JW.ORG—Weeb Saayitii Jireenya Namaa Fooyyessaa Jiru
Namoonni bakka kam iyyuu jiran jw.org irraa faayidaa argachaa jiru. Yaadawwan armaan gaditti argaman, yaadawwan namoonni weeb saayitii kanaaf dinqisiifannaa qaban argisiisuuf gara waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaatti hamma Caamsaa 2014tti ergan keessaa muraasa isaanii ti.
Ijoollee Gargaaruu
“Mucaan koo inni mana barumsaa oolmaa daaʼimmanii baratu, yeroo hundumaa yeroo gara manaatti deebiʼu qubeessaa, ashaangulliitii xixinnoo fi fuullee ijaa kan isaa hin taane fidee dhufa ture. Wanti inni gochaa jiru kun hannaa wajjin tokko akka taʼee fi hanni immoo gadhee akka taʼe isaaf ibsuuf yeroo baayʼee yaalleerra. Viidiyoo Stealing Is Bad [Hatuun Gadhee dha] jedhamu hamma jw.org irraa garagalfannutti dadhabbiin keenya akkasumaan ture. Kunis meeshaa humna guddaa qabuu fi mucaa keenya barbaachisu taʼeera. Viidiyoo kana erga ilaalee booda, hanni Waaqayyo duratti gadhee akka taʼe waan amaneef meeshaalee isa bira jiran hunda deebisuuf fedhii akka qabu ibseera. Weeb saayitiin kun baayʼee nu gargaareera!”—D. N., Afriikaa.
‘Viidiyoon Stealing Is Bad jedhamuu fi jw.org irratti argamu. . . meeshaa humna guddaa qabuu fi mucaa keenya barbaachisu taʼeera’
“Ijoolleen koo weebsaayitii kana ni jaallatu. Viidiyoowwan animeeshinii gabaabaa taʼanii fi seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hatuu fi sobuun sirrii akka hin taane barsiisan hojiirra oolchuuf isaan gargaaran ni garagalfatu. Akkasumas, amalawwan gara biraa jireenya isaanii keessatti isaan gargaaranii fi hawaasa keessa jiraataniif buʼaa kan buusan akka taʼan isaan gargaaran horachuu dandaʼaniiru.”—O. W., Weesti Indiis.
Warra Barumsa Irra Jiran Gargaaruu
“Mana barumsaa akka baʼaatti ilaalaa kanan ture taʼuu isaa irra iyyuu, addaan kutuufan yaadaa ture. Haataʼu malee guyyaa tokko mata duree jw.org irratti argamuu fi ‘Should I Quit School? [Barumsa Addaan Kutuun Qabaa?]’ jedhun dubbise. Mata dureen kun barumsaaf ilaalcha sirrii akkan qabaadhu na gargaareera. Barumsa barachuun gara fuulduraatiif akka na leenjisuu fi nama itti gaafatamummaa fudhachuu dandaʼu akka na godhu mata duree kana iraa hubachuu dandaʼeera.”—N. F., Afriikaa.
“Gorsi weebsaayitii kana irratti dargaggootaaf kenname mana barumsaa keessatti amala gaarii akkan qabaadhu na gargaareera”
“Gorsi weebsaayitii kana irratti dargaggootaaf kenname mana barumsaa keessatti amala gaarii argisiisuu kanan dandaʼu akkamitti akka taʼe na barsiiseera. Qayyabannaa irratti xiyyeeffachuu fi wantoota yaada koo hihhiran irraa fagaachuu akkamitti akkan dandaʼu baradheera.”—G., Afriikaa.
“Dubartiin wajjin hojjennu tokko intalli ishee mana barumsaatti, keessuma intala tokko irraa humnaan miidhaan akka irra gaʼu yeroo isheen dubbattun dhagaʼe. Kun immoo intala ishee kana irratti dhiibbaa gadhee waan geessiseef, guyyoota muraasaaf sodachuu ishee irraan kan kaʼe gara mana barumsaa hin deemne. Anis viidiyoo animeeshinii gabatee adii Beat a Bully Without Using Your Fists [Humna Utuu Hin Fayyadamin Warra Humnaan Nama Miidhan Moʼuu] jedhamuu fi jw.org irratti argamu irraa qabxiilee tokko tokkon itti hime. Keessumaa gorsa isa taphaan haala kana moʼuun akka dandaʼamu ibsu baayʼee jaallatte. Ijoollee humnaan ishee miidhuuf yaalan akkamitti qabuu akka qabdu intala isheetti himte. Achiis, intalli ishee sodaa tokko malee gara mana barumsaa deemuu jalqabde. Yeroo booda haalli kun furmaata kan argate siʼa taʼu, intalli humnaan ishee miidhaa turte sunis itti dhihaachuu jalqabdeetti.”—V. K., Awurooppaa Bahaa.
