Agarsiisa Suuraa Biritaaniyaa 1 (Amajjiidhaa Hanga Hagayya 2015)
Dhugaa Baatonni Yihowaa Biritaaniyaatti argaman waajjira damee isaanii Miil Hiil, Landan irraa gara iddoo kallattii kaabaatiin kiilomeetira 70 fagaatuu fi naannoo magaalaa Kelmisfoord, Eeseksitti argamuutti jijjiiraa jiru. Amajjiidhaa hanga Hagayya 2015tti hojjettoonni wantoota hojii ijaarsaa kana jalqabuuf barbaachisaniif haala mijeessaa turan.
Amajjii 23, 2015—Iddoo ijaarsaa waajjira damee
Hojjettoonni heyyama abbootii taayitaa irraa argataniin mukoota jigan kakaasuudhaan ijaarsa gara fuulduraatiif haala mijeessaa jiru. Yeroon simbirroonni mannʼee isaanii itti ijaarratan utuu hin gaʼin hojii kana xumuruuf yaalaa jiru. Caccabaan mukoota kanaa daandii namoonni lafoon irra deeman hojjechuuf hojii irra oolaa jira; xaawulaan isaa immoo hojii ijaarsaatiif itti fayyadamuuf kaaʼameera.
Amajjii 30, 2015—Kutaa yeroo kutaan nyaanni itti nyaatamu ijaaramu deggersa kennu
Ogeessi elektiriikii iddoo kanaan dura hoteela ture keessatti meeshaalee viidiyoo argisiisaniif sookkeettii hojjechaa jira. Amma iddoo nyaata itti bilcheessanii fi kutaa nyaataatti jijjiiramaa jira. Meeshaaleen viidiyoo argisiisan kun, hojjettoonni ijaarsaa qophiiwwan hafuuraa Betʼelitti godhaman kan akka waaqeffannaa ganamaa fi Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa akka hordofan gargaaru.
Guraandhala 23, 2015—Iddoo ijaarsaa waajjira damee
Hojjettoonni dallaa yeroo booda iddoo ijaarsichaa waliin gaʼu ijaaraa jiru. Naannoon ijaarsaa kun hamma tokko baadiyyaa keessa waan taʼeef, hojiin ijaarsaa kun bineensota irratti dhiibbaa akka hin geessisneef of eeggannoon godhamaa jira. Fakkeenyaaf bineensonni amaa (foraging badgers) jedhaman sochii isaanii halkan halkan raawwatan irratti rakkina akka isaanitti hin uumneef, jalli dallichaa banaa gara seenti meetira saddeetii taʼu akka qabaatu godhameera.
Guraandhala 23, 2015—Iddoo ijaarsaa waajjira damee
Daandiin yeroodhaaf tajaajiluu fi iddoo jireenyaa fi iddoo ijaarsaa wal qunnamsiisu hojjetamaa jira.
Bitootessa 5, 2015—Iddoo ijaarsaa waajjira damee
Daandiin yeroodhaaf tajaajilu Baha irraan yommuu ilaalamu. Karaa oliitiin, mirgaan akkuma mulʼatu, karichi iddoo ijaarsaa wajjin wal qunnamsiisa. Gamoon karaa gadiitiin karaa bitaa mulʼatu, gara iddoo jireenyaa hojjettootaatti jijjiiramaa jira. Dirree gamoo kana cina jiru irratti iddoowwan jireenyaa ni ijaaramu.
Ebla 20, 2015—Iddoo ijaarsaa kutaa deggersa ijaarsa bakka jireenyaa
Miseensi Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa fi bakka buʼoonni waajjira muummee kaan garee ijaarsaa kana daawwataniiru. Torban sana keessa walgaʼiin addaa kan geggeeffame siʼa taʼu, Galmawwan Mootummaa Biritaaniyaa fi Aayerlaandi keessatti argamaniif tamsaasameera. Yeroo sanatti, galgala walgaʼicha dura turetti Manni Maree Magaalaa Keelmisfoord hojiin ijaarsaa kun akka itti fufu heyyama kennuun isaa beeksifamee ture.
Caamsaa 13, 2015—Iddoo ijaarsaa kutaa deggersa walii galaa
Hojjettoonni wanta hiddi isaanii akka hin miidhamne godhu qilxuu lama gidduutti hojjechaa jiru. Iddoon addaa irra qaxxaamuramu kun iddoo ijaarsaa kutaa deggersa walii galaa fi iddoo ijaarsaa isa buʼuuraa kan wal qunnamsiisu siʼa taʼu, hidda mukeewwanii utuu hin miidhin meeshaalee ulfaatoo asiif achi sochoosuuf dandeessisa.
