Guyyaa 60 Gidduutti Xumuruu
Jimaata, Adoolessa 5, 2013tti miseensonni maatii Betʼel Yunaayitid Isteetisitti argaman, miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe Antoonii Mooris beeksisa armaan gadii yeroo dubbatu baayʼee gammadaniiru: “117 Aadamsi Istiriitii fi 90 Saandis Istiriit Biruukiliinitti argaman dabalatee gamoowwan jaʼan gurguruuf walii galteen godhameera. a Gamoowwan 1 hanga 5 walakkeessa Hagayyaa waggaa kanaatti gadhiisnee baʼuu qabna.”
Kun hojii guddaa akka taʼe beekamaa dha. Walumatti iddoon gamoowwan shanan kun irratti ijaaraman, dirreewwan kubbaa miillaa tapha biyyoolessaa keessummeessuu dandaʼan 11 wajjin wal qixxee dha! Gamoowwan kun guyyaa 60 keessatti gadhiifamuu qabu!
Waggoota hedduudhaaf Gamoowwan 1 hanga 5 bakka maxxansaa fi kitaabni itti walitti hodhamu turan; haataʼu malee bara 2004tti gara Woolkiil, Niiwu Yoorkitti jijjiiramaniiru.
Yeroo sanaa kaasee gamoowwan kun mana kuusaa meeshaaleen suphaaf gargaaran, meeshaaleen ijaarsaa fi meeshaaleen biiroo keessa kaaʼaman, akkasumas iddoo meeshaaleen hojii ijaarsaa Yunaayitid Isteetisii fi biyyoota kaanii keessa kaaʼaman taʼanii tajaajilaa turaniiru.
Yeroo kennameef keessatti gamoowwan kana gadhiisanii baʼuuf, karoora akka gaariitti irratti yaadame baasuun barbaachisaa dha. Jalqaba, meeshaalee gurguraman, gatamanii fi kaaʼaman adda baasanii beekuun barbaachisaa dha. Achiis, karaa miidhaa hin fidnee fi gaarii taʼeen hojii kana raawwachuuf qophiin godhameera.
Hojii kana fiixaan baasuuf miseensonni maatii Betʼel carraaqqii cimaa godhaniiru. Kana malees, namoonni 41 fedhiidhaan dhufanii akka hojjetan gara Betʼelitti afeeramaniiru. Namoonni fedhiidhaan of dhiheessan kun naannoo Yunaayitid Isteetis garaa garaa keessa dhufan. Baayʼeen isaanii dargaggoota cimoo taʼanii fi gaaʼela hin dhaabbanne dha. Warra, hiriyootaa fi hojii isaanii dhiisanii torban jaʼaa hanga kudhaniitti Betʼelitti akka hojjetan afeerrii isaaniif dhihaate fudhataniiru. Waaʼee hojii kanaa maaltu isaanitti dhagaʼame?
Joordaan, inni umriin isaa waggaa 21 taʼee fi Waashingitan Isteetii dhufe, “Betʼeliin galuuf dursee utuun foormii guuteera taʼee natti tola” jedheera.
Isteevan inni umriin isaa waggaa 20 taʼee fi Teeksaasii deeme, “Kutaa maatii addunyaa maraa ciminaan hojjetuu akkan taʼe natti dhagaʼama” jedheera.
Jastiin, inni umriin isaa waggaa 23 taʼe akkas jedhee barreesseera: “Betʼeliin yeroon jirutti manuma waanan jiru natti fakkaata. Ogummaan hafuuraa, jaalallii fi michummaan Betʼelitti argamu baayʼee kan nama dinqisiisu dha.”
Adler inni umriin isaa waggaa 20 taʼee fi Porto Riikoodhaa dhufe akkas jedheera: “Bariidhaan kaʼuun namatti kan ulfaatu taʼus, michummaa wal irraa hin cinne uummachuu dandaʼeera.”
Wiiliyaam inni umriin isaa waggaa 21 taʼe akkas jedheera: “Ijoollummaa kootii kaasee gara Betʼel dhufuun hawwii koo ture. Taʼus, wantan kophaa taʼu natti fakkaatee ture; kun garuu dogoggora ture. Jireenya koo keessatti Betʼelitti muuxannoo gaarii argadheera! Iddoon as caalaa gaarii taʼe jira jedhee yaaduu hin dandaʼu.”
Namoonni fedhiidhaan hojjetan kun guyyaa jedhame keessatti hojicha xumuraniiru? Eyyee, guyyaa 55 gidduutti xumuruu dandaʼaniiru.
a Manni jireenyaa 90 Saandis Istiriit bara 2017tti gadhiifama.