Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gareen Hiikkaa Afaan Ispaanish Gara Biyya Ispeen Deeme

Gareen Hiikkaa Afaan Ispaanish Gara Biyya Ispeen Deeme

Yesus wangeelli Mootummaa namoota hundumaatti lallabamuu akka qabu dubbateera. (Maatewos 24:14) Bara 1909 kaasee barreeffamoonni Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼan, namoonni addunyaa maratti argaman afaan dhalootaa isaaniitiin ergaa Mootummichaa akka dhagaʼaniif gara afaan Ispaanishitti hiikamaa jiru. Afaan Ispaanish, afaan Chaayinaatti aansee addunyaa maratti akka afaan dhalootaatti namoota baayʼeedhaan kan dubbatamu siʼa taʼu, addunyaa maratti namoota gara biliyoona walakkaa taʼantu afaan kana dubbata.

Miseensa garee hiikkaa afaan Ispaanish kan taʼe Wiiliyaam akkas jedheera: “Afaan Ispaanish afaan biyyoolessaa biyyoota hedduu aadaa garaa garaa qaban keessatti dubbatamu dha. Galmi keenya, namoota akkaataa guddinaa, sadarkaa barumsaa fi akkaataa jireenyaa garaa garaa qaban haala hawwachuu dandaʼuun barreeffamoota keenya hiikuu dha.” Namoota garaa garummaa akkasii qaban kana gargaaruuf, gareen hiikkaa kun miseensota Arjantiinaa, Eel Saalvaador, Guwaatimaalaa, Kolombiyaa, Meeksikoo, Porto Riikoo, Uraaguwaay, Veenzuweelaa, Yunaayitid Isteetis fi namoota dhalootaan Ispeen taʼan kan of keessatti qabate dha.

Waggoota hedduudhaaf Dhugaa Baatonni Yihowaa hiiktota Dhugaa Baatota taʼanii fi Arjantiinaa, Meeksikoo fi Ispeen jiran irraa gargaarsa argachuudhaan Yunaayitid Isteetis keessatti afaan Ispanishitti hiikaa turan. Haataʼu malee bara 1993tti gareen hiikkaa afaan Ispaanish hiiktonni hundi bakka tokko taaʼanii akka hiikaniif gara Porto Riikoo deeman.

Bitootessa 2012tti ammas Gareen Hiikkaa Afaan Ispaanish gara waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa Ispeen akka deemu murteeffame. Eedwaardi, “Namoota, qabeenya dhuunfaa ykn meeshaalee qofa utuu hin taʼin, wanta baayʼee barbaachisaa hojii hiikkaa irratti itti fayyadamnu, jechuunis laayibrarii hojii hiikkaatiif nu gargaarus fudhannee deemneerra” jedheera. Laayibirariin kun, hiikkaawwan Macaafa Qulqulluu afaan Ispaanishiin qophaaʼan hedduu dabalatee barreeffamoota qorannoodhaaf gargaaranii fi 2,500 taʼan qaba.

Ispeen keessatti simannaa gaariin yommuu godhamu

Caamsaa 29, 2013tti miseensonni garee hiikkaa afaan Ispeen gara mana isaanii isa haaraa kan deeman siʼa taʼu, miseensonni maatii Betʼel Ispeenitti argamanis simannaa gaarii isaaniif godhaniiru. Hiiktonni, wantoonni qorannoodhaaf gargaaranii fi meeshaaleen kaan Garba Atilaantikii qaxxaamuranii kan deeman taʼus, karoorri of eeggannoo irratti hundaaʼe baʼee waan tureef, namoota barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaa afaan Ispaanishiin dubbisan jalaa barreeffamoonni addaan hin cinne. Eedwaardi, “Wanti iddoo guddaan kennamuuf ergaa Mootummichaa waan taʼeef, hamma dandaʼametti namoonni afaan Ispaanish dubbatan hedduun barreeffamoota keenya akka dubbisan gochuuf carraaqqii cimaa goona” jedheera.