Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Hojii Lallabaa Isaaniitiif kan Leenjifaman Akkamitti?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Hojii Lallabaa Isaaniitiif kan Leenjifaman Akkamitti?

 Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii lallabaa isaanii dabalatee, kallattii jireenyaa isaanii hundaan leenjii wal irraa hin cinne argatu. Tajaajilli kun hojii Yesuus duuka buutonni isaa akka raawwatan, jechuunis misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo akka lallabanii fi akka barsiisan isaan ajajedha. (Maatewos 24:14; 28:19, 20) Leenjii kanas walgaʼiiwwan torbanii, akkasumas walgaʼiiwwan naannoo fi aanaa waggaatti godhamanirratti arganna. Dhugaa Baatonni Yihowaa gumiiwwan keessatti ykn jaarmiyaa isaanii keessatti itti gaafatamummaa tokko tokko qabanimmoo, manneen barumsaa Kitaaba Qulqulluu addaarratti leenjii dabalataa argatu.

Mata duree kana keessatti

 Dhugaa Baatonni Yihowaa leenjii akkamii argatu?

 Walgaʼiiwwan gumii. Torban torbaniin, bakkawwan waaqeffannaa keenya Galma Walgaʼii jedhamu keessatti walgaʼii lama godhanna. Walgaʼiin inni tokko, yeroo baayʼee torbee gidduutti geggeeffama; inni kaanimmoo, dhuma torbeetti godhama. Namni kam iyyuu walgaʼiiwwan kanarratti argamuu ni dandaʼa, akkasumas namni kamiyyuu dirqamaan buusii akka godhu hin gaafatamu.

  •   Walgaʼii torban gidduu. Akkaataa itti dubbisnu, itti dubbannu, itti haasaa dhiheessinu, itti lallabnu fi itti barsiisnu ilaalchisee barumsa arganna. Leenjiin kun haasaadhaan, mareedhaan, hojiin argisiisaanii fi viidiyoodhaan kennama. Leenjiin kun ergaa Kitaaba Qulqulluu namootaaf yommuu lallabnu, akkasumas namoota fedhii argisiisan yommuu qoʼachiisnu caalaatti buʼa qabeeyyii taʼuuf nu gargaara. Namoonni walgaʼii kanarratti argaman hundi leenjii kanarraa ni fayyadamu. Hunda caalaa garuu, walgaʼiiwwan keenya amantii Waaqayyorratti qabnu, akkasumas jaalala isaa fi namoota hidhata amantii keenya taʼaniif qabnu nuuf cimsu.

  •   Walgaʼii dhuma torbanii. Walgaʼiin kutaa lama qabu kun, haasaa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼee fi keessumaa namoota fedhii qaban tilmaama keessa galchuudhaan dhihaatuun eegala. Kutaan lammaffaa walgaʼii kanaammoo, maree barruu maxxansaa qoʼannaa Masaraa Eegumsaa a gaaffii fi deebiidhaan dhihaata. Mata dureen irratti mariʼatamu dhimmootaa fi qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu tajaajila irrattis taʼe jireenya dhuunfaa keenyarratti nu gargaaran ibsa.

 Walgaʼiiwwan aanaa fi walgaʼiiwwan naannoo. Waggaa waggaadhaan walgaʼiiwwan guguddaa gumiiwwan hedduun irratti argaman sadii godhanna. Walgaʼiiwwan gammachiisoo taʼan kun, mata duree Kitaaba Qulqulluu tokko qaburratti kan xiyyeeffatan yommuu taʼan, haasaawwan, hojiin argisiisawwan, of haasiiwwan, gaafannoowwanii fi viidiyoowwan kan dabalatanidha. Walgaʼiiwwan gumii, aanaa fi naannoo keenya, beekumsa Kitaaba Qulqulluu keenya kan nuuf guddisan, akkasumas dandeettii lallabuu fi barsiisuu keenya caalaatti fooyyeffachuuf kan nu gargaaranidha. Walgaʼiiwwan kanneen irratti namni kamiyyuu argamuu dandaʼa, akkasumas maallaqni hin sassaabamu.

 Manneen Barumsaa Kitaaba Qulqulluu Dhugaa Baatota Yihowaa

 Dhugaa Baatonni Yihowaa tokko tokko leenjii dabalataa akka argataniif, manneen barumsaa Kitaaba Qulqulluu adda addaarratti akka hirmaatan affeeramu. Manneen barumsaa kun kamfaʼi? Kaayyoon manneen barumsaa kanaa maalidha? Yeroo hammamiitiif turu? Manneen barumsaa kanarratti galmaaʼuu kan dandaʼanhoo namoota akkamiiti?

