Gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa Kan Gurmaaʼan Akkamitti?
Tokkoon tokkoon gumii qaama jaarsoliitiin geggeeffama. Gumiiwwan gara 20 taʼan aanaa tokko jalatti, aanaawwan gara 10 taʼanimmoo koonyaa tokko jalatti gurmeeffamu. Gumiiwwan darbee darbee jaarsolii iddoodhaa iddootti deemanii tajaajilaniiniifi maqaa ilaaltota olaanaa aanaa jedhuun beekamaniin daawwatamu.
Qaamni Olaanaan, jechuunis Dhugaa Baatonni yeroo dheeraadhaaf tajaajilaniifi yeroo ammaatti waajjira muummee Biruukiliin Niiwu Yoorkitti argamu keessa tajaajilan qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe ni qopheessu.—Hojii Ergamootaa 15:23-29; 1 Ximotewos 3:1-7.