Dhimma ijoo ta'etti seeni

Macaafa Qulqulluu Yeroo Dheeraaf Akka Turutti Qophaaʼe

Macaafa Qulqulluu Yeroo Dheeraaf Akka Turutti Qophaaʼe

Dhugaa Baatota Yihowaatiif kitaabni Macaafa Qulqulluu caalaa buʼa qabeessa taʼe hin jiru. Yeroo hundumaa ni qayyabatu; akkasumas namoota kaan waaʼee misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo barsiisuuf itti fayyadamu. (Maatewos 24:14) Wanta kana hundumaaf itti fayyadamuun Macaafni Qulqulluun isaanii dafee akka dulloomu godha. Kanaaf Dhugaa Baatonni, Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa kan nama hawwatuu fi yeroo dheeraadhaaf turuu akka dandaʼu godhanii qopheessuuf carraaqqii cimaa godhaniiru.

Macaafni Qulqulluun haaraan kun cimaa taʼuu qaba. Bakka buutonni Dhugaa Baatota Yihowaa warshaa maxxansaa Woolkiil Niiwu Yoorki, U.S.A. dhimma kana ilaalchisee pireezidaantii warshaa kitaaba hodhuu tokko yeroo haasofsiisan, “Macaafa Qulqulluu isin barbaaddan kana qopheessuun hin dandaʼamu” isaaniin jedhee ture. Itti dabalees, “Kan nama gaddisiisu taʼus dhugaan isaa Macaafonni Qulqulluun baayʼeen minjaala irra ykn sheelfii irra kaaʼuudhaaf malee yeroo dheeraaf akka turanitti hin qophoofne” jedheera.

Maxxansi Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa warri kanaan duraa yeroo dheeraadhaaf turuu kan hin dandeenye siʼa taʼan, darbee darbee haala qilleensaa hoʼaa keessatti ni bubuqqaʼu. Warri iddoo maxxansaatii hojjetan, Macaafa Qulqulluu haala qilleensaa garaa garaa keessatti yeroo dheeraa turuu dandaʼu qopheessuuf, wantoota qola kitaabaa hojjechuuf gargaaran, haphee fi malawwan kitaaba ittiin hodhuun dandaʼamu argachuuf carraaquu jalqaban. Wanta argatan irratti hundaaʼuudhaan Macaafa Qulqulluu qopheessanii Dhugaa Baatota Yihowaa naannoowwan qilleensaa gar malee qorraa fi hoʼaa taʼan keessatti argamanitti yaaliidhaaf ergan.

Jiʼoota jaʼa booda, Macaafonni Qulqulluun sun ilaalamuudhaaf gara iddoo maxxansaatti deebifaman. Obboloonni hojii maxxansaa hojjetan sun fooyyaʼiinsa irratti gochuudhaan ammas yaaliidhaaf ergan. Walumatti Macaafa Qulqulluu 1,697 taʼutu qorannoodhaaf naannoowwan garaa garaatti ergame. Muraasni isaanii akka tasaa karaa hin taaneen qabamaniiru. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun tokko halkan guutuu rooba keessatti kan dhiifame siʼa taʼu, kan biraan immoo lolaa keessatti liqimfameera. Alatti ergamanii ilaalamuunii fi akka tasaa karaa hin taaneen qabamuun kitaabota kanaa yeroo dheeraa akka turuu dandaʼan odeeffannoo gaarii kenneera.

Bara 2011tti utuma kitaabonni kun alatti qoramaa jiranii, Dhugaa Baatonni meeshaa maxxansaa saffisa guddaa qabu iddoowwan maxxansaa isaanii Woolkiilitti fi Ebiinaa Jaappaanitti argamaniif bitan. Kaayyoon isaanii kitaabonni hangi barbaadaman walgaʼii waggaatiif akka qaqqaban qofa utuu hin taʼin, iddoowwan lamaanittuu Macaafota Qulqulluu wal fakkaatan qopheessuuf ture.

Qolli Cabu Rakkina Qaba

Jalqaba bara 2012tti iddoowwan maxxansaa lamaan Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa isa duraaniitiif qola sharaa irraa hojjetame bifa gurraachaa fi bifa bunaatiin qopheessuu jalqaban. Haataʼu malee maashinoonni haaraan haphee, foʼaa baayʼee qaqalloo taʼanii fi Dhugaa Baatotatti ergamanii hin ilaalamne fayyadamu, akkasumas qolli isaan qopheessan erga isaan Macaafa Qulqulluutti maxxansanii booda ni mimicciirame. Rakkinicha furuuf yaalii isaan godhan utuu hin milkaaʼin waan hafeef, oomishni isaanii addaan cite.

Namoonni meeshaalee wantoonni kun irraa hojjetaman keessaa isa tokko hojjetan, rakkinni inni guddaan qola kitaabaa lallaafaa taʼanii yommuu dachaafaman achumatti hafuu akka taʼee fi rakkina kana hambisuun ulfaataa akka taʼe dubbataniiru. Qolawwan goggogaa taʼanitti cichuu mannaa, Dhugaa Baatonni kun Macaafa Qulqulluu qola lallaafaa qabuu fi bareedaa taʼe qopheessuuf murteessan. Yaalii jiʼa afurii booda hapheewwanii fi foʼaawwan qaqalloo garaa garaa walitti makuudhaan, wantoota meeshaan maxxansaa kun hojii isaa akka jalqabu godhan kan argatan siʼa taʼu, amma Macaafa Qulqulluu qola lallaafaa diriiree taaʼu qabu qopheessuun dandaʼameera.

Oomishni Macaafa Kanaa Ammas Yeroodhaaf Dhaabate

Fulbaana 2012tti warshaaleen maxxansaa sun Macaafa Qulqulluu isa duraanii maxxansuu akka dhaabanii fi mana kuusaa isaanii keessaa baasanii akka xumuran, achiis Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa isa fooyyeffame maxxansuuf akka qophaaʼan itti himame. Kitaabni kun kan beeksifamu Onkoloolessa 5, 2013, walgaʼii waggaa Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania irratti ture.

Warshaaleen maxxansaa sun faayila elektiroonikii kitaaba kanaa kan argatan Jimaata Hagayya 9, 2013tti siʼa taʼu, guyyaa itti aanu maxxansuu jalqaban. Hagayya 15tti Macaafa Qulqulluu guutummaa isaa maxxansaniiru. Jiʼa tokkoo fi torban sadan itti aananitti obboloonni warshaalee maxxansaa Woolkiilii fi Eebinaa keessaa hojjetan, namoonni walgaʼii waggaa irratti argaman hundi akka argatan gochuuf, Macaafota Qulqulluu 1,600,000 qopheessuuf halkanii fi guyyaa hojjetaniiru.

Macaafni Qulqulluun haaraan kun bareedaa fi yeroo dheeraa akka turutti kan qophaaʼe taʼuun isaa ergaan achi irra jiru caalaatti faayida qabeessa akka taʼu godha. Dubartiin Yunaayitid Isteetis tokko Macaafa Qulqulluu isa haaraa fudhattee guyyaa itti aanutti, “Maxxansa isa haaraa argachuun koo Macaafa Qulqulluu caalaatti hubachuuf na gargaareera” jechuudhaan barreessiteetti.