Waach Taawar Baayibil eendi Tiraakti Soosaayitiin Maali Dha?
Waach Taawar Baayibil eendi Tiraakti Soosaayitiin dhaabbata akka seera Koomanweelzi oof Pensilvaaniyaatti bara 1884tti kan hundaaʼe siʼa taʼu, dhaabbata buʼaadhaaf hundaaʼe miti. Dhaabbata Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii addunyaa maratti hojjetan deggeruudhaaf itti fayyadamani dha. Hojiin isaanii kun Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan qopheessuu ni dabalata.
Chaartariin dhaabbatichaa akka ibsutti, kaayyoon dhaabbatichaa ‘amantii, barumsaa fi gargaarsa gochuu’ wajjin kan wal qabatu siʼa taʼu, keessumaa “Wangeela waaʼee Mootummaa Waaqayyoo Yesus Kiristos bulchuu lallabuu fi barsiisuu” irratti kan xiyyeeffatu dha. Namoonni miseensa dhaabbata kanaa kan taʼan afeeramanii ti malee, buusii qarshii godhan irratti hundaaʼee miti. Miseensonnii fi geggeessitoonni dhaabbata kanaa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa deggeru.
Dhaabbileen kaan waliin akka hojjetan gochuu
Dhugaa Baatonni Yihowaa, Waach Taawar Baayibil eendi Tiraakti Soosaayitii oof Pensilvaaniyaadhaan alattis, biyyoota garaa garaa keessatti dhaabbilee garaa garaatti ni fayyadamu. Dhaabbilee kana keessaa tokko tokko maqaa isaanii keessatti, jecha kan akka “Watch Tower,” “Watchtower” jedhu ykn jechoota kana hiikanii itti fayyadamu.
Dhaabilleen kun yeroo hundeeffamanii kaasee wantoota hedduu akka hojjennu nu dandeessisaniiru. Fakkeenyaaf:
Barreessuu fi Maxxansuu. Kitaaba Qulqulluu gara miliyoona 220 taʼu, akkasumas afaan 700 oliin barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan gara biliyoona 40 maxxansineerra. Weebsaayitiin jw.org jedhamu namoonni kaffaltii malee afaan 120 oliin Kitaaba Qulqulluu kallattiidhaan intarneetii irraa akka dubbisan dandeessiseera; gaaffii “Mootummaan Waaqayyoo maali dha?” jedhu dabalatee gaaffilee hedduudhaafis deebii argachuuf isaan gargaareera.
Barumsa. Manneen barumsaa garaa garaa Kitaaba Qulqulluu itti barsiisnu qabna. Fakkeenyaaf, bara 1943 kaasee Dhugaa Baatonni 8,000 ol taʼan, barumsa balʼaa Mana Barumsaa Kitaaba Qulqulluu Giiliʼaaditti kennamu irraa fayyadamaniiru; barumsi kun gaʼumsa misiyoonota taʼanii tajaajiluuf ykn hojii addunyaa maratti hojjennu cimsuuf isaan dandeessisu akka argatan isaan gargaareera. Torban torbaniin immoo namoota Dhugaa Baatota hin taane dabalatee, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman walgaʼii gumiiwwan keenya keessatti geggeeffaman irraa barumsa ni argatu. Dubbisuu fi barreessuus kan barsiisnu siʼa taʼu, kitaaba gama kanaan gargaaru afaan 110n qopheessineerra.
Gargaarsa. Warra balaan gaddisiisaan miidhaa isaan irraan gaʼeef wanta barbaachisu ni dhiheessina. Balaa nam-tolchee, kan akka ajjeechaa sanyii bara 1994tti Ruwaandaatti taasifamee irrattis taʼe, balaa uumamaa kan akka kirkira lafaa bara 2010tti Haayitii mudatee irratti gargaarsa gooneerra.
Dhaabbileen nuti itti fayyadamnu hojii keenya galmaan gaʼuu irratti baayʼee kan nu gargaaran taʼus, hojiin keenya isaan irratti kan hundaaʼe miti. Dhugaa Baatonni hundi hojii misiraachicha akka lallabanii fi akka barsiisaniif Waaqayyo isaanii kenne hojjechuuf itti gaafatamummaa qabu. (Maatewos 24:14; 28:19, 20) Waaqayyo hojii keenya akka deggeruu fi ‘guddisuu’ isaa akka itti fufu ni amanna.—1 Qorontos 3:6, 7.