Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti Dhugaa Baatota Yihowaa Irra Maaltu Gaʼe?
Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti Dhugaa baatota Yihowaa gara 35,000 Jarman fi biyyoota kan biroo Naaziin toʼatu keessa jiraatan keessaa gara 1500 kan taʼan duʼaniiru. Namoonni kun akkamitti akka duʼan kan beekame kan hunda isaanii miti. Qorannoon kana irratti godhamu waan hin xumuramneef lakkoofsaa fi wantoota kan biroo ilaalchisee sirreeffamni jiraachuu dandaʼa.
Akkamitti duʼan?
Ajjeechaa: Jarmanii fi biyyoota Naaziin toʼatu keessaatti Dhugaa Baatonni gara 400 taʼan ajjeefamaniiru. Isaan keessaa hedduun mana murtiitti dhihaatanii duuti erga itti murteeffamee booda mataan isaanii irraa murameera. Kaan immoo utuu mana murtiitti hin dhihaatiin rasaasaan ykn fannifamanii ajjeefamaniiru.
Mana hidhaa mancaʼaa keessatti hidhamuu: Kaampii hojii humnaa itti hojjetamuu fi mana hidhaa Naazii keessaatti Dhugaa Baatonni 1000 ol taʼan duʼaniiru. Hamma duʼanitti hojjetaniiru ykn akka cinqaman taasifamaniiru, akkasumas beelaan, diilallatti saaxilamuudhaan, dhukkubaan ykn yaalii fayyaa gaʼaa dhabuudhaan duʼaniiru. Kaan immoo gara jabinaan waan qabamaniif dhuma Waraana Addunyaa Lammaffaatti erga bilisa baʼaani yeroo muraasa booda duʼaniiru.
Sababiiwwan kan biroo: Dhugaa Baatota tokko tokko kutaa qilleensa summaaʼaa qabu keessa galchuudhaan, qoricha isaan irratti yaaluudhaan ykn limmoo isaan ajjeesuu dandaʼu akka waraanaman gochuudhaan ajjeesaniiru.
Maaliif ariʼataman?
Dhugaa Baatonni Yihowaa ariʼatamaa kan turan barumsa kitaaba qulqulluu cimsanii hordofaa waan turaniifi. Bulchiinsi Naazii yoomuu dhugaa baatonni wanta kitaabni qulqulluu dhorkuu akka hojjetan gaafatu dhugaa baatonni kun ajajamuuf tole hin jenne. Isaan “namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof ajajamuu” filatanii turan. (Hojii Ergamootaa 5:29) Kallattiiwwan filannoo kana itti godhan lama haa ilaallu.
Siyaasa keessa galuu dhiisuu. Akkuma Dhugaa Baatota yeroo harʼaa biyyoota hundumaa keessa jiranii Dhugaa Baatonni bulchiinsa Naazii jala turan dhimma siyaasaa keessaa hin seenne. (Yohaannis 18:36) Kanaafuu wantoota armaan gadi gochuu didaniiru:
Loltu taʼuu ykn hojii waraanaa wajjin wal qabatu hojjechuu.—Isaayaas 2:4; Maatewos 26:52.
Filachuu ykn dhaabbilee Naazii keessa galu.—Yohaannis 17:16.
Swaastiikaaf ulfina addaa kennuu ykn “Haayil Hiitlar!” jechuu.—Maatewos 23:10; 1 Qorontos 10:14.
Waaqeffannaa isaanii geggeessuu. Amantii isaanii akka dhiisan kan dhorkaman taʼus, wantoota armaan gadii gochuu isaanii itti fufaniiru:
Kadhannaa fi waaqeffannaaf walitti qabamuu.—Ibroota 10:24, 25.
Ergaa Kitaaba Qulqulluu lallabuu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan raabsuu.—Maatewos 28:19, 20.
Yihudoota dabalate ollaa isaanitti gaarummaa argisiisuu.—Maarqos 12:31.
Waraqaa amantii isaanii akka ganan argisiisu irratti mallatteessuu diduudhaan amantti isaanii qabatanii itti fufaniiru.—Maarqos 12:30.
Proofeesar Robarti Gerwaazi akkas jedhaniiru: “Bulchiinsa Naazii jalatti dhaabbanni amantii sababa amantii isaatiin ariʼatame Dhugaa Baatota Yihowaa qofadha.” a Namoonni Kaampii hojiin humnaa itti hojjetamu keessatti isaan faana hidhaman ejjennoo cimaa qabaachuu isaaniitiin Dhugaa Baatota Yihowaa dinqisiifataniiru. Namni Ostiriyaa mana hidhaa keessa ture tokko, “Isaan waraana hin dhaqan. Nama kam iyyuu ajjeesu mannaa duʼuu filatu turan” jedheera.
Eessatti duʼan?
Kaampii hojiin humnaa itti hojjetamu: Dhugaa Baatonni Yihowaa baayʼeen isaanii kaampii hojiin humnaa itti hojjetamu keessatti duʼan. Kaampiiwwan isaan itti hidhaman tokko tokko kan akka, Oshiwiitiz, Buukanwaalditti, Dakawuu, Floosenbargi, Maawutaawusan, Nooyingamee, Nidahaagan, Raavanisbiruuk fi Zaaksanhaawuzan turan. Zaaksanhaawuzan keessatti qofa Dhugaa Baatonni gara 200 taʼan akka duʼan ifa taʼeera.
Mana hidhaa: Dhugaa Baatonni tokko tokko mana hidhaa keessatti amma duʼaatti dararamaniiru. Warri kaan immoo yeroo qoramanitti miidhaa isaan irra gaʼeen duʼaniiru.
Bakkawwan itti ajjeefaman: Dhugaa Baatonni Yihowaa baayinaan manneen hidhaa Barliin Pluutsanzee, Braandanbargii fi Haalii/Saale keessatti ajjeefamaniiru. Dabalataanis, iddoowwan kan biroo gara 70 Dhugaa Baatonni itti ajjeefaman galmeeffameera.
Warra ajjeefaman tokko tokko
Maqaa: Helenaa Gothooldi
Bakka itti ajjeefamte: Pluutsanzee (Barliin)
Helenaa, isheen haadha manaa fi haadha ijoollee lamaa taate yeroo baayʼee qabamte hidhamtee turte. Bara 1937, yoomuu qoramtu baayʼee miidhamuu isheetiin kan kaʼe mucaa ishee hin dhalatiin jiru dhabde. Achiis Muddee 8,1944, mana hidhaa Pluutsanzee, Barliinitti gilootiniidhaan mormii ishee irraa kutame.
Maqaa: Geerhaard Liibooldi
Bakka itti ajjeefame: Braandanbarg
Geerhaard inni umuriin isaa waggaa 20 ture Caamsaa 6, 1943, manuma hidhaa waggaa lama dura mormi abbaa isaa irraa muramee ture keessatti kan isaas irraa murame. Xalayaa dhumaa maatii isaa fi kaadhima isaaf barreesse irratti “Utuu gooftaan gargaarsa naaf hin goone taʼee daandii kana irra deemu hin dandaʼun ture” jedheera.
Maqaa: Ruudoolf Oosneer
Bakka itti ajjeefame: Haale/Saale
Ruudoolf Fulbaana 22, 1944, yoomuu mormi isaa irraa kutame umuriin isaa waggaa17 ture. Xalayaa dhumaa haadha isaaf barreesse irratti “Obboloonni hedduun daandii kana irra deemaniiru anis akkasuman godha” jedheera.
a Hiitlar Haangmaan: Za laayif oov Heeydriiki, fuula 105.