Dhimma ijoo ta'etti seeni

Qaamni Olaanaan, Dhugaa Baatota Yihowaa Raashiyaa Fi Yuukreen Keessatti Argaman Jajjabeesse

Qaamni Olaanaan, Dhugaa Baatota Yihowaa Raashiyaa Fi Yuukreen Keessatti Argaman Jajjabeesse

“Akka waan jaalalaan dhiqanneetti nutti dhagaʼame!” Kun miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe Isteefan Leet xalayaa barbaachisaa erga Yuukreen keessatti dubbisee booda miira dubartii tokkotti dhagaʼame dha. Dubartiin kun Dhugaa Baatota Yihowaa 165,000 taʼanii fi wanta obboleessi keenya Isteefan Leet yeroo biyyattii Caamsaa 10 fi 11, 2014tti daawwatetti dubbate dhaggeeffatan keessaa tokko dha.

Haasaan Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼee fi Dubbisni xalayaa sanaa afaanota shanitti kan hiikaman siʼa taʼu, Galmawwan Mootummaa 700 taʼanii fi Yuukreen keessatti argamanitti tamsaafamee ture.

Torbanuma sanatti miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe Maark Saandersan, akka obboloota keenya Raashiyaa keessa jiraniif dhihaatutti xalayaa dubbiseera. Sagantaan sun afaanota 14tti kan hiikame yommuu taʼu, namoonni 180,413 taʼanii fi gumiiwwan 2,500 Beelaaruus fi Raashiyaa keessatti argaman sagantaa kana toora Intarneetiitiin akka hordofan godhameera.

Xalayaan Qaama Olaanaa irraa ergame, gumiiwwan Raashiyaa fi Yuukreen keessatti argamaniif dhihaateera. Obboleessi keenya Maark Saandersan afaan Raashiyaatiin kan dubbise siʼa taʼu kun immoo waajjirri damee Raashiyaa akkas jedhee akka barreessu taasiseera: “Waaʼeen naannoo kanaa Qaama Olaanaa kan yaaddessu taʼuun isaa obboloonni akka tuqaman godheera. Hundumti keenya iyyuu Qaamni Olaanaan akka waan nu hammatetti nutti dhagaʼame.”

Xalayichi kan qophaaʼe Dhugaa Baatota naannoo gama siyaasaatiin tasgabbii hin qabne keessa jiraata jajjabeessuufi dha. Obboloonni dhimmoota siyaasaa irraa walaba taʼuudhaan ‘kan biyya lafaa akka hin taane’ argisiisuu isaanii akka itti fufan jajjabeesseera.—Yohannis 17:16.

Qaamni Olaanaan, kadhachuu, qayyabachuu fi Dubbii Waaqayyoo irratti xiinxaluudhaan walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qaban cimsachuu isaanii akka itti fufan jajjabeesseera. Dhaggeeffattoonni qorumsi akkamii iyyuu yoo isaan irra gaʼe waadaan Isaayaas 54:17 irratti argamuu fi “Si balleessuudhaaf miʼi waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin dandaʼu” jedhu utuu hin raawwatamin akka hin hafne akka amanan yaadachiifamaniiru.

Qaamni Olaanaan “Hunda keessan iyyuu baayʼee jaallanna. Maaloo yeroo hundumaa waaʼee keessan akka yaadnuu fi waaʼee keessaniif Yihowaatti kadhannaa himataa akka dhiheessinu yaadadhaa” jechuudhaan xalayaa isaanii xumuran.

Waajjirri damee Yuukreen daawwannaa kana ilaalchisee yeroo yaada kennu akkas jechuudhaan barreesseera: “Obboloonni Qaama Olaanaa irraa xiyyeeffannaa argachuu isaaniitti, akkasumas isaaniif yaadamuu isaatti baayʼee gammadaniiru. Torbanuma tokko keessa obboleessi keenya Isteefan Leetii fi Maarki Saandersan Yuukreenii fi Raashiyaa demuun isaanii tokkummaa sabni Waaqayyoo qabuu fi obboloonni Yihowaa fi Yesus hammam akka isaaniif yaadan akka hubatan taasiseera. Daawwannaan kun yeroo barbaachisutti akka taʼe hundi keenya irratti kan walii gallu siʼa taʼu, rakkinni fedhe iyyuu yoo nu mudate Yihowaa tajaajiluu keenya akka itti fufnuuf jabina akka arganne nutti dhagaʼama.”