Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Sagaleedhaan Qophaaʼee fi Namoonni Hedduun Irratti Hirmaatan

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Sagaleedhaan Qophaaʼee fi Namoonni Hedduun Irratti Hirmaatan

“Baayʼee kan nama hawwatu, akka yaaddu kan si godhuu fi adda kan taʼe dha.”

“Dubbisni Kitaaba Qulqulluu kan namatti tolu akka taʼu godha.”

“Kan baayʼee nama hawwatu dha! Dubbisawwan ani umurii koo keessatti dhaggeeffadhe hunda irraa adda dha.”

Yaadawwan akkasii miira namoota Kitaaba Maatewos isa sagaleedhaan qophaaʼee fi jw.org irratti afaan Ingiliffaatiin argamu dhaggeeffatanitti dhagaʼamu akka gaariitti kan ibsani dha.

Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo jalqabaatiif Kitaaba Qulqulluu sagaleedhaan kan qopheessan bara 1978tti dha. Yeroo booda, dubbisni Kitaaba Qulqulluu maxxansa sanaa sagaleedhaan qophaaʼe, guutummaan isaa ykn hammi tokko afaan 20 oliin qophaaʼeera.

Bara 2013tti Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa fooyyeffamee waan qophaaʼeef, isa sagaleedhaan waraabames fooyyessuun ni barbaachise. Haa taʼu malee, waraabbii kanaan duraa isa namoonni sadii qofti irratti hirmaatan irraa haala adda taʼeen, waraabbii isa kana irratti qaamota seenaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamanii fi 1,000 ol taʼaniif sagalee garaa garaatu hojii irra oola.

Dubbistoota garaa garaatti fayyadamuun namni dhaggeeffatu seenaawwan Kitaaba Qulqulluu yaadaan akka ilaalu godha. Waraabbiiwwan kun dubbisa Kitaaba Qulqulluu bifa diraamaatiin qophaaʼuu fi sagaleewwan garaa garaa fi muuziqaa qabuu wajjin tokko taʼuu baatanis, seenichi caalaatti akka dhugoomu gochuu dandaʼu.

Hojiin dubbistoota hedduu barbaadu tokko, of eeggannoodhaan karoorfachuu gaafata. Jalqaba irratti, qorattoonni caqasoota keessatti kan dubbachaa jiru eenyu akka taʼe, hiika caqasichaa fi miira akkamiitiin dubbifamuu akka qabu adda baasuu qabu turan. Fakkeenyaaf, ergamaan Yesus tokko yoo caqasamee fi seenaa Kitaaba Qulqulluu sana keessatti maqaadhaan kan hin ibsamne yoo taʼe sagalee eenyuutu hojii irra ooluu qaba? Tarii yaadni shakkii argisiisu Toomaasiif, yaadni jarjaruu argisiisu immoo Phexrosiif ramadamuu dandaʼa.

Umurii nama caqasameetiifis xiyyeeffannaan ni kennama. Yohannis isa dargaggeessaaf sagalee nama dargaggeessa taʼeetu barbaachisa; Yohannis isa maanguddoodhaaf immoo, sagalee nama maanguddoo taʼeetu barbaachisa.

Kana malees, namootaa akka gaariitti dubbisantu filatama. Hedduun isaanii kan filataman namoota waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa Yunaayitid Isteetisitti argamu keessa tajaajilan keessaa ti. Namoota dubbisan dursanii ilaaluudhaan filachuuf, dura barruu Dammaqaa! irraa keeyyatoota filataman dursanii qophaaʼuudhaan akka dubbisan godhama. Akkasumas, yaadawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argamanii fi miirawwan kan akka aarii, gadda, gammachuu fi abdii kutachuu argisiisan akka dubbisan godhama. Dursanii ilaaluun, dandeettii dubbistootaa baruu fi gosi sagalee isaanii iddoo kamiif akka taʼu murteessuuf gargaara.

Erga Ramadamanii booda, dubbistoonni istuudiyoo Biruukiliin ykn Paatarsanitti argaman keessaa iddoo tokko deemuudhaan yaada isaaniif ramadame waraabamu. Namni waraabsisu, namni dubbisu sun sagalee gaarii ykn qulqulluu taʼeen dubbisuu isaa hordofa. Namni waraabsisus taʼe inni dubbisu, waraqaa addaa keeyyata hunda keessatti eessatti takka dhaabachuu fi miirri barbaachisu eessatti ibsamuu akka qabu argisiisutti fayyadamu. Akkasumas namni waraabsisu, waraabbiiwwan Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa isa kanaan duraatti akka deggersaatti fayyadama.

Gulaalliin muraasni yerooma waraabbiitti raawwatama. Gulaalaan sagalee caalaatti namatti tolu argachuudhaaf, yeroo tokko tokko jechoota ykn himawwan yeroo garaa garaatti waraabaman walitti fida.

Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa isa bara 2013tti fooyyeffamee qophaaʼe guutummaatti waraabanii xumuruuf yeroo hammamii akka fudhatu hin beekamne. Haa taʼu malee, Kitaabonni qophaaʼanii yeroo xumuramanitti tokko tokkoon jw.org irratti baʼu; kitaabni tokko sagaleedhaan yommuu qophaaʼu mata duree “Books of the Bible” jedhu jalatti mallattoon sagaleedhaan qophaaʼuu isaa argisiisu maqaa kitaabichaa biratti baʼa.