Dhimma ijoo ta'etti seeni

Birooshura Afaanota Hedduudhaan Argamuu Fi Fakkiidhaan Barsiisu

Birooshura Afaanota Hedduudhaan Argamuu Fi Fakkiidhaan Barsiisu

Oodvaal Mongooliyaa keessa jiraatti. Umriin ishee meeqa akka taʼe mirkanooftuu taʼuu baattus, bara 1921tti akka dhalatte dubbatti. Xinnummaa isheetti horii warra isheetii tiksaa kan turte yommuu taʼu, kan baratte waggaa tokkoof qofa dha. Dubbisuu hin dandeessu. Haataʼu malee dhiheenyatti birooshura bareedaa tokko irraa beekumsa waaʼee Waaqayyoo baruu fi wanta namoonni isaaf ajajaman gara fuulduraatti argatan hubachuuf gargaaru argatteetti. Beekumsi kun garaa ishee tuqe.

Birooshurri bara 2011tti Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kun maxxansa lama qaba. Lamaanuu fakkii babbareedaadhaan kan guutaman taʼus, garaa garummaan isaanii inni tokko isa kan biraa irra barreeffama baayʼee qabaachuu dhiisuu isaati.

Maxxansi inni barreeffama baayʼee qabuu fi Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhamu yeroo dhihootti afaanota 583n qophaaʼa; maxxansi inni kan biraan Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu immoo afaanota 483n qophaaʼa. Baayʼina afaanota birooshuroonni kun ittiin hiikamanii baayʼina afaanota Labsii Mirgoota Namummaa Mootummoota Gamtoomaniin hiikamee fi 413 taʼanii wajjin wal bira qabii ilaali. Dabalataanis, birooshuroonni kun lamaan koppii miliyoona 80 oliin raabsamaniiru.

Biraaziil keessatti dubartiin maanguddoon tokko birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu erga fudhatanii booda akkas jedhaniiru: “Namoonni warra akka kootiitiif yaadan jiraachuu isaanii beekuun baayʼee nama gammachiisa. Dubbisuu waanan hin dandeenyeef barreeffamoota keessan fudhadhee hin beeku. Birooshura kana garuu nan barbaada.”

Brijiit isheen hin barannee fi Faransaay keessa jiraattu, “Fakkii birooshuricha irra jiru yeroo hundumaan ilaala” jetteetti.

Dhugaa Baatuun Yihowaa Afriikaa Kibbaa keessa jiraatu tokko akkas jechuudhaan barreesseera: “Birooshura gaarii naannoo Chaayinoonni argamanitti dhugaa Macaafa Qulqulluu beeksisuuf gargaaru argadhee hin beeku. Namoota yunivarsiitii irraa eebbifaman, namoota dandeettii cimaa qabanii fi namoota dubbisuu hin dandeenyen haasofsiisa. Birooshurri, Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhamu barumsa buʼuuraa Macaafa Qulqulluu namootatti himuuf na gargaareera. Daqiiqaa soddoma gidduutti waan tokko isaan hubachiisuun ni dandaʼama.”

Dhugaa Baatonni Yihowaa Jarman keessa jiraatan lama hiriyoota gaaʼelaa dubbisuu dandaʼan tokko qayyabsiisu. Abbaan manaa birooshuricha dinqisiifachuudhaan akkas jedheera: “Birooshura kana kanaan dura maaliif naa hin kennine? Wantoota Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman karaa salphaa taʼeen hubachuuf na gargaara.”

Dubartiin dhagaʼuu hin dandeenyee fi Awustiraaliyaa keessa jiraattu akkas jetteetti: “Waggoota hedduudhaaf moloksoota wajjin gadaamii keessa jiraadheera. Akkuma namoota kaanii geggeessitoota waldaatti nan dhihaadhan ture. Haataʼu malee tokkoon isaanii iyyuu Mootummaan Waaqayyoo maal akka taʼe na hin barsiisne. Fakkiiwwan birooshura kana irratti argaman yaanni Maatewos 6:​10 irratti argamu maal jechuu akka taʼe akkan hubadhu na gargaaraniiru.”

Waajjirri damee Dhugaa Baatota Yihowaa Kaanaadaatti argamu akkas jedhee barreesseera: “Birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu afaan Kiruʼootiin erga arganii booda, hawaasni Seeraa Liyoon asitti argaman Dhugaa Baatonni Yihowaa ergaa Macaafa Qulqulluu namootatti himuuf ciminaan hojjechaa akka jiran dubbataniiru. Isaan keessaa tokko tokko, ‘Warri kaan akkas kan hin goone taʼus isin namootaaf ni yaaddu’ jedhaniiru.”