Mana Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaa

  •   Kaayyoo Isaa: Tajaajiltoota yeroo guutuu qajeelchitoota b jedhaman, hojii lallabuu fi barsiisuurratti caalaatti buʼa qabeeyyii akka taʼan leenjisuu. Barumsi kennamu maree kutaa keessaa, hojiin argisiisa, of haasii, haasaa fi shaakala kan dabalatudha.

  •   Yeroo Fudhatu: Guyyaa jaʼa.

  •   Ulaagaa Isaa: Obboloonnii fi obboleettonni waggaa tokkoof qajeelchaa taʼan akka irratti hirmaatan affeeramu. Qajeelchitoonni waggoota shanan darbaniif qajeelchitoota taʼanii tajaajilaa jiran irra deebiʼanii mana barumsaa kana galanii akka baratan affeeramu.


Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa

  •   Kaayyoo Isaa: Tajaajiltoota yeroo guutuu muuxannoo qabaniif leenjii addaa kennuu. Barattoonni dandeettii lallabuu fi barsiisuu isaanii caalaatti akka guddifatan isaan gargaara; akkasumas mata dureewwan Kitaaba Qulqulluu gad fageenyaan qoʼatu. Barattoonni eebbifaman hedduun, bakka labsitoonni Wangeelichaa caalaatti barbaachisanitti akka tajaajilan affeeramu.

  •   Yeroo Fudhatu: Jiʼa lama.

  •   Ulaagaa Isaa: Qajeelchitoonni ulaagaalee tokko tokko yoo guutanii fi haalli isaanii bakka barbaachisutti tajaajiluuf kan isaaniif heyyamu yoo taʼe, mana barumsaa kana seenanii barachuuf gaafachuu dandaʼu.


Mana Barumsaa Jaarsolii Gumii

  •   Kaayyoo Isaa: Jaarsoliin c itti gaafatamummaawwan gumii keessatti qaban, jechuunis barsiisuu fi tika gochuu, akkasumas jaalala Waaqayyoo fi namoota hidhata amantii isaanii taʼaniif qaban akka guddifatan gargaaruu.—1 Pheexiros 5:2, 3.

  •   Yeroo Fudhatu: Guyyaa shan.

  •   Ulaagaa Isaa: Jaarsoliin haaraa muudamanis taʼe, jaarsoliin muuxannoo qabanii fi waggoota shanan darbaniif mana barumsaa kanarratti hin hirmaanne galanii akka baratan affeeramu.


Mana Barumsaa Ilaaltoota Olaanaa Aanaa fi Haadhotii Manaa Isaanii

  •   Kaayyoo Isaa: Daawwattoota olaanaa, ilaaltoota olaanaa aanaa d jedhaman itti gaafatamummaawwan isaanii karaa buʼa qabeessa taʼeen akka raawwatan leenjisuu. (1 Ximotewos 5:17) Kana malees, leenjiin kun jaarsoliinii fi haadhotiin manaa isaanii Kitaaba Qulqulluu caalaatti akka hubatan gargaara.

  •   Yeroo Fudhatu: Jiʼa tokko.

  •   Ulaagaa Isaa: Ilaaltonni olaanaa aanaa fi haadhotiin manaa isaanii ramaddiin isaanii kun erga isaaniif kenname waggaa tokko booda, mana barumsaa kana akka galan affeeramu. Takkaa erga irratti hirmaatanii booda, waggaa shan shanitti akka hirmaatan affeeramu.


Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa

  •   Kaayyoo Isaa: Jaarsoliinii fi tajaajiltoonni gumii e itti gaafatamummaa gumii isaanii keessatti qaban haala, barsiifataa fi barbaachisummaa yeroo isaa wajjin deemuun akka raawwatan gargaaruu. (2 Ximotewos 3:1) Manni barumsaa kun waggaa lama ykn sadii keessatti geggeeffama.

  •   Yeroo Fudhatu: Adda adda taʼus, yeroo baayʼee guyyaa tokko.

  •   Ulaagaa Isaa: Ilaaltoota olaanaa aanaa, jaarsolii fi tajaajiltoota gumii.


Mana Barumsaa Tajaajila Beetel

  •   Kaayyoo Isaa: Miseensonni maatii Beetel f hojii isaaniirratti buʼa qabeeyyii akka taʼan, akkasumas jaalala Waaqayyoo fi walii isaaniitiif qaban akka guddifatan gargaaruu.

  •   Yeroo Fudhatu: Guyyaa shanii fi walakkaa.

  •   Ulaagaa Isaa: Miseensonni maatii Beetel haaraa taʼan mana barumsaa kana barachuu qabu. Miseensonni maatii Beetel yeroo dheeraadhaaf turan, waggoota shanan darbaniif hin hirmaanne mana barumsaa kanarratti deebiʼanii barachuu dandaʼu.


