Eebba Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Giilʼaad Kutaa 138ffaa
Bitootessa 14, 2015tti barattoonni Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Giilʼaad kutaan 138ffaan wiirtuu barnootaa Dhugaa Baatota Yihowaa Paatarsan, Niiwu Yoorkitti argamutti eebbifamaniiru. Namoota iddoo biraa taʼanii viidiyoodhaan hordofan dabalatee, namoonni 14,000 ol taʼan saganticha hordofaniiru. Sagantichi muuziqaa faarfannaawwan Mootummichaa haaraa afuriin kan jalqabame siʼa taʼu, yeroo booda hirmaattonni hundi faarfannaawwan kana faarfataniiru. a
Miseensa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa kan taʼe Jeefrii Jaaksan dura taʼaa sagantaa kanaa ture. Haasaa baniinsaa dhiheesse irratti, barattoonni beekumsa isaanii akka hin dhoksine, kanaa mannaa warra kaan gargaaruuf leenjii argatanitti akka fayyadaman isaan jajjabeesseera.—2 Ximotewos 2:2.
Obboleessi keenya Jaaksan fakkeenya Museen nuu kaaʼe ibse. Sabni Israaʼel yeroo muraasaaf, godoo Musee keessatti Waaqeffachaa kan ture taʼuu hin oolu. Haa taʼu malee, godoon qulqullummaa ijaaramee yeroo xumurametti, achitti waaqeffachuu jalqaban. Museen kutaa godoo qulqullummaa isa Hundumaa Caalaa Qulqullaaʼaa taʼetti akka galu waan isaaf heyyamamee ture hin fakkaatu. Mirgi kun kan kenname Angafa Lubootaatiif qofa ture. Taʼus, Museen dhimma kana ilaalchisee akka komii kaase wanti argisiisu hin jiru. Kanaa mannaa, Angafa Lubootaa akka taʼuuf itti gaafatamummaa Aarooniif kenname irratti amanamummaadhaan isa deggereera. (Baʼuu 33:7-11; 40:34, 35) Kana irraa barumsa maalii arganna? Obboleessi Jaaksan, “Mirga argattan kamiif iyyuu iddoo guddaa kennaa, garuu ofiif qofa qabattanii hin taaʼinaa,” jedhe.
“Sagaleen Baalaa Isin Sodaachisaa?” Kun mata duree haasaa gargaaraa Koree Barumsaa Qaama Ol Aanaa kan taʼe Keeneet Filoodiin kennee ti. Barattoonni haalawwan sodaachisoo fakkaatan, kan akka ariʼatamaa ykn ramaddii ulfaataa taʼee isaan mudachuu akka dandaʼu iftoominaan dubbate. Yaada Lewwoota 26:36 irra jirutti fayyadamuudhaan, barattoonni haalawwan akkasii wanta dandamachuun hin dandaʼamne akka taʼanitti utuu hin taʼin, akka baala gogaatti akka ilaalan isaan jajjabeesse. Sana booda obboleessi keenya Filoodiin fakkeenya Phaawulos caqase; Phaawulos Yihowaatti waan amanameef rakkoowwan hedduu dandaʼeera.—2 Qorontos 1:8, 10.
“Maal Eegdu?” Haasaa itti aanu kan dhiheesse miseensa Qaama Ol Aanaa kan taʼe Maark Saandarsani dha. Yaada Fakkeenya 13:12 irra jiru ibse; caqasichi, “Abdiin lafa irra harkifamu garaa nama dhukkubsa” jedha. Kan nama gaddisiisu, namoonni tokko tokko galma bira gaʼuun hin dandaʼamne kanneen akka soorumaa fi beekamummaa waan baafataniif jireenya isaanii guutuu akka gaddanitti jiraatu.
Bara Yesusitti, namoonni tokko tokko Yohaannis Cuuphaa ilaalchisee wanta dogoggoraa eegaa turan. (Luqaas 7:24-28) Fakkeenyaaf, tarii falaasaa, barumsa wal xaxaa barsiisuudhaan isaan bashannansiisu eegaa turan taʼa. Akkas taanaan, Yohaannis ergaa dhugaa cimaa taʼe waan barsiiseef gaddanii taʼuu dandaʼa. Namoonni kaan immoo nama yeroo ilaalan namatti tolu eeganii taʼuu dandaʼa. Yohaannis garuu uffata hiyyeeyyiin uffatan uffata ture. Haa taʼu malee, warri raajii eegaa turan hin gaddine; sababiin isaas Yohaannis raajii qofa utuu hin taʼin, Masiihichaaf karaa kan qopheessu ture!—Yohaannis 1:29.