Dargaggoota Gargaaruu
“Mata duree weebsaayitii irratti argamuu fi ‘Why Do I Cut Myself? [Kanan Of Murmuru Maaliifi?]’ jedhuuf isinan galateeffadha. Rakkina kanaa wajjin yeroo dheeraadhaaf waldhaansoo gochaan ture. Kophaa akkan taʼee fi namoota kaanittis yoon hime akka nan hubanne natti dhagaʼama ture. Fakkeenyawwan mata duree kana keessatti argaman baayʼee na gargaaraniiru. Xumura irratti wanta na hubatu argadheera!”—Shamarree Awustiraaliyaa keessa jiraattu.
“Fakkeenyawwan mata duree kana keessatti argaman na gargaaraniiru. Xumura irratti wanta na hubatu argadheera!”
“JW.ORG dhimmoota dargaggootaa wajjin wal qabatan salphaatti argachuuf na gargaareera. Keessumaa mata dureen tokko miidhaan saalaa karaa kamiin ana irra gaʼuu akka dandaʼuu fi miidhaa kanaaf saaxilamuu fi dhiisuu koo akkamitti beekuu akkan dandaʼu, akkasumas karaa sirrii taʼeen dhimma kanaaf furmaata kennuu kan ani dandaʼu akkamitti akka taʼe na barsiiseera.”—T. W., Weesti Indiis.
Warra Gargaaruu
“Mucaan koo inni waggoota umrii kurnanii keessatti argamu iddoo tokko hin taaʼu. Amalli isaa inni yeroo yerootti jijjiiramuu fi beekamuu hin dandeenye humna kootii ol taʼeera. Sababii kanaan kan kaʼe, yeroo itti isaa wajjin haasaʼuun na rakkise illee jira ture. Guyyaa tokko, jw.org baneen kutaa hiriyoota gaaʼelaa fi warra jedhun filadhe. Mata dureewwan haalan keessa jiruu wajjin wal fakkaatanii fi mucaa koo wajjin waliin haasaʼuuf na gargaaran hedduun argadhe. Mucaan koos weebsaayitii kana irraa faayidaa argateera. Amma wanta isa gammachiisuu fi isa yaaddessu sirriitti natti hima.”—K. B., Afriikaa.
“Yeroo baayʼee mata duree rakkina ijoollee keenya mudachaa jiru furuuf nu gargaarutu yeroo barbaachisaatti jw.org irratti baʼa”
“Akka warraatti jw.org karaa gammachiisaa taʼeen ijoollee keenya barsiisuuf nu gargaaraa jira. Fakkeenyaaf, animeeshiniin gabatee adii waaʼee michuu dhugaa argachuu ibsu, ijoolleen keenya hiriyummaadhaaf ilaalcha sirrii akka qabatanii fi namoota dhiibbaa gaarii isaan irratti geessisuu dandaʼan akka michuutti filachuu akka qaban isaan barsiiseera. Yeroo baayʼee mata duree rakkina ijoollee keenya mudachaa jiru furuuf nu gargaarutu yeroo barbaachisaatti jw.org irratti baʼa. Weeb saayitichi gorsa hedduu kan qabatedha.”—E. L., Awurooppaa.
Hiriyoota Gaaʼelaa Gargaaruu
“Anii fi haati manaa koo erga gaaʼela dhaabbannee waggaa jaʼa taʼeera. Akkuma hiriyoota gaaʼelaa kaanii, akkaataa itti waliin dubbannu, akkaataa guddinaa fi ilaalcha dhimma tokko irratti qabnu ilaalchisee garaa garummaa qabnu wal simsiisuu irratti rakkinni nu mudata ture. Mata dureen jw. org irratti argamuu fi ‘Akka gaariitti dhaggeeffachuun kan dandaʼamu akkamitti’ jedhu xiyyeeffannaa koo harkise. Mata dureen kun dandeettii dhageettii fooyyeffachuu ilaalchisee gorsa hojii irra oolchuun dandaʼamu kenna. Mata duricha ergan dubbisee booda haadha manaa koottan hime. Yaadawwan faayida qabeessa kana hojii irra oolchuuf yaaleerra.”—B. B., Weesti Indiis.
“Sababii weeb saayitii kanaatiin gaaʼelli koo diigamuu irraa ooluu dandaʼeera”
“Waggaa darbee eegalee walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argamaan jira; dinqisiifannaan jw. orgiif qabus ibsuun barbaada. Weeb saayitii kana irraa aarii koo toʼachuu fi abbaa manaa fi abbaa gaarii taʼuu dabalatee barumsa hedduu argadheera. Sababii weeb saayitii kanaatiin gaaʼelli koo diigamuu irraa ooleera jedhee dubbachuu nan dandaʼa.”—L. G. , Weesti Indiis.