Mana Barumsaa Kitaaba Qulqulluu Giiliyaad

  •   Kaayyoo Isaa: Barattoonni Dubbii Waaqayyootiif dinqisiifannaa guddaa akka qabaatanii fi wanta baratan akka hojii irra oolchan gargaaruu. (1 Tasalonqee 2:13) Dhiironnii fi dubartoonni amanamoon mana barumsaa Giiliyaad baratan, jaarmiyaa Yihowaa fi hojii barumsa Kitaaba Qulqulluu addunyaa maraatiif caalaatti faayidaa kan qaban taʼu. Obboloonni manni barumsaa kanarraa eebbifaman biyya isaaniitti ykn biyya isaanii alatti dirreetti ykn waajjira dameetti akka tajaajilan ramadamu.

  •   Yeroo Fudhatu: Jiʼa shan.

  •   Ulaagaa Isaa: Waajjirri damee tajaajiltoota yeroo guutuu filataman mana barumsaa kana galanii akka baratan ni affeera. Manni barumsaa kun Wiirtuu Barnootaa Masaraa Eegumsaa Yuunaayitid Isteetis, Paatarsan, Niwuu Yoorkitti geggeeffama.


Mana Barumsaa Miseensota Koree Waajjira Damee fi Haadhotii Manaa Isaanii

  •   Kaayyoo Isaa: Miseensota Koree Waajjira Damee g hojii waajjira damee tokko keessatti geggeeffamuu fi sochiiwwan hafuuraa Dhugaa Baatota Yihowaa biyyicha keessatti ykn biyyoota waajjira damee sana jalatti ramadamanitti raawwatamu olaantummaadhaan akka toʼatan leenjisuu.

  •   Yeroo Fudhatu: Jiʼa lama.

  •   Ulaagaa Isaa: Waajjirri Muummee Dhugaa Baatota Yihowaa miseensota Koree Waajjira Damee fi haadhotii manaa isaanii, mana barumsaa Wiirtuu Barnootaa Masaraa Eegumsaa Paatarsan, Niwuu Yoorkitti geggeeffamanirratti akka argaman ni affeera.

 Leenjiin Dhugaa Baatonni Yihowaa kennan maalirratti kan hundaaʼedha?

 Kitaabni yeroo hundumaa leenjii Dhugaa Baatonni Yihowaa argataniif buʼuura taʼe Kitaaba Qulqulluudha. Kitaabni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame akka taʼee fi jireenya Kiristiyaanummaa hundumaaf qajeelfama hundarra caalu kan qabate akka taʼe ni amanna.—2 Ximotewos 3:16, 17.

 Dhugaa Baatonni Yihowaa leenjii argataniif maallaqa ni kaffaluu?

 Lakki. Barumsi isaa tola kennama. Sochiin Dhugaa Baatota Yihowaa buusii fedhiidhaan godhamuun deggerama.—2 Qorontos 9:7.

a Kitaaba Qulqulluu fi viidiyoowwan dabalatee, wantoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaran weebsaayitii keenya jw.org irratti ni argamu.

b Qajeelchaa jechuun dhiira ykn dubartii Dhugaa Baatota Yihowaa fakkeenya taʼanii fi jiʼa jiʼaan namoota kaan ergaa Kitaaba Qulqulluu saʼaatii murtaaʼeef barsiisuuf fedhii qabanidha.

c Jaarsoliin dhiirota Kiristiyaanaa muuxannoo qabanii fi saba Yihowaa Kitaaba Qulqulluu barsiisan, akkasumas isaan gargaaruu fi isaan jajjabeessuudhaan tika isaaniif godhanidha. Hojii isaaniitiif maallaqani isaaniif hin kaffalamu.

d Ilaaltuu olaanaa aanaa kan jedhamu tajaajilaa yeroo guutuu torban torbaniin gumiiwwan garaagaraa aanaa isaa keessa jiran daawwatudha. Haasaawwan Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan dhiheessuu fi tajaajila isaanii wajjin baʼuudhaan obbolootaa fi obboleettota isaa hafuuraa ni jajjabeessa.

e Tajaajiltoonni gumii obbolootaa fi obboleettota isaanii gumii keessa jiraniif tajaajila qabatamaa hedduu kennu. Kunimmoo jaarsoliin gumii barsiisuu fi tika gochuuf yeroo dabalataa akka argatan isaan gargaara.

f Beetel maqaa waajjiroota damee Dhugaa Baatota Yihowaatiif kennamedha. Tajaajiltoonni yeroo guutuu Beetel keessa tajaajilan sochii Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo waajjirri damee naannoo isaanii jiru keessatti raawwatamu ni deggeru.

g Koreen Waajjira Damee dhiirota gaʼumsa qaban sadii ykn isaa ol kan of keessatti qabatedha.