Dhimma ijoo ta'etti seeni

Intarneetiidhaan Viidiyoo Addunyaa Maratti Tamsaasuu

Intarneetiidhaan Viidiyoo Addunyaa Maratti Tamsaasuu

Walgaʼii waggaa Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania Onkoloolessa 5, 2013tti geggeeffame, namoonni 257,294 taʼanii fi biyyoota 21 keessatti argaman qaamaanis taʼe Intarneetiidhaan hordofaniiru. Walgaʼicha booda Dhugaa Baatonni dabalataa saganticha isa waraabame daawwataniiru. Dimshaashumatti namoonni 1,413,676 taʼanii fi biyyoota 31 keessatti argaman saganticha daawwataniiru. Walgaʼiin kun baayʼina Dhugaa Baatota Yihowaa sagantaa addaa Ebla 28, 2013 Meeksikoo fi Ameerikaa Giddu Galeessaatti geggeeffame irratti namoota walitti qabamanii fi 1,327,704 taʼan kan caalu dha.

Bara 1920manii eegalee Dhugaa Baatonni Yihowaa walgaʼiiwwan isaanii bilbilaa fi raadiyootti fayyadamuudhaan namoota addunyaa maratti argamaniif tamsaasaa turaniiru. Yeroo harʼaa, teknooloojiin Intarneetii namoota iddoo fagoo jiraatan dabalatee, wanta tokko utuma inni raawwatamuu ykn sana booda ilaaluus taʼe dhaggeeffachuun akka dandaʼamu taasiseera. Wiiliyaam inni Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼee fi Yuunaayitid Isteetis keessa jiraatu, walgaʼiin bara 1942tti Riichmoondi, Varjiiniyaatti geggeeffame bilbilaan utuu tamsaafamuu dhagaʼeera. Walgaʼii sana, walgaʼii waggaa bara 2013tti geggeeffamee wajjin wal bira qabuudhaan akkas jedheera: “Saganticha irraa caalaatti buʼaa kan argattu yeroo ilaaltu dha. wanti isaan qixxaatu hin jiru.”

Miseensonni waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa hedduun walgaʼiin kun Intarneetiidhaan akka darbu gochuuf saʼaatii hedduu hojjechuudhaan waggaa tokkoo ol dabarsaniiru. Yeroo walgaʼiin kun itti tamsaafamutti, garaa garummaan saʼaatii 15 galmawwan walgaʼiin itti geggeeffamu giddu jiraatus, teekinishaanonni wiirtuu toʼannoo Niiwu Yoorkitti argamu guyyaa guutuu taaʼanii toʼachaa turan. Riyaan inni Intarneetiidhaan dabarsuuf wantoota hojjetaman irratti hirmaatee fi toʼachaa ture, “Hirriba gaʼaa argachuu kan hin dandeenye taʼus, namoonni hammamii saganticha irraa faayidaa akka argatan yommuu yaadnu baayʼee nu gammachiisa” jedheera.

Awustiraaliyaa magaalaa Kaatriin, Noorzern Teriitariitti saganticha yommuu hordofan