Warra Gurri Isaanii Dhagaʼuu Hin Dandeenye Gargaaruu
“Weeb saayitiin jw.org jedhamu kun lammata akkan dhaladhetti akka natti dhagaʼamu godheera. Viidiyoowwan Afaan Mallattoo Ameerikaatiin qophaaʼanitti fayyadamee afaan mallattoo koo fooyyessuu dandaʼeera. Jireenya koo keessatti galma hiika qabu baafachuu akkan dandaʼu natti hin dhagaʼamu ture; haataʼu malee viidiyoo Seeing God’s Word in My Language (Macaafa Qulqulluu Afaan Kootiin Qophaaʼe Arguu) jedhu ergan ilaalee booda, garaan koo kan kakaʼe siʼa taʼu murtoon ilaalcha sirrii qabaachuuf godhe naaf cimseera.”—J. N., Afriikaa.
“Weeb saayitiin jw.org jedhamu kun lammata akkan dhaladhetti akka natti dhagaʼamu godheera”
“Weebsaayitichi dhuguma iyyuu faayidaa guddaa kan qabu dha. Hojiin koo namoota dhagaʼuu hin dandeenye, keessumaa immoo dargaggoota dhagaʼuu hin dandeenye gargaaruu dha. Meeshaaleen afaan mallattootiin argamanii fi akka garaatti argamuu dandaʼan dandeettii afaan mallattoo koo akkan fooyyessu na gargaaraniiru. Weebsaayitiin kun namoota jireenya maatii isaanii fi michummaa isaanii fooyyessuu barbaadaniif gargaarsa akkan kennu na gargaareera.”—K. J., Weesti Indiis.
Qaroo dhabeeyyii gargaaruu
“Ani nama qaroo dhabeessa jw.org irraa faayidaa argachaa jiru dha. Odeeffannoowwan utuu karaa poostaa ergamanii jiʼa hedduu fudhachuu dandaʼan naaf kennaa jira. Weebsaayitichi jireenya maatii koo kan fooyyesse siʼa taʼu, hawaasa keessatti faayidaa akkan qabaadhu na taasiseera. Akkasumas hiriyoota koo warra qaroo qabeeyyii taʼan qixxee odeeffannoo akkan argadhu na dandeessiseera.”—C. A., Ameerikaa Kibbaa.
“Weebsaayitichi jireenya maatii koo kan fooyyesse siʼa taʼu, hawaasa keessatti faayidaa akkan qabaadhu na taasiseera”
“Namoota Bireeyilii dubbisuu ykn kitaabota Bireeyiliidhaan qophaaʼan bitachuu hin dandeenyeef jw.org qabeenya guddaa dha. Wantoota sagaleedhaan qophaaʼanitti fayyadamuudhaan, qaroo dhabeeyyiin mata dureewwan garaa garaa irratti odeeffannoowwan haaraa argachuu dandaʼu. Weebsaayitiin kun eenyuun iyyuu utuu wal hin caalchisin namoota hundumaaf kan qophaaʼe dha. Nuti warri qaroo dhabeeyyiin hawaasa gidduutti akka kabajamnuu fi warra kaan irraa adda akka hin taane akka nutti dhagaʼamu godheera.”—R. D., Afriikaa.
Warra Waaqayyoon Beekuu Barbaadan Gargaaruu
“Garaa garummaan weebsaayitii keessanii fi weebsaayitoota amantii kaanii gidduu jiru, ibsawwan amantii wajjin wal qabatan, akkasumas jechoota luboonni qofti hubachuu dandaʼaniin kan guutame taʼuu dhiisuu isaa ti. Akkasumas odeeffannoowwan hedduu akka ati waa hin beekne si fakkeessaniin kan guutame miti. Weebsaayitiin keessan salphaa fi ifa dha. Oduun kan itti baayʼatu ykn falaasama irratti kan hundaaʼe miti. Amantiin wanta wal xaxaa akka taʼetti hin ibsu. Kanaa mannaa, namni kam iyyuu amantii qabaachuu akka dandaʼu barsiisa.”—A. G., Eeshiyaa
“Weebsaayitiin keessan salphaa fi ifa dha. . . . namni kam iyyuu amantii qabaachuu akka dandaʼu barsiisa”
“JW.ORG utuu hin jiru taʼee jireenya gaddisiisaan jiraadhan ture. Addunyaa karaa hafuuraa dukkana keessa jiru kana keessatti weebsaayitiin kun ampuulii yeroon barbaadutti ibsadhu naaf taʼeera. Yeruma sana mata dureewwan ilaalcha Waaqayyoo wanta tokko irratti qabu beekuuf na gargaaran kanan arguu fi dhagaʼu siʼa taʼu, gaaffiiwwan jireenya keessatti mudachuu dandaʼan hedduudhaaf deebii argachuu dandaʼeera.”—J. C. , Weesti Indiis.
“Walakkaa daggala Ameerikaa Kibbaa keessatti argamu kana keessa taaʼee karaa hafuuraa gargaarsa argachuu kootti baayʼeen galateeffadha. Weebsaayitii kana malee jiraachuu hin dandaʼu.”—M. F., Ameerikaa Kibbaa.