Caamsaa 21, 2015—Iddoo ijaarsaa kutaa deggersa ijaarsa bakka jireenyaa
Hojjettoonni iddoo jireenyaa yeroodhaaf tajaajiluuf boʼoo toora wantoota garaa garaa diriirsuuf tajaajilu qotaa jiru. Karaa duubaatiin kan mulʼatan manneen 50 hojjettoonni ijaarsaa keessa jiraatani dha.
Waxabajjii 16, 2015—Iddoo ijaarsaa kutaa deggersa ijaarsa bakka jireenyaa
Hojjetaan bishaanii tokko iddoo jireenyaa yeroodhaaf tajaajiluuf ujummoo bishaanii diriirsaa jira.
Waxabajjii 16, 2015—Iddoo ijaarsaa kutaa deggersa ijaarsa bakka jireenyaa
Karaa mirgaatiin kan mulʼatan manneen jireenyaa yeroodhaaf tajaajilani dha. Karaa fuulduraa immoo manneen dabalataa ijaaruudhaaf buʼuurri qophaaʼaa jira. Karaa harka bitaa immoo mana kuusaa kutaa deggersa ijaarsa bakka jireenyaa iddoo hojjettoonni itti nyaatan qabatetu jira. Waajjirichi iddoo karaa duubaatiin mulʼatu irratti ijaarama.
Waxabajjii 16, 2015—Iddoo ijaarsaa kutaa deggersa ijaarsa bakka jireenyaa
Teekinishaaniin tokko kutaa teeleekoomunikeeshinii keessatti shiboo neetwoorkii diriirsaa jirti. Sochiiwwan ijaarsaa wajjin wal qabatan toʼachuuf, waajjiraalee kaanii wajjin wal qunnamuuf akkasumas waajjira muummee wajjin waliin taʼanii hojjechuuf neetwoorkiin kompiitaraa fi Intarneetiin ni barbaachisa.
Adoolessa 6, 2015—Iddoo ijaarsaa waajjira damee
Koontiraaktariin tokko boolla qorannaadhaaf gargaaru qopheessuuf meeshaa GPS jedhamutti fayyadamee naannicha safaraa jira. Boolli kun utuu hojiin ijaarsaa hin jalqabamin arkiʼooloojistoonni laficha akka qoratan isaan gargaara. Naannoon kun Keelmisfoord ishii warri Roomaa ijaaranitti dhihoo taʼus, qorannaa isa jalqabaatiif boollawwan 107 yeroo qotamanitti, hambaawwan argaman hin jiran.
Adoolessa 6, 2015—Iddoo ijaarsaa kutaa deggersa walii galaa
Boca isaa sirreessuuf fireemii balbalaa muraa jirti. Gamoowwan iddoo ijaarsaa kutaa deggersa walii galaatti argaman tokko tokko gara kutaalee meeshaaleen garaa garaa itti hojjetamanitti jijjiiramaa jiru. Waajjiraalee yeroodhaaf hundeeffamanii fi kutaaleen deggersaa asitti argamu.
Adoolessa 6, 2015—Iddoo ijaarsaa kutaa deggersa walii galaa
Iddoo duwwaatti guutuuf konkolaataa feʼumsaatti biyyoo guutaa jirti.
Adoolessa 7, 2015—Iddoo ijaarsaa waajjira damee
Iddoo ijaarsaa hektaara 34 balʼatu irraa baadiyyaan Biritaaniyaa yommuu ilaalamu. Daandii guddaan (as irratti hin mulʼatu) naannoo kana jiru gara buufata doonii, buufata xiyyaaraa fi gara Landan salphaatti geessa.
Adoolessa 23, 2015—Iddoo ijaarsaa waajjira damee
Koontiraaktaroonni waajjira damee haaraa ijaaruuf mana kanaan dura ture diigaa jiru.
Hagayya 20, 2015—Iddoo ijaarsaa kutaa deggersa walii galaa
Kireeniin wanta toonii 60 ulfaatu kaasuu dandaʼu mana dursee qophaaʼe iddoo isaa irra kaaʼaa jira. Karaa fuulduraa immoo manneen dabalataa dhaabuuf buʼuurri kaaʼameera. Manneen iddoodhaa iddootti sochoʼan kun hojii ijaarsaa kanaaf biiroowwan hojichi itti qindeeffamu taʼaanii tajaajilu.