Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dargaggoonni Dhiibbaa Mana Barumsaatti Ijoolleen Abbaa Humnaa Taʼan Isaan Irra Geessisan Moʼuuf Gargaarsa Argatan

Dargaggoonni Dhiibbaa Mana Barumsaatti Ijoolleen Abbaa Humnaa Taʼan Isaan Irra Geessisan Moʼuuf Gargaarsa Argatan

Huugoo inni umuriin isaa waggaa kudhan taʼe, bara 2014tti, mana barumsaatti barattoonni dhiibbaa ijoolleen abbaa humnaa taʼan isaan irra geessisan akka moʼan gargaaruu isaatiin badhaasa Diyaanaa Awaardi jedhamu dhaabbata gargaarsaa Biritaaniyaa tokko irraa argateera.

Huugoon akkana jedheera: “Badhaasni kun animeeshinii gabatee adii Beat a Bully Without Using Your Fists (Humna Utuu Hin Fayyadamin Warra Humnaan Nama Miidhan Moʼuu) jedhamuuf naaf haa taʼu. Wantan viidiyoo jw.org irra jiru kana irraa baradheen qofa ijoollee abbaa humnaa taʼan moʼuu irratti milkaaʼina argadheera.”

“Ijoolleen abbaa humnaa taʼan ijoollee addunyaa mara irra jiran guyyaa guyyaatti ni rakkisu . . . , garuu. . . Wanti gochuu dandeessan jira.” (Yaada Viidiyoo Beat a Bully Without Using Your Fists jedhamu irraa fudhatame.)

Huugoon jalqaba viidiyoo animeeshinii kana barsiisota isaatti argisiise. Isaanis baayʼee waan isaan gammachiiseef, weebsaayitii jw.org jedhamu barattoonni hundi akka fayyadaman heyyaman. Ijoollee mana barumsaa Huugoo keessa jiranii fi umurii waggaa saddeetii hanga kudhanii gidduu jiran keessaa hedduun isaanii amma yeroo yerootti jw.org ni fayyadamu. Ijoolleen kun dhiibbaa ijoolleen abbaa humnaa taʼan isaan irra geessisan moʼuu qofa utuu hin taʼin, gaaffiiwwan kan akka, “Hiriyaa dhugaa qabaachuu kanan dandaʼu akkamitti?” jedhaniifis deebii akka argatan dubbataniiru?

Tooftaawwan Gaarii Taʼanii fi Dargaggoota Gargaaran

Mana barumsaa Biritaaniyaatti argamu tokko keessatti, Eliyaas isa umuriin isaa waggaa saddeet taʼe ijoolleen abbaa humnaa taʼan isa doorsisanii turan. Innii fi maatiin isaa viidiyoo Abbaa Humnaa Moʼuu jedhamu akka gaariitti ilaalan. Yeroo ijoolleen abbaa humnaa taʼan isa doorsisanitti maal jechuu fi gochuu akka qabu waliin shaakalan. Kun immoo Eliyaas rakkina isa mudatu dura dhaabachuudhaaf ofitti amanamummaa akka qabaatu isa gargaareera. Sana booda torban abbaa humnaa itti mormanitti daayiraktarri mana barumsaa Eliyaas viidiyoo sana guutummaa mana barumsichaatti argisiise.

Dhiibbaan ijoolleen abbaa humnaa taʼan geessisan rakkina Biritaaniyaa keessa qofa jiru miti. Rakkinni kun addunyaa mara irra kan jiru siʼa taʼu, viidiyoon kun dargaggoota bakka hunda jiran gargaaraa jira.

Yunaayitid Isteetisitti Ivii isheen umuriin ishee waggaa kudhan taʼe intala kutaa ishee kanaan dura dhiibbaa ishee irraan geessiste sodaattee turte. Viidiyoo Abbaa Humnaa Moʼuu jedhamu erga ilaaltee booda garuu, intala ishee doorsiste sana sodaachuu dhiiste. Akkasumas barsiisaa isheetti kan himte siʼa taʼu, innis ishee gargaare. Intalli kutaa ishee sunis dhiifama ishee gaaffate; amma hiriyoota taʼaniiru.

Dhugaa Baatonni Yihowaa haalli dargaggootaa isaan yaaddessa. Rakkoowwan akka dhiibbaa ijoolleen abbaa humnaa taʼan isaan irra geessisanii fi guyyaa guyyaatti isaan mudatan ilaalchisee wantoota ijoollee gargaaran qopheessuu keenya itti fufna.