Dhimma ijoo ta'etti seeni

Waarwiikitti Dhugaa Baatonni Yihowaa Wajjin Hojjechuu

Waarwiikitti Dhugaa Baatonni Yihowaa Wajjin Hojjechuu

Miirri obboloota hojii ijaarsa Waarwiik irratti fedhaan hirmaatanii daawwattoota baayʼeedhaaf dinqisiisaa dha. Geggeessaan dhaabbata liiftii hojjetu tokkoo hojjetaa tokkoon, “Tuutni keessan hojii baayʼee dinqisiisaa taʼe fiixaan baaseera. Yeroo ammaa namoonni hedduun yeroo isaanii tola hin kennan” jedheera.

Innii fi namoonni kaan hojjetoonni hojii ijaarsa waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaa Waarwiik, Niwuu Yoorkitti hojjetamu irratti hirmaatan tola akka hojjetan jalqaba yeroo dhagaʼanitti, waaʼee Dhugaa Baatota naannichaa Sanbadduraa fi Dilbata qofa hojicha irratti hirmaatanii yaadanii turan. Obboloota guutummaa biyyichaa keessaa dhufanii fi jiʼoota muraasaaf darbees waggootaaf ijaarsa kana gargaaruuf hojii isaanii dhiisan yommuu argan baayʼee dinqisiifatan.

Hamma dhuma 2015tti, Dhugaa Baatonni gara 23,000 taʼan miseensota maatii Betʼel Yunaayitid Isteetisii wajjin Waarwiikitti fedhii isaaniitiin hojjetaniiru. Kana malees, hojjettoonni hojii ijaarsaa Dhugaa Baatota hin taane gara 750 taʼanis hojichi sagantaa isaaf baafameen akka raawwatamu gargaaraniiru. Daldaltoonni hedduunis Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin walitti dhihaatanii hojjechuun isaanii ilaalcha gaarii akka qabaatan godheera.

Naannoo Nama Gammachiisu

Geggeessaan dhaabbata foddaa fi girggiddaa tolchu tokkoo, “Namoonni dhaabbata keenyaa warri hojii kana irratti hirmaatan hundi ilaalcha namoonni asitti argatan qabanitti dinqisiifamaniiru. Baayʼeen keenya hojii kana irratti hirmaachuu kan barbaannu kanaafi” jedhee barreesseera.

Dhaabbanni biraa immoo ijaarsa buʼuuraa manneen jireenyaatiif hojjettoota dhiheessa ture. Hojiin dhaabbatichaa yeroo xumuramu garuu hojjettoonni sadii achuma Waarwiikitti hafuuf murteessan. Hojii isaanii dhiisanii dhaabbata kan biraa yeroo sanatti Waarwiikitti hojjechaa ture keessatti hojjechuu jalqaban.

Amalli Kiristiyaanummaa Dhugaa Baatonni sun argisiisan hojjettoota tokko tokko irratti dhiibbaa gaarii qaba ture. Namichi tokko dhaabbata buʼuura gamoowwanii hojjetu keessatti hojjeta ture. Waarwiik keessatti jiʼoota muraasaaf erga hojjetee booda, haati manaa isaa ilaalchaa isaa fi jechoota mana keessatti itti fayyadamu irratti jijjiirama guddaa akka godhe hubatte. Gammachuudhaan, “Naman kanaan dura hin beekne taʼe!” jetteetti.

“Dhugaa Baatonni Warri Dubartoota Taʼanis ni Dhufu”

Dhugaa Baatonni ijaarsicha keessatti hojjetan hedduun dubartoota dha. Dubartoonni atoobisii konkolaachisuu, kutaa qulqulleessuu fi hojii herreegaa hojjechuu qofa utuu hin taʼin, sochii tiraafiikii toʼachuu, meeshaalee ciccimoo sochoosuu, shiboowwan faaybar optik wal qabsiisuu, ujummoowwan akka hooʼa hin baasne haguuguu, girgiddaa dhaabuu fi hojii xumuraa girgiddaa wajjin wal qabatu hojjechuu, hojii boombaa bishaanii fi harmaataa guutuu irrattis ni hojjetu. Hojii isaaniis ciminaan hojjetu.

