Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Warri Ijoollee Isaanii Miidhaa Saalaa Irraa Akka Eegan, Ijoolleenis Akka Of Eegan Barsiisu

Dhugaa Baatonni Yihowaa Warri Ijoollee Isaanii Miidhaa Saalaa Irraa Akka Eegan, Ijoolleenis Akka Of Eegan Barsiisu

Macaafni Qulqulluun warri ijoollee isaanii akka jaallatan, akka isaan barsiisanii fi akka isaan eegan, akkasumas kennaa Waaqayyoo akka taʼanitti akka isaan ilaalan abboomeera. (Faarfannaa 127:3; Fakkeenya 1:8; Efesoon 6:1-4) Balaa guddaan warri ijoollee isaanii irraa eeguu qaban, balaa gama saalaatiin isaan irra gaʼu dha.

Dhugaa Baatonni Yihowaa, waggoota hedduudhaaf, barreeffamoota maatiin hariiroo gaarii qabaachuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe ibsan qopheessanii raabsaa turaniiru. Barreeffamoota warri miidhaa gama saalaatiin ijoollee isaanii irra gaʼu irraa akkamitti isaan eeguu akka dandaʼanii fi waaʼee namoota miidhaa akkasii geessisanii ijoollee isaanii barsiisuuf isaan gargaaranis qopheessaniiru. Mata dureewwan armaan gaditti tarreeffaman yaadawwan barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa qopheessan irratti argamanii fi gama kanaan qajeelfama kennan keessaa muraasa isaanii kan qabatani dha. Mata dureewwan kun afaan meeqaan akka qophaaʼanii fi koppii meeqaan akka maxxanfaman qalbeeffadhu. a

  • Mata duree: Saalqunnamtii firoota gidduutti raawwatamu—Yakka Dhokataa Taʼe

    • Barreeffama: Dammaqaa! Guraandhala 8, 1981, (Ingiliffaan argama)

    • Koppii: 7,800,000

    • Afaan: 34

  • Mata duree: Yaada Namoota Firri Isaanii Miidhaa Saalaa Isaan Irraan Geessise Gargaaru

    • Barreeffama: Masaraa Eegumsaa Guraandhala 1, 1983 (Ingiliffaan argama)

    • Koppii: 10,050,000

    • Afaan: 102

  • Mata duree: Ijoollee Gowwoomsuu—Sodaa Haadhotii Hedduu; Ijoollee Gowwoomsuu—‘Wanta Akkasii Kan Hojjetu Eenyu?’; Ijoollee Gowwoomsuu—Mucaa Keessan Eeguu Ni Dandeessu

    • Barreeffama: Dammaqaa! Amajjii 22, 1985, (Ingiliffaan argama)

    • Koppii: 9,800,000

    • Afaan: 54

  • Mata duree: Ijoollee Waayyuu Hin Beeknee Fi Miidhaan Isaan Irra Gaʼu; Madaa Dhokataa Ijoollee Miidhuun Geessisu

    • Barreeffama: Dammaqaa! Onkoloolessa 8, 1991, (Ingiliffaan argama)

    • Koppii: 12,980,000

    • Afaan: 64

  • Mata duree: Mucaan Keessan Balaadhaaf Saaxilameera!; Ijoollee Keenya Eeguu Kan Dandeenyu Akkamitti?; Eegumsa Mana Keessaa

    • Barreeffama: Dammaqa! Onkoloolessa 8, 1993, (Ingiliffaan argama)

    • Koppii: 13,240,000

    • Afaan: 67

  • Mata duree: Ijoollee Keessan Eegaa

    • Barreeffama: Beeksisa Sabaaf Dhihaate, Viidiyoo Lakkoofsa 4, bara 2002tti qophaaʼe (Ingiliffaan argama)

    • Afaan: 2

  • Mata duree: Eegumsa Yesusiif Godhame

  • Mata duree: Balaa Warra Yaaddessu; Akkaataa Itti Ijoollee Keessan Eeguu Dandeessan; Maatiin Keessan Eegumsa Akka Argatu Godhaa

    • Barreeffama: Dammaqaa! Onkoloolessa 2007 (Afaan Oromootiin hin jiru)

    • Koppii: 34,267,000

    • Afaan: 81

  • Mata duree: Namoota Gama Saalaatiin Miidhaa Geessisan Irraa Of Eeguu Kanan Dandaʼu Akkamitti?; Gaaffii Warri Gaafatan: Waaʼee Wal Qunnamtii Saalaa Ijoollee Koo Wajjin Dubbachuun Qabaa?

    • Barreeffama: Kitaaba Gaaffii Dargaggootaa—Deebiiwwan Hojii Irra Oolchuun Dandaʼamu, Jildii 1 (Amaariffaan argama) jedhamu boqonnaa 32 fi kutaa dabalataa isaa, bara 2011tti qophaaʼe

    • Koppii: 18,381,635

    • Afaan: 65

  • Mata duree: Warri Waaʼee Saal Qunnamtii Ijoollee Isaanii Barsiisuu Kan Dandaʼan Akkamitti?

    • Barreeffama: Weebsaayitii jw.org; mata duree Fulbaana 5, 2013tti qophaaʼe (Afaan Oromootiin hin argamu)

    • Afaan: 64

Dhugaa Baatonni Yihowaa warri namoota ijoollee isaanii gama saal qunnamtiitiin miidhan irraa isaan eeguu, ijoolleenis of eeguu akka dandaʼan barsiisuu isaanii itti fufu.

a Jiini itti qophaaʼe isa kan Ingiliffaa kan argisiisu dha.