkuba of irraa ittisuuf qabu miidhanii fi rakkinoota dogoggora namaatiin uumaman irraa fagaachuuf murteessuu dandaʼa.
Soba: Dhugaa Baatonni Yihowaa, amantiin nama tokko dhukkuba irraa fayyisuu dandaʼa jedhanii amanu.
Dhugaa: Dinqiidhaan namoota hin fayyisnu.
Soba: Yaaliin fayyaa dhiiga malee godhamu baasii guddaa gaafata.
Dhugaa: Baasiin yaalii fayyaa dhiiga malee godhamuuf baʼu baayʼee muraasa dha. a
Soba: Dhiiga fudhachuu diduu isaaniitiin kan kaʼe, ijoollee dabalatee Dhugaa Baatonni hedduun waggaa waggaadhaan ni duʼu.
Dhugaa: Yaadni kun guutummaa guutuutti soba dha. Ogeessonni yaalii fayyaa baqaqsanii walʼaanuu, walʼaansa baqaqsanii hodhuu wal xaxaa kan akka onnee, yaalii baqaqsanii hodhuu lafee fi yaalii qaama jijjiiruu dhiiga malee hojjetaniiru. b Ijoollee dabalatee, dhukkubsattoonni dhiiga malee walʼaanaman, yeroo baayʼee akkuma warra dhiiga fudhatanii ykn isaan caalaa dafanii fayyu. c Kanas taʼe sana, dhukkubsataan tokko dhiiga fudhachuu waan dideef ni duʼa ykn waan fudhateef fayya jedhanii dubbachuun hin dandaʼamu.
Dhugaa Baatonni Yihowaa Dhiiga Kan Hin Fudhanne Maaliifi?
Kun dhimma yaalii fayyaa utuu hin taʼin dhimma amantii ti. Kakuu Moofaanis taʼe Kakuu Haaraan dhiiga irraa akka fagaannu abboommii ifa taʼe kennu. (Uumama 9:4; Lewwoota 17:10; Keessa Deebii 12:23; Hojii Ergamootaa 15:28, 29) Akkasumas, Waaqayyo dhiiga akka jireenyaatti ilaala. (Lewwoota 17:14) Kanaafuu dhiiga kan nuti hin fudhanne Waaqaaf abboomamuuf qofa utuu hin taʼin, jireenya kennuu kan dandaʼu isa qofa akka taʼetti waan ulfina isaaf kenninuufi dha.
Jijjiirama Ilaalchaa
Yeroo tokko, ogeessonni fayyaa qorichawwan dhiiga malee yaalii fayyaa gochuuf gargaaran balaa kan geessisan, darbees nama ajjeesuu akka dandaʼanitti ilaalaa kan turan taʼus, waggoota dhihoodhaa asitti ilaalchi kun jijjiirameera. Fakkeenyaaf, bara 2004tti, mata dureen barruu barumsa yaalii fayyaa tokko keessatti baʼe, “malawwan dhukkubsattoota Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan gargaaruudhaaf jalqabaman gara fuulduraatti balʼinaan hojiirra oolu” jechuudhaan kaaʼeera. d Matadureen barruu Heart, Lung and Circulation jedhamu irratti bara 2010tti baʼe, “‘dhiiga malee baqaqsanii hodhuun’ Dhugaa Baatota Yihowaaf qofa utuu hin taʼin guyyaa guyyaatti yaalii fayyaa baqaqsanii walʼaanuu keessatti baramaa taʼeera” jedheera.
Addunyaa irratti doktooronni kumaan lakkaaʼaman dhiiga malee baqaqsanii walʼaanuu wal xaxaa taʼe raawwachuuf, malawwan dhiigni akka gar malee hin dhangalaane godhanitti fayyadamaa jiru. Filannoowwan kun biyyoota guddachaa jiran keessatti illee hojii irra oolaa kan jiran yommuu taʼu, dhukkubsattoonni Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane hedduun illee itti fayyadamuuf gaafachaa jiru.
a Transfusion and Apheresis Science, Volume 33, No. 3, p. 349 ilaali.
b The Journal of Thoracic and Cardiovascular Surgery, Volume 134, No. 2, pp. 287-288; Texas Heart Institute Journal, Volume 38, No. 5, p. 563; Basics of Blood Management, p. 2; and Continuing Education in Anaesthesia, Critical Care & Pain, Volume 4, No. 2, p. 39 ilaali.
c The Journal of Thoracic and Cardiovascular Surgery, Volume 89, No. 6, p. 918; and Heart, Lung and Circulation, Volume 19, p. 658 ilaali.
d Continuing Education in Anaesthesia, Critical Care & Pain, Volume 4, No. 2, page 39.