Suuraawwan Barreeffama Gabbisan Kaasuu
Ogeessonni keenya suuraa kaasan suuraawwan barreeffamoota keenya gabbisanii fi yaada barreeffamichaa guutuu godhan kan kaasan akkamitti? Tarkaanfiiwwan fudhataman fakkeenyaan ibsuuf, akkaataa qolli Dammaqaa! Fulbaana 2015 itti qopheeffamee fi suuraan isaa kaafame ilaali. a
Diizaayinii. Diizaayinaroonni Kutaa Aartii Wiirtuu Barumsaa Waachtaawar, Paatarsan Niiwu Yoorkitti argamu keessa jiran, mata duree “Qarshiidhaaf Ilaalcha Madaalamaa Qabaachuu” jedhu erga dubbisanii booda, barreeffama kana ibsuuf fakkii kaasan. Achiis fakkii kaasan kana Koree Barreeffamaa Qaama Ol Aanaatti dhiheessan; koreen kunis fakkiin yaadicha dabarsuu fi suuraan isaa kaʼu isa kam akka taʼe filate.
Iddoo. Obboloonni suuraa kaasan mana baankii dhugaatti hin fayyadamne; kanaa mannaa, iddoowwan taaʼanii itti nama eeganii fi Wiirtuu Barumsaa Waachtaawar, Paatarsan keessatti argaman keessaa isa tokko baankii fakkeessanii itti fayyadaman. b
Taatota. Namoonni suuraan isaanii kaʼe hundi Dhugaa Baatota Yihowaa yommuu taʼan, maamiltoota baankii magaalaa hoʼituu keessatti argamuu fakkaatanii hojjechuu kan dandaʼantu filatame. Namni tokko irra deddeebiʼamee barreeffamoota keenya irratti akka hin baane gochuuf galmeen ni qabama.
Meeshaalee. Baankichi Yunaayitid Isteetisii ala waan jiru fakkeessuuf, Kutaan Aartii maallaqa biyya kan biraa qopheesse. Obboloonni suuraa kaasan kun suuraan sun hamma dandaʼametti sirrii fi dhugaa akka fakkaatu gochuuf meeshaalee garaa garaatti fayyadamaniiru. Ogeessi suuraa kaasuu fi Kireeg jedhamu “Wanti akkuma carraatti hojjetamu hin jiru” jedheera.
Uffannaa fi faaya. Suuraa mana baankii kanaaf, hirmaattonni uffatuma isaanii fidatan. Haa taʼu malee, doʼiiwwan seenaa wajjin wal qabatan ykn uffata wal fakkaatu barbaadaniif, Kutaan Aartii akkaataa uffannaa haala sanaaf taʼu qoratee qopheessa. Obboloonni faaya qopheessan immoo yeroo, haalaa fi yoomessa suuricha irratti dabarsuun barbaadame fakkeessuuf dibata garaa garaatti fayyadamu. Kireeg akkana jedheera: “Suuraan bara kanatti kaʼu akka gaariitti kan mulʼatu waan taʼeef, isa kanaan duraa caalaa of eeggannoo guddaa gochuu qabna. Dogoggorri muraasni illee fakkii tokko balleessuu dandaʼa.”
Yeroo suuraan itti kaʼu. Obboloonni suuraa kaasan ifni baankicha keessa jiru guyyaa kan fakkaatu taʼuu isaa mirkaneeffatan. Yeroo suuraan kaʼu hundatti ifni jiru (ifni aduu, ifni addeessaa ykn ifni elektiriikii) sirrii taʼuu isaa, akkasumas ifa doʼii sana keessa jiruu wajjin kan wal simu taʼuu isaa mirkaneessuu qabu. Kireeg, “Viidiyoo irraa haala adda taʼeen, ergaa haalichaa dabarsuuf fakkii tokkotti qofa waan fayyadamnuuf, haalli ifichaa murteessaa dha.”
Gulaaluu. Yeroo booda gulaaltonni suuraa, namoonni barrucha dubbisan qarshichi kan eessaa akka taʼe irratti utuu hin taʼin, namoota sana irratti akka xiyyeeffatan gochuuf qarshichi sirriitti akka hin mulʼanne godhan. Halluun fireemota balbalichaa fi foddaa diimaa kan ture taʼus, halluu barruu kanaa wajjin akka wal simu gochuuf gara magariisaatti jijjiiraniiru.
Suuraa Paatarsanitti kaʼuun alattis, waajjiroota damee addunyaa maratti argaman kan akka Awustiraaliyaa, Biraaziil, Kaanaadaa, Jarmanii, Jaappaan, Kooriyaa, Maalaawwii, Meeksiikoo fi Afriikaa Kibbaa keessa ogeessonni suuraa yeroo barbaachisutti suuraa barreeffamoota keenyaaf taʼu qopheessan jiru. Kutaan Artii Paatarsanitti argamu jiʼa jiʼaan suuraawwan gara 2,500 taʼan faayila qabutti dabala. Isaan kana keessaa hedduun isaanii barruulee keenya Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! jedhaman irratti hojii irra oolaniiru; bara 2015tti maxxansi barruulee kanaa tokko qofti gara koppii miliyoona 115 olii raabsameera. Odeeffannoo dabalataa argachuuf waajjira keenya Paatarsan, Niiwu Yoorkitti argamu ykn waajjiroota damee addunyaa maratti argaman kam iyyuu daawwachuu dandeessa.
a Qola barruchaatiif isa dhuma irratti hojii irra oole malee suuraawwan hedduun kaafamaniiru. Haa taʼu malee, akka warri suuraa kaasan waamanitti suuraawwan aawuteek jedhaman kun kuusaa fakkii keessa kan galchaman siʼa taʼu, yeroo booda wantoota kaan irratti hojii irra oolu.
b Suuraan kan kaafamu daandii irratti yoo taʼe, Kutaan Aartii duraan dursee baayʼina namoota irratti hirmaatanii, meeshaaleen hammamii akka fayyadamanii fi suuricha kaasuuf ifa akkamiitti akka fayyadaman ibsuudhaan abbootii taayitaa mootummaa irraa heyyama argachuu qaba.