Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Magaalaa Roostoov Oon Doon Bareechuu Irratti ni Hirmaatan

Dhugaa Baatonni Yihowaa Magaalaa Roostoov Oon Doon Bareechuu Irratti ni Hirmaatan

Ebla 20, 2015tti gaggeessan bulchiinsa magaalaa guddittii Raashiyaa kibbaa Roostoov Oon Doon jedhamtuu, Dhugaa Baatonni Yihowaa “tibba arfaasaatti magaalattii bareechuu irratti hirmaannaa cimaa waan godhaniif” xalayaa galataa isaaniif ergeera.

Yommuu magaalaa Roostoov Oon Doon bareechuuf hawaasichi carraaqqii gochaa turetti, Dhugaa Baatonni Yihowaa gumii afur irraa dhufan kosii fi caccabaa daandii magaalattii irrattii fi qarqara lagaatti argamu walitti qabanii turan. Saʼaatii muraasa keessatti, kosii gara karaxiitii 300 guutuu walitti qaban; boodas konkolaataawwan feʼumsaatti feʼame.

Dhugaa Baatonni kun hawaasicha gargaaruuf hammana fedhii kan qabaatan maaliifi? Riyeesaan ishiin umuriin ishii waggaa 67 taʼe, “Hojichaaf dantaa dhabuu hin barbaadu. Namni hundi naannoo qulqulluu taʼe keessa jiraachuu akka dandaʼuuf, magaalaan koo qulqulluu akka taatun barbaada. Wanta hojjenne kana namoonni baayʼeen hubachuu baatanis, ani hojichatti gammadeera. Hunda caalaa immoo Yihowaan hojii kana ni arga” jetteetti. Aleeksaandaris itti dabaluudhaan, “Namoota kaaniif lallabuu qofa utuu hin taʼin, tajaajila isaan gargaaru irrattis ni hirmaanna. Namoota naannoo koo jiraniif waa gochuu dandaʼuun koo na gammachiisa” jedheera.

Namoonni kana ilaalanis hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa fedhiidhaan hojjetan kana dinqisiifataniiru. Jiraataan naannichaa tokko Dhugaa Baatonni Yihowaa hojicha irratti kan hirmaatan kaffaltii malee taʼuu isaa yeroo beeku baayʼee ajaaʼibsiifame. Innis isaanii wajjin qulqulleessuu irratti hirmaachuuf kan murteesse siʼa taʼu, boodas “Hojii qulqulleessuu irratti hirmaachuudhaan gammachuu fi milkaaʼinni guddaan akkasii ni argama jedhee matumaa yaadee hin beekun ture! Muraasni keessan naannoo kana kan hin jiraanne taʼus, nuuf qulqulleessuuf jecha dhuftaniittu!” jechuudhaan wanta hubate dubbateera.

Abbaan taayitaa magaalattii tokko, Dhugaa Baatonni muraasni kosii baayʼee akka walitti qaban hubate. Achiis Dhugaa Baatota sana kosii sassaaban wajjin erga suuraa isaan kaasee booda, “Hojichi akkamitti hojjetamuu akka qabu warra kaanitti nan agarsiisa” jechuudhaan dubbateera.