Jibba Halaalaa Mooʼuu
Dhugaa Baatonni Yihowaa sanyiin hundi fuula Waaqayyoo duratti walqixa akka taʼan amanu. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Namoonni jibba halaalaa cimaa taʼe qaban Kitaaba Qulqulluu akka baratan gochuudhaan jibba isaanii kana akka mooʼan isaan gargaarra.
Kana malees, warraaqsa jibba sanyii ykn gosaa jajjabeessu kam irratti iyyuu hin hirmaannu. Fakkeenyaaf bara Naaziitti Dhugaa Baatonni Yihowaa Jarmanii fi biyya kaan keessa jiraatan duula jibba sanyii Hitlar geggeessaa ture irratti hirmaachuu didaniiru. Kanaan kan kaʼes, obboloonni dhibbaan lakkaaʼaman ajjeefamaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun bara 1994tti gocha sanyii balleessuu Ruwaandaa keessatti geggeeffamaa ture irratti Dhugaa Baatonni Yihowaa miseensonni isaanii gocha kana irratti akka hirmaatan hin goone. Dhugaa Baatonni tokko tokko namoota qabamanii ajjeefaman oolchuuf yeroo yaalanitti lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilaniiru ykn duʼaniiru.
Namoota hunda gargaaruu waan barbaannuuf barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan afaan gara 600 taʼaniin ni qopheessina, akkasumas ni raabsina. Kanaan kan kaʼes, namoonni gumiiwwan keenyatti argaman “gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa fi qooqa hundumaa keessaa” kan dhufani dha.—Mulʼata 7:9.