Dhimma ijoo ta'etti seeni

Lakkoofsi Miseensota Dhugaa Baatota Yihowaa ni Dabale

Lakkoofsi Miseensota Dhugaa Baatota Yihowaa ni Dabale

Bara 1987​tti, miseensa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa kan ture Liiman Swiingil, dhaggeeffattoota 63,580 taʼanii fi Veenzuweelaa, magaalaa Vaaleenshiyaatti bakka Pilaazaa Moonumentaal jedhamutti, walitti qabamaniif haasaa dhiheessee ture. Hedduun isaanii haasaa isaa kana dhaggeeffachuuf halkan guutuu atoobisiidhaan deemaniiru. Obboleessi keenya Liiman Swiingil dhaggeeffattoota sanaan akkana jedhe: “Isin kana booda waajjira damee xinnoo miti. Amma waajjira damee giddu galeessa taataniittu. Kana yommuu ilaallu, guyyaa tokko ‘biyyoota babalʼistoota 100,000’ ol qaban keessaa tokko taʼuun keessan hin oolu!”

Bara 1987​tti Veenzuweelaa keessa babalʼistoota, jechuunis Dhugaa Baatota Yihowaa dammaqinaan misiraachoo Mootummichaa lallaban 38,000 oltu ture. Yeroo sanatti, biyyoota saddeet qofatu babalʼistoota 100,000 ol qaba ture.

Guddinni lakkoofsa Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argame baayʼee nama dinqisiisa. Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda Mootummaa Yihowaa kan labsan namoota kuma muraasaan lakkaaʼaman qofa turan. Kun jijjiirameera. Kitaabni Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa bara 1943 akkana jedheera: “Gabaasni walii galaa bara 1942, sababa wal quunnamuu dadhabuudhaan guutuu taʼuu baatus, . . . , addunyaa mara irratti yeroo ammaatti babalʼistoonni 106,000 ol taʼan hojii [misiraachicha lallabuu] irratti hirmaachaa akka jiran akka gabaasan kan argisiisu taʼuun isaa eebba guddaa dha.” Yeroo Waraanni Addunyaa Lammaffaa hammaatee turetti illee namoonni hedduun dhugaa Macaafa Qulqulluu fudhataniiru. Bara 1950​tti, babalʼistoota 100,000 ol kan qabu Yunaayitid Isteetis qofa turte.

Bara 1974​tti immoo baayʼinni babalʼistoota Naayijeeriyaa keessa jiraniis 100,000 guute.

Waggaa itti aanutti immoo lakkoofsi babalʼistoota Biraaziilii fi Jarmaniitti argamanii 100,000 ol taʼe. Guddinni ardiiwwan kana arfan keessatti argame dhugaan Macaafa Qulqulluu addunyaa maratti babalʼachaa akka jiru kan argisiisu ture.

Guutummaa lafaa irratti, lakkoofsi namoota misiraachicha fudhatanii dabaluu isaa itti fufeera. Kun immoo wanta Macaafni Qulqulluun dursee dubbatee wajjin kan wal simu dha: “Maatiin xinnaan baayʼatee kumaatama in taʼa, inni hundumaa irra gad deebiʼaanis saba aango-qabeessa in taʼa; ani Waaqayyoo dha; yeroo isaatti kana hundumaa, dafee nan raawwadha.”—Isaayaas 60:22.

Akka gabaasa bara 2014​tti, biyyoonni 24 Dhugaa Baatota 100,000 ol qabu. Kunis Veenzuweelaa ishee bara 2007​tti sadarkaa kana irra geesse kan dabalatu dha. Addunyaa maratti, gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa 115,416 fi babalʼistoota 8,201,545tu jira.

Biyyoota babalʼistoota 100,000 ol qaban

Ardii

Biyya

Babalʼistoota

Afriikaa

Angoolaa

108,607

Gaanaa

125,443

Koongoo Rippuubliikii Diimokraatawaa

216,024

Naayijeeriyaa

362,462

Zaambiyaa

178,481

Eeshiyaa

Filippiinsi

196,249

Jaappaan

215,703

Kooriyaa Rippuubliikii

100,641

Awurooppaa

Biritaaniyaa

138,515

Faransaay

127,961

Ispeen

112,493

Jarmanii

166,262

Poolaandi

123,177

Raashiyaa

171,268

Xaaliyaanii

251,650

Yuukreen

150,906

Ameerikaa Kaabaa

Kaanaadaa

116,312

Meeksikoo

829,523

Yuunaayitid Isteetis

1,243,387

Ameerikaa Kibbaa

Arjantiinaa

150,171

Biraaziil

794,766

Kolombiyaa

166,049

Peeruu

123,251

Veenzuweelaa

140,226