Namni Dhugaa Baatuu hin taanee fi hojii koornisii hojjetu tokko, hiriyoonni gaaʼelaa atoobisii irraa yommuu buʼan tokko tokko harka wal qabatanii akka jiran hubate. Kunis garaa isaa tuqe. Kana malees dubartoonni ciminaan yeroo hojjetan ilaalee ture. “Jalqaba yommuu seenan haadhotiin manaa abbootii manaa isaanii wajjin taʼanii dhufu. Hojii isaanii yommuu jalqaban garuu isaan irraa gargar baʼu! Guutummaa magaalaa Niwuu Yoorki Siitii keessatti hojii ijaarsaa irratti hojjedheera; wanta akkanaa garuu matumaa argee hin beeku” jedheera.

Ganni bara 2014/2015 baayʼee rakkisaa ture; haala qilleensaa baayʼee qabbanaaʼaa taʼe keessa guyyaa guutuu alatti hojjechuu mannaa mana keessa ooluu nama hawwisiisa ture. Dhugaa Baatuun Jaramii jedhamuu fi hogganaa ijaarsaa taʼee hojjechaa ture wanta yaadatu yommuu dubbatu akkana jedheera: “Guyyoota akka malee qabbanaaʼaa taʼanitti, toʼataan dhaabbata ijaarsa buʼuuraa tokko yeroo tokko tokko, ‘Dubartoonni keessan bor ni dhufuu?’ jedhee na gaafata ture.

“Anis, ‘Eeyyeen’ jedhee deebisa.

“Innis, ‘Warri ala dhaabbatanii sochii tiraafikaa toʼatanis moo?’ jedha.

“Anis, ‘Eeyyeen’ jedhee deebisaaf.

“Boodas Dhugaa Baatonni warri dubartoota taʼan illee gara hojiitti waan dhufaniif hojjettoonni isaas hojii akka galan itti himuu isaa dubbateera!”

Konkolaachiftoonni Atoobisii Hojicha Jaalataniiru

Hojjettoota Waarwiikitti fedhiidhaan hojjetan gara mana isaaniitti deddeebisuuf konkolaachiftoonni atoobisii 35 ol taʼan qacaramanii turan.

Yeroo tokko adeemsa jalqabuu isaanii dura konkolaachisaan tokko dhaabbatee imaltootaan akkana jedhee ture: “Ani hojii isin Dhugaa Baatota deddeebisuu kana jaaladheera. Maaloo hogganaa kootiif iimeelii ergaatii hojii kana irraa akka na hin jijjiirre itti naa himaa. Waaʼee Kitaaba Qulqulluu waan baayʼee isin irraa baradheera. Isin wajjin wal arguu koo dura maqaan Waaqayyoo eenyu akka taʼee fi lafti jannata akka taatu hin beekun ture. Ani kana booda duʼa hin sodaadhu. Kuni anaaf carraa gaarii dha. Guyyaa boqonnaa koo isa itti aanu irratti Galma Walgaʼiitti na argitu.”

Dhugaa Baatuun Daamiyaanaa jedhamtuu fi Waarwiikitti hojjette akkana jetteetti: “Guyyaa tokko atoobisii keenya erga yaabbannee booda konkolaachisaan keenya waa nutti himuu akka barbaadu dubbate. Iddoowwan hojii Niwuu Yoorki keessatti argaman garaa garaatii Dhugaa Baatota 4,000 taʼan akka deddeebise nutti hime. ‘Namni hundi amala adda addaa qaba. Isin garuu garaa garummaa qabaattanis walii galtanii hojjettu. Kun immoo baayʼee namatti tola’ jedheera. Nu wajjin haasaʼuunis akka isa gammachiisu dubbateera.

“Erga inni dubbatee xumuree booda Dhugaa Baatuun atoobisii irra turte takka, ‘Yeroo faarfannu sitti tolaa?’ jettee isa gaafatte.

“Innis erga kolfee booda ‘Eeyyee! Faarfannaa 134 faarfachuudhaan jalqabuu dandeenyaa?’ jedheen.” a

a Faarfannaan 134 kitaaba Yihowaa Faarfadhaa jedhamu irratti kan argamu siʼa taʼu, mata duree “Addunyaa Haaraa Keessatti Of Ilaali” jedhu qaba. Faarfannichi gammachuu namoonni addunyaa haaraa Waaqayyoo keessatti argatan ibsa.