Qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu Dhugaa Baatonni Yihowaa Geggeessan Maali Dha?
Dhugaa Baatonni Yihowaa wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu karaa buʼa qabeessa taʼeen si barsiisu. Sagantaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keenya wantoota armaan gadiitiif si gargaara:
Maatii gammachuu qabu qabaachuuf
Michuu Waaqayyoo taʼuuf
Abdii Kitaabni Qulqulluun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee kenne barachuuf
Mata duree kana keessatti wantoota armaan gadii ilaalla:
Qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu kan geggeeffamu akkamitti?
Namni si qoʼachiisu mata duree mata dureedhaan Kitaaba Qulqulluu wajjin caalaatti akka wal bartu si gargaara. Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamutti fayyadamtee irraa jalaan ergaa Kitaabni Qulqulluun qabatee fi ergaan kun akkamitti si gargaaruu akka dandaʼu baratta. Waaʼee kanaa caalaatti beekuuf, viidiyoo kana ilaali.
Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf kaffaluun qabaa?
Lakki. Dhugaa Baatonni Yihowaa Qajeelfama Yesuus barattoota isaatiif, “Tola waan fudhattaniif, tola kennaa” jechuudhaan kenne hordofu. (Maatewos 10:8) Kana malees Kitaaba Qulqulluu fi barreeffama Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! Jedhamu dabalatee meeshaalee qoʼachuuf itti fayyadamtu argachuuf hin kaffaltu.
Qoʼannaan isaa yeroo hangamii fudhata?
Kitaabichi guutummaan isaa barumsawwan 60 kan qabate dha. Hammi qoʼattu si irratti kan hundaaʼe taʼus, barattoonni hedduun torbanitti barumsa tokko ykn lama qoʼachuu barbaadu.
Akkamittan jalqaba?
1. Foormii weebsaayitii jw.org irra jiru guuti. Odeeffannoo dhuunfaa ati ergite gaaffii ati Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko akka si qunnamnu nuu ergite qofaaf itti fayyadamna.
2. Namni si qoʼachiisu si qunnama. Namni Kitaaba Qulqulluu si qoʼachiisu sun wanta qoʼannaa kee irraa argattu siif ibsa, akkasumas gaaffiiwwan qabdu kamiif iyyuu deebii siif kenna.
3. Atii fi namni si qoʼachiisu qoʼannaadhaaf waliin karoora baafattu. Qoʼannaan qaamaan ykn bilbilaan, viidiyoodhaan, xalayaadhaan ykn iimeeliidhaan geggeeffamuu dandaʼa. Yeroon itti qoʼattan yeroo baayʼee saʼaatii tokkoof tura, taʼus sagantaa kee irratti hundaaʼuudhaan saʼaatii tokkoo gadi ykn saʼaatii tokkoo ol qoʼachuu dandeessa.
Dursa muraasa isaa qofa qoʼadhee ilaaluu nan dandaʼaa?
Eeyyee. Kana gochuuf foormii weebsaayitii jw.org irra jiru guuti. Namni si qoʼachiisu yommuu si qunnamu qoʼannicha jaallachuu fi dhiisuu kee beekuuf muraasa isaa qofa qoʼachuu akka barbaaddu itti himi. Qoʼannaa sana jaallachuu fi dhiisuu kee akka beektuufis birooshura Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamuu fi barumsawwan jalqabaa sadii qabatetti fayyadamanii si gargaaruu dandaʼu.
Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf yoon walii gale Dhugaa Baatuu Yihowaa akkan taʼu dhiibbaan na irratti godhamaa?
Lakki. Dhugaa Baatonni Yihowaa waaʼee Kitaaba Qulqulluu namoota barsiisuun isaanitti tola, taʼus namni kam iyyuu amantii keenya akka hordofu matumaa dhiibbaa isa irratti hin goonu. Kanaa mannaa, namni hundi wanta itti amanu filachuuf mirga akka qabu hubachuudhaan, wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu karaa ulfina qabuun namoota barsiisna.—1 Pheexiros 3:15.
Kitaaba Qulqulluu mataa koo fayyadamuu nan dandaʼaa?
Eeyyee, hiika Kitaaba Qulqulluu barbaadde kam iyyuu fayyadamuu ni dandeessa. Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa isa ifaa fi sirrii taʼe fayyadamuun kan nutti tolu taʼus, namoonni hedduun hiikkaa sirriitti beekan fayyadamuu akka barbaadan ni hubanna.
Namoonni kaan qoʼannaa koo irratti akka argaman affeeruu nan dandaʼaa?
Eeyyee. Guutummaa maatii kee ykn michoota kee affeeruu ni dandeessa.
Kanaan dura Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachaa kanan ture yoo taʼe hoo? Deebiʼee qoʼachuun qabaa?
Eeyyee. Namoota addunyaa yeroo ammaa keessa jiraatan gargaaruuf jecha akkaataan Kitaaba Qulqulluu itti qoʼachiisnu waan haareffameef, isa duraa caalaa sitti toluu dandaʼa. Sagantaa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu isa kanaan duraa caalaa wantoota ilaalamanii fi mariʼachuuf gargaaran kan qabu dha.
Namni na qoʼachiisu utuu hin jiraatin ofuma kootiin qoʼachuu nan dandaʼaa?
Eeyyee. Barattoonni hedduun caalaatti kan baratan nama isaan qoʼachiisu yoo qabaatan taʼus, namoonni tokko tokko garuu jalqaba irratti ofuma isaaniitiin qoʼachuu filatu. Fuulli Meeshaalee Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuuf Gargaaran tarreessu meeshaalee tolaan argachuu dandeessuu fi wantoota qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kee irratti si gargaaruu dandaʼan qabateera. Meeshaawwan si gargaaruu dandaʼan armaan gaditti ibsamaniiru:
Viidiyoowwan Kitaaba Qulqulluu Irratti Hundaaʼan. Viidiyoowwan gaggabaaboon kunneen barumsawwan Kitaaba Qulqulluu barbaachisoo taʼan ibsu.
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu. Mata dureewwan kunneen gaaffiiwwan Kitaaba Qulqulluu gara garaa hedduudhaaf deebii kennu.
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname. Caqasoonnii fi gaaleewwan Kitaaba Qulqulluu beekamoo taʼan hiika maalii akka qaban ibsa.