Dhugaa Baatota Yihowaa Wajjin Kitaaba Qulqulluu Yoon Qoʼadhe Miseensasaanii Akkan Taʼu Narraa Eegamaa?
Matumaa, karaa kamiiniyyuu hin dirqisiifamtu. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu baatanis nu wajjin Kitaaba Qulqulluu ni qoʼatu. a Kaayyoon sagantaa kanaa namoonni wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu akka beekan gargaaruudha. Beekumsa kana erga argattee booda tarkaanfii akkamii akka fudhattu kan murteessu sidha. Amantiin dhimma dhuunfaa akka taʼe ni amanna.—Iyyaasuu 24:15.
Yeroon qoʼadhu Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa kootti fayyadamuu nan dandaʼaa?
Eeyyee. Dhugaadha nuti Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraatti fayyadamuu filanna; atis yoo barbaadde koppii tokko tola siif kennuu dandeenya; taʼus yommuu qoʼannaatti Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa kee fayyadamuu dandeessa. Ergaa abdii fi fayyinaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame hiika kam irraayyuu barachuu ni dandeessa jechuun ni dandaʼama.
Namoota amantii keessan hordofuu hin barbaanne kan qoʼachiistan maaliifi?
Wanti akkas gochuuf nu kakaasu inni guddaan, jaalala Yihowaa isa Kiristiyaanonni wanta baratan namoota kaan akka barsiisan barbaaduuf qabnudha. (Maatewos 22:37, 38; 28:19, 20) Namoonni wanta Dubbiin isaa barsiisu akka baratan gargaaruudhaan, ‘Waaqayyoo wajjin hojjechuun’ mirgi guddaa akka taʼe nutti dhagaʼama.—1 Qorontos 3:6-9.
Wanti akkas gochuuf nu kakaasu inni kaan biraanimmoo, jaalala namoota kaaniif qabnudha. (Maatewos 22:39) Barumsawwan dinqisiisoo arganne namoota kaaniif hiruun nu gammachiisa.—Hojii Ergamootaa 20:35.
a Sagantaa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keenyaan bara 2023 namoota 7,281,212 jiʼa jiʼaan qoʼachiisneerra; sagantaa kana keessaa baayʼee isaarratti nama tokkoo oltu argama. Taʼus waggaa kanatti cuuphamanii Dhugaa Baatota Yihowaa kan taʼan namoota 269,517 qofa turan.