Obboleessi keenya Saandarsan barattoonni wanta sirrii akka eegan jajjabeessuudhaan, barumsa fakkeenyichaa addeesse. Iddoo ramaddii isaaniitti ulfina ykn kunuunsa addaa eeguu mannaa, leenjii argataniin warra kaan gargaaruu irratti xiyyeeffachuu qabu. Wanta Giilʼaaditti baratan warra kaaniin gaʼuudhaan, amantii obboloota isaanii cimsuudhaan, akkasumas isaan jaallachuudhaan akkas gochuu ni dandaʼu. Obboleessi keenya Saandarsan, “Gad of deebisuudhaan obbolootaa fi obboleettota keessan tajaajiluuf yaalaa, akkasumas fedha Yihowaa raawwachuuf wanta dandeessan hunda godhaa, yoo akkas gootan matumaa hin gadditan” jedhe.
“Warra Beelaʼan Nyaachisaa.” Haasaa kana kan dhiheesse Jeemsi Kooton isa Kutaa Manneen Barumsaa Tiʼookraasii keessatti barsiisaa taʼe dha. Obboleessi keenya Kooton namni hundi jaalala, dinqisiifannaa fi fudhatama argachuu akka barbaadu dubbate. Yesus illee fedha akkasii qaba ture; Yihowaanis yeroo inni cuuphametti jechoota miira namaa tuqan dubbachuudhaan fedha isaa kana guuteera.—Maatewos 3:16, 17.
Yihowaan dandeettii jechoota keenyaan obboloota keenya jajjabeessuu nuu kenneera; dandeettii keenya kanatti akka fayyadamnus nu irraa eega. (Fakkeenya 3:27) Obboleessi keenya Kooton, “Wanta gaarii namoota keessa jiru ilaaluu akka dandeessanitti of leenjisaa, achiis wanta gaarii argitan dinqisiifachuu irraa boodatti hin jedhinaa,” jechuudhaan isaan gorseera. Garaadhaa nama galateeffachuun obboloonni keenya tattaaffiin isaanii buʼaa akka qabu akka hubatan gargaara.
“Hamma Copha Isa Dhumaatti.” Haasaa itti aanee dhihaate kana kan dhiheesse Maark Nuumar isa gargaaraa Kutaa Barumsaa taʼe dha. Obboleessi keenya Nuumar fakkeenya Phaawulositti fayyadamuudhaan, barattoonni wanta xinnoo isaan irraa eegamu qofa raawwachuudhaan itti quufuu akka hin qabne isaan jajjabeesse. Kanaa mannaa, akka Phaawulos, namoota kaaniif yoo of lolaasan ykn dhangalaasan gammachuu dhugaa akka argatan dubbate.—Filiphisiiyus 2:17, 18.
Phaawulos yeroo qorumsi isa irra gaʼetti illee abdii hin kutanne. Hamma duʼa isaatti illee cimee hojjechaa waan tureef, hamma copha isa dhumaatti of kenneera jechuun ni dandaʼama. Kanaaf, “dorgomee koos raawwadheera” jechuun isaa sirrii dha. (2 Ximotewos 4:6, 7) Obboleessi keenya Nuumar ramaddii isaanii irratti hojii mootummichaa amanamummaadhaan deggeruudhaan fakkeenya Phaawulos akka hordofan barattoota jajjabeesse.
Muuxannoowwan. Barsiisaa Giilʼaad kan taʼe Maayikil Barnet kutaa itti aanu kana kan dhiheesse siʼa taʼu, barattoonni muuxannoo gammachiisaa yeroo Paatarsan turanitti tajaajila dirree irratti isaan mudate akka diraamaatti waltajjii irratti dhiheessaniiru.
Barattoonni kun carraawwan dhugaa baʼuuf isaan dandeessisanitti dammaqinaan fayyadamuudhaan, akkasumas afaan dhalootaa isaaniitiin namootaaf lallabuuf carraaqqii gochuu isaaniitiin buʼaa gaarii hedduu argataniiru. Fakkeenyaaf, barataan tokko bakka inni itti lallabuuf jedhu keessa namoonni afaan Ispeen dubbatan hedduun akka jiran isatti himamee ture. Kanaaf guyyaa tokko gara tajaajilaa deemuu isaa dura, sagantaa kompiitaraa JW Language jedhamutti fayyadamuudhaan jechoota afaan Ispeen tokko tokko barate. Guyyuma sana nama afaan Ispeen dubbatu karaa irratti arge. Jechoota afaan Ispeen sammuutti qabatetti fayyadamee namicha kan haasofsiise siʼa taʼu, namichi kunii fi miseensonni maatii isaa afur qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabaniiru.
Gaafannoowwan. Itti aansuudhaan, Wiiliyaam Tarnar inni gargaaraa Kutaa Tajaajilaa Qaama Ol Aanaa taʼe, muuxannoo gara Giilʼaad dhufuu isaanii dura qabanii fi leenjii mana barumsichaa irraa argatan ilaalchisee barattoota afuriif gaafannoo godheera.
