Dhugaa Baatonni Yihowaa Sirna Awwaalchaatiif Ilaalcha Akkamii Qabu?
Waaʼee sirna Awwaalchaa ilaalchi qabnuu fi wanti goonu barumsa Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe dha; kanneen armaan gadii isaan keessaa tokko tokko dha:
Namni jaallannu yommuu duʼu gadduun waanuma jiru dha. Barattoonni Yesuus nama jaallatan duʼaan dhabuu isaaniitti gaddanii turan. (Yohaannis 11:33-35, 38; Hojii Ergamootaa 8:2; 9:39) Kanaafuu, sirni awwaalchaa qophii bashannanaa akka taʼetti hin ilaallu. (Lallaba 3:1, 4; 7:1-4) Kanaa mannaa, yeroo warra kaaniif gaddinu akka taʼetti ilaalla.—Roomaa 12:15.
Warri duʼan homaa hin beekan. Sanyiin ykn aadaan keenya maal iyyuu yoo taʼe, aadaa ykn barsiifata amantii Kitaaba Qulqulluu irratti hin hundoofnee fi warri duʼan waa beekuu dandaʼu, warra jiran irrattis dhiibbaa geessisu jedhu irraa ni fagaanna. (Lallaba 9:5, 6, 10) Aadaawwan kun sirna awwaalchaatiif afeerraa guddaa fi yaadannoo qopheessuu, nama duʼeef aarsaa dhiheessuu, nama duʼetti dubbachuu fi waa gaafachuu dabalatu. Ajaja Kitaaba Qulqulluu, “Adda of baasaa . . . ‘wanta xuraaʼaa hin tuqinaa’” jedhu waan hordofnuuf, aadaawwanii fi barsiifatawwan akkasii hunda irraa ni fagaanna.—2 Qorontos 6:17.
Warri duʼan abdii qabu. Kitaabni Qulqulluun duʼaa kaʼuun akka jiruu fi yeroon duuti hafu akka dhufu barsiisa. (Hojii Ergamootaa 24:15; Mulʼata 21:4) Abdiin kun akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa gargaare, nutis garmalee akka hin gaddine nu gargaara.—1 Tasalonqee 4:13.
Kitaabni Qulqulluun akka gad of qabnu nu gorsa. (Fakkeenya 11:2) Sirni awwaalchaa iddoo hawaasa keessatti qabnu ykn qabeenya keenya carraa itti argisiifannu akka taʼetti ilaalamuu akka qabu hin amannu. (1 Yohaannis 2:16) Sirna awwaalchaa guddaa namoota bashannansiisuuf qofa yaadamee qophaaʼe hin goonu ykn warra kaan ajaaʼibsiisuuf saanduqa reeffaa fi uffata gatiin isaa miʼaa taʼe hin fayyadamnu.
Waaʼee sirna awwaalchaa amantii qabnu namoota kaanitti feʼuuf hin yaallu. Kana ilaalchisee qajeelfama, “hundi keenya waaʼee ofii keenyaa Waaqayyoof deebii kennina” jedhu hordofna. (Roomaa 14:12) Taʼus, carraa yoo arganne, amantii keenya “garraamummaa fi ulfina guddaadhaan” ibsuuf yaalii goona.—1 Pheexiros 3:15.
Sirni awwaalchaa Dhugaa Baatotaa maal fakkaata?
Iddoo: Maatichi sirna awwaalchaa qopheessuuf yoo murteesse, bakka maatichi filate kamitti iyyuu, jechuunis Galma Walgaʼiitti, mana reeffaaf qophaaʼetti, mana dhuunfaatti akkasumas bakka awwaalchaatti godhamuu dandaʼa.
Sirna raawwatamu: Warra gaddan jajjabeessuuf haasaan Kitaaba Qulqulluu waaʼee duʼaa fi abdii duʼaa kaʼuu ibsu ni kennama. (Yohaannis 11:25; Roomaa 5:12; 2 Pheexiros 3:13) Sagantaan sirna awwaalchaa sun, amala gaarii namni sun qabu nu yaadachiisuu, tarii immoo fakkeenya amanamummaa namni sun taʼe nu hubachiisuu dandaʼa.—2 Saamuʼel 1:17-27.
Faarfannaan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe faarfatamuu dandaʼa. (Qolosaayis 3:16) Sirnichi kadhannaa nama jajjabeessuun xumurama.—Filiphisiyus 4:6, 7.
Kaffaltii ykn buusii: Sirna awwaalcha dabalatee tajaajila amantii kamiif iyyuu hin kaffalchiisnu, ykn bakka walgaʼii keenyatti qodaa buusii hin naannessinu.—Maatewos 10:8.
Hirmaattota: Sirna awwaalchaa Galma Walgaʼiitti godhamu irratti namoonni Dhugaa Baatota hin taanes ni simatamu. Akkuma walgaʼii keenya kaanii sirna awwaalchaa kana irrattis namni kam iyyuu argamuu dandaʼa.
Dhugaa Baatonni sirna awwaalchaa amantii kaaniin raawwatamu irratti ni argamuu?
Tokkoon tokkoon Dhugaa Baatuu qalbii isaa isa Kitaaba Qulqulluutiin leenjiʼetti fayyadamee murteeffata. (1 Ximotewos 1:19) Haa taʼu malee, sirnawwan amantii deggersa Kitaaba Qulqulluu akka hin qabne nutti dhagaʼamu irratti hin hirmaannu.—2 Qorontos 6:14-17.