Dhugaa Baatonni Yihowaa Qophiiwwan Sabboonummaa Argisiisan Irratti kan hin Hirmaanne Maaliifi?
Dhugaa Baatonni Yihowaa mootummootaa fi mallattoo biyya isaaniitiif kabaja qabu. Namoonni kaan biyya isaaniitiif amanamoo taʼuuf waadaa galuuf, alaabaadhaaf kabaja addaa kennuuf ykn faaruu alaabaa faarfachuuf filachuu akka dandaʼan amannee fudhanna.
Haa taʼu malee, nuti Dhugaa Baatonni Yihowaa qophiiwwan akkasii barumsawwan Kitaaba Qulqulluu wajjin akka wal faallessan waan amannuuf irratti hirmaachuu dhiisuuf filatanneerra. Nuti mirga namoota filannoo kana irraa adda taʼe godhanii akkuma kabajnu, isaanis filannoo keenya utuu nuuf kabajanii nutti tola.
Mata duree kana keessatti
Kana ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal jedha?
Caqasoonni Kitaaba Qulqulluu armaan gadii lamaan, filannoo keenya irratti jijjiirama fidu:
Waaqeffachuu kan qabnu Waaqayyoon qofa dha. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu; isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi” jedha. (Luqaas 4:8) Waadaan biyya ofiif amanamoo taʼuuf galamuu fi faaruun alaabaa, yeroo baayʼee waadaa namni tokko wanta kam iyyuu caalaa biyya isaatiif amanamaa akka taʼu ibsu kan of keessatti qabate dha. Kanaaf Dhugaa Baatonni Yihowaa qophiiwwan akkasii irratti hirmaachuun sirrii akka hin taane isaanitti dhagaʼama.
Dhugaa Baatonni Yihowaa, kabajni alaabaadhaaf kennamu akka waaqeffannaatti kan ilaalamu ykn waaqa tolfamaa waaqeffachuu wajjin tokko akka taʼe isaanitti dhagaʼama; Kitaabni Qulqulluun immoo gocha akkasii ni dhowwa. (1 Qorontos 10:14) Barreessitoonni seenaa tokko tokko alaabaan biyyaa mallattoo amantaa akka taʼe mirkaneessaniiru. Barreessaan seenaa Kaarlitoon Haayis jedhaman, “Alaabaan mallattoo namni tokko biyya isaatiif amanamaa akka taʼe argisiisuuf itti fayyadamuu fi waaqeffannaadhaaf tajaajilu dha” jechuudhaan barreessaniiru. a Barreessaan Daaniʼel Maaniiksi jedhaman, Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa ilaalchisee, ‘Haalli Kiristiyaanotaa maleekaa mootii mootota Roomaatiif aarsaa dhiheessuu didan mudachaa ture, haala namoota yeroo harʼaatti alaabaadhaaf ulfina addaa kennuu didan mudatuu wajjin wal fakkaata’ jechuudhaan barreessaniiru. b
Dhugaa Baatonni Yihowaa alaabaadhaaf ulfina addaa kan hin kennine taʼus, alaabaa hin cicciran ykn hin guban. Yookiin karaa kan biraa kamiin iyyuu alaabaadhaaf ykn mallattoo biyyaa gosa akkamiitiif iyyuu kabaja akka hin qabne hin argisiisan.
Ilmaan namootaa hundi ija Waaqayyoo duratti qixxee dha. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo, “Namoota saba hundumaa nama tokko irraa uume” jedha. (Hojii Ergamootaa 17:26) Kanaan kan kaʼes, Dhugaa Baatonni Yihowaa sanyii ykn lammii taʼe tokko isa kaan irra caalchisanii leellisuun dogoggora akka taʼe amanu. Eessaa iyyuu yoo dhufan ykn eessa iyyuu yoo jiraatan, namoota hundumaa ni kabajna.—1 Pheexiros 2:17.
Akka irratti hirmaannu seerri kan ajaju yoo taʼe hoo?
Dhugaa Baatonni Yihowaa mootummaa hin morman. Mootummoonni kutaa “qophii Waaqayyoo” akka taʼan ni amanna. Waaqayyo akka jiraatan isaaniif heyyameera. (Roomaa 13:1-7) Kana malees, Kiristiyaanonni abbootii taayitaatiif abboomamuu akka qaban ni amanna.—Luqaas 20:25.
Haa taʼu malee, seerri mootummoonni baasanii fi seerri Waaqayyoo yoo walitti buʼe hoo maal goona? Yeroo tokko tokko, mootummoonni seericha irratti fooyyaʼiinsa akka godhan karaa seera qabeessa taʼeen gaafachuun ni dandaʼama. c Fooyyaʼiinsa gochuun hin dandaʼamu yoo taʼe garuu, Dhugaa Baatonni Yihowaa ‘namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof akka bulchaa isaaniitti ajajamuu’ filatu.—Hojii Ergamootaa 5:29.
Dhugaa Baatonni Yihowaa gama hawaasaa ykn gama siyaasaatiin dhimma tokko deggeruu ykn mormuudhaan yaada ni kennuu?
Lakki. Dhugaa Baatonni Yihowaa dhimma hawaasaa ykn dhimma siyaasaa tokko irratti garee isa tokko hin deggeran ykn hin morman. Biyya tokkoof amanamoo taʼuuf waadaa galuu, alaabaadhaaf kabaja addaa kennuu ykn faaruu alaabaa faarfachuu irraa kan of qusannu garuu xiinxaltoota siyaasaa waan taaneef miti. Kanaa mannaa, akkas kan goonu, wantoota kana ilaalchisee barumsa Kitaaba Qulqulluu hordofuu waan barbaannuufi.
a Essays on Nationalism, fuula 107-108.
b The Way of the Gladiator, fuula 212.
c Fakkeenyaaf, mata duree, “Ija Jabinaa fi Qalbii Qulqulluu Waggoota 75 Dura Mana Murtii Ol Aanaa Duratti Argisiifame” jedhu ilaali. (Ingiliffa)