Barattoonni kun wanta baratan keessaa qabxiilee isaan jajjabeessan caqasaniiru. Fakkeenyaaf, barataan tokko seenaa Luqaas boqonnaa 10 irra jiru irraa wanta barate dubbate. Barattoonni 70n Yesus erge, tajaajila irratti buʼaa gaarii argachuu isaaniitti gammadanii turan. Yesusis kan gammade taʼus, barattoonni isaa gammachuun isaanii buʼaa argame irratti utuu hin taʼin, Yihowaan carraaqqii isaaniitti akka gammadu beekuu isaanii irratti kan hundaaʼe taʼuu akka qabu isaan barsiise. Kun immoo gammachuu dhugaan haala jiru irratti utuu hin taʼin, surraa Yihowaa argachuu keenya irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa nu yaadachiisa.
Obboleessi keenya Tarnar yaada Filiphisiyus 1:6 irra jiru barattoota kanaa wajjin kan wal qabsiise siʼa taʼu, Yihowaan ‘hojii gaarii isaan keessatti akka jalqabee’ fi isaan duukaa taʼuu isaa akka itti fufu isaaniif mirkaneesse.
“Ija Keessan Yihowaa Irraa Hin Buqqifatinaa.” Haasaa ijoo sagantichaa taʼe kana kan dhiheesse Saamuʼel Hardi isa miseensa Qaama Ol Aanaa taʼe dha. Yihowaa ija keenyaan arguu akka hin dandeenye dubbate. Ija keenya isa irraa buqqifachuu dhiisuu kan dandeenyu akkamitti ree?
Karaan itti isa arguu dandeenyu inni tokko uumamawwan isaa waaʼee isaa nu barsiisan qoruudhaani dha. Kana malees, Yihowaan ‘ija qalbii [keenyaa] nuuf ibseera.’ (Efesoon 1:18) Macaafa Qulqulluu caalaatti dubbisaa yommuu deemnu, waaʼee Yihowaa caalaatti beekna. Waaʼee Yihowaa caalaatti yeroo beeknu immoo, caalaatti akka isatti dhihaanne nutti dhagaʼama.
Keessumaa Wangeelotaaf xiyyeeffannaa addaa kennuu barbaanna; sababiin isaas, dubbii fi gochi Yesus eenyummaa Yihowaa caalaatti akka hubannu nu gargaara. Yesus eenyummaa Yihowaa akka gaariitti waan calaqqisiiseef, “Namni ana arge abbaa arge” jechuudhaan dubbachuu dandaʼeera.—Yohannis 14:9.
Obboleessi keenya Hardi karaa Yesus Yihowaa arguu qofa utuu hin taʼin wanta argan hojii irra oolchuu akka qaban dhaggeeffattoota jajjabeesse. Fakkeenyaaf, akkuma Yesus warra kaan sooruudhaaf carraaqqii godhe, nutis nyaata hafuuraa arganne warra kaanitti himuuf jabaanne hojjechuu qabna.
Ija keenya Yihowaa irraa buqqifachuu dhiisuun keenya buʼaan isaa maali dha? Amanannaa akka faarfaticha isa “Waaqayyo yeroo hundumaa fuula koo dura anaaf jira, inni mirga koo waan jiruufis ani hin shishu” jedhee barreessee qabaachuu dandeenya.—Faarfannaa 16:8.
Xumura. Barattoonni dippiloomaa isaanii erga fudhatanii booda, barattoota eebbifaman keessaa inni tokko xalayaa galateeffannaa barattoonni barreessan dubbise. Achii obboleessi Jaaksan xumura irratti, barattoonni wanti isaan barsiisan hundi haaraa ykn cimaa taʼuu akka qabu isaanitti dhagaʼamuu akka hin qabne barattootatti hime. Yeroo baayʼee, obboloota isaanii wantuma kanaan dura beekan yaadachiisu. Obboleessi Jaaksan gad of deebisuun barbaachisaa taʼuu isaas addeesseera. Xiyyeeffannaan isaan irratti ykn leenjii Giilʼaadii argatan irratti akka taʼu gochuu mannaa barattoonni xiyyeeffannaan isaanii Macaafa Qulqulluu fi barreeffamoota Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼan irratti akka taʼu gochuu qabu. Kanaaf, eebbifamtoonni warra Giilʼaaditti barachuuf carraa hin arganne abdii kutachiisuu mannaa, qophiilee hafuuraa irraa argachuu dandaʼan irraa akka fayyadaman isan gargaaru. Hirmaattonni hundi miirri isaanii kakaʼee, akkasumas obboloota isaanii tajaajiluudhaaf kutannoo godhanii deeman.