Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Buusii Godhamu Akkamitti Itti Fayyadamu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Buusii Godhamu Akkamitti Itti Fayyadamu?

 Buusii argannu hojii amantii fi gargaarsa namummaa jaarmiyaan keenya raawwatu deggeruuf itti fayyadamna. Sochiiwwan kun ergama keenya isa guddaa, jechuunis namoonni barattoota Yesuus Kiristoos akka taʼan gargaaruu keessaa tokko akka taʼanitti ilaalla.—Maatewos 28:19, 20.

 Buusii argannu nama kamiyyuu sooromsuuf itti hin fayyadamnu. Jaarsolii ykn tajaajiltoota mindaan kaffalamuuf hin qabnu, akkasumas Dhugaa Baatonni Yihowaa manaa gara manaa deemuu isaaniitiif hin kaffalamuuf. Qaama Olaanaa dabalatee, namoonni waajjiroota damee fi waajjira muummee keenyatti tajaajilan miseensota sirna waldaa amantii keenyaa mindaa malee hojjetanidha.

Sochiiwwan Keenya Tokko Tokko

  •   Maxxansuu: Waggaa waggaadhaan Kitaabota Qulqulluu fi barreeffamoota Kiristiyaanaa miliyoonaan lakkaaʼaman ni hiikna, ni maxxansina, iddoo garagaraatti ni geessina akkasumas ni raabsina; taʼus, kana hundumaa tolaan goona. Kana malees, weebsaayitiin keenya jw.org jedhamuu fi appilikeeshiniin JW Library gatii ykn beeksisa malee barreeffamoonni bifa elektirooniksiitiin akka argaman godhu.

  •   Ijaarsaa fi Suphaa: Gumiiwwan keenya bakka mijataa itti walitti qabamanii fi Waaqayyoon jajatan akka argatan gargaaruuf, addunyaa maratti iddoowwan waaqeffannaa mijataa taʼan ni ijaarra, akkasumas ni suphina. Waajjiroota damee fi waajjiroota hiikkaatiifis akkasuma goona. Hojiin kun baayʼeen isaa namoota fedhiidhaan of dhiheessaniin kan hojjetamu yeroo taʼu, kunis baasii hirʼisuuf gargaara.

  •   Hojii geggeessuu: Hojiiwwan waajjira muummee, waajjiroota damee fi waajjiroota hiikkaa, akkasumas sochiiwwan daawwattoota olaanaa, buusii hojii addunyaa maraa keenyaaf godhamuun deggerama.

  •   Lallaba: Dhugaa Baatonni misiraachoo lallabuuf ykn “dubbii Waaqayyoo” warra kaan barsiisuuf qarshiin isaaniif hin kaffalamu. (2 Qorontos 2:17) Taʼus, akkuma Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa godhan, tajaajiltoonni filatamanii fi leenjiʼan, akkasumas yeroo isaanii gara caalaa lallabarratti dabarsan, mana jireenyaa giddu galeessaa taʼee fi wantoota buʼuuraa jireenyaaf barbaachisan akka argatan deggersi isaaniif ni godhama.—Filiphisiyus 4:16, 17; 1 Ximotewos 5:17-18

  •   Barsiisuu: Walgaʼiiwwan aanaa fi walgaʼiiwwan naannoo keenya qarshii buusii taʼuun deggeramu. Kana malees, sagalee fi viidiyoodhaan barumsa Kitaaba Qulqulluu ni qopheessina. Akkasumas manneen barumsaa jaarsolii fi tajaajiltoonni yeroo guutuu ramaddii isaaniirratti caalaatti buʼa qabeeyyii akka taʼan leenjisan ni qopheessina.

  •   Gargaarsa yeroo balaa: Namoota balaan uumamaa fi balaan nam-tolchee isaan mudate, nyaata, bishaanii fi mana akka argatan ni goona. Gargaarsi namummaa kun “warra amantiidhaan nutti firooman” qofa utuu hin taʼin, warra Dhugaa Baatota hin taanes ni fayyada.—Galaatiyaa 6:10.