Paaris Keessatti Abdii Kitaaba Qulqulluu Namootatti Himuu
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii jijjiirama qilleensaa (COP21) ilaalchisee Sadaasa 30 hanga Muddee 12, 2015tti Faransaayi Paarisitti Koonfiransii tokko godhee ture; bakka buutonni biyyoota 195 irraa dhufan dhiibbaa ilmaan namootaa faalama qilleensaa irratti geessisan irratti mariʼatanii turan. Abbootii taayitaa, saayintistoota, namoota kunuunsa naannoo irratti hojjetanii fi daldaltoota dabalatee namoonni gara 38,000tti siqan walgaʼii kana irratti argamaniiru. Namoonni kumaatamaan lakkaʼaman kaan immoo buufata odeeffannoo kennuu fi naannoo sanatti argamu deemanii waaʼee jijjiirama qilleensaa beekumsa dabalataa argachuu dandaʼaniiru.
Dhugaa Baatonni Yihowaa Koonfiransiicha irratti kan hin hirmaanne taʼu illee, waaʼeen jijjiirama qilleensaa isaan yaaddessa. Dhugaa Baatonni Paaris keessatti argaman baayʼeen duula abdii Kitaaba Qulqulluu gara fuulduraatti Pilaaneetiin keenya faalama qilleensaa irraa bilisa akka taatu dubbatu namootatti himuuf qophaaʼe irratti hirmaatanii turan.
Dhugaa Baatuun takka osoo geejjiba uummataatiin deemaa jirtuu, nama uffannaa aadaa warra Peeruu uffate tokko haasofsiiste. Namichi kun fayya buleessa akka taʼee fi naannoo bareedaa gaara irratti argamu irra akka jiraatu dubbate; taʼus waaʼeen abdii gara fuulduraa Pilaaneetii keenyaa isaa yaaddessa. Abdiin obboleettiin teenya isatti himte garaa isaa tuqe; achiis kaardii teessoo gara weebsaayitii keenya www.pr418.comtti qajeelchuu fudhate.
Dhugaa Baatonni lama osoo baaburaan deemaa jiranii, saayintistii Ameerikaa kunuunsa naannoo irratti hojjetu tokko haasofsiisan. Namichi kun Dhugaa Baatonni Yihowaa waajjira damee Woolkiil Niiwu Yoorkiitti gamoowwan dabalataa yommuu ijaaran dizaayiinii isaatiinis taʼe mala kunuunsa naannoo gamoo kana irratti hojii irra ooleen kan kaʼe Dhaabbata Green Building Initiative jedhamu irraa yeroo lama badhaasa Four Green Globes jedhamu argachuu isaanii yommuu dhagaʼu baayʼee dinqisiifame. Namichi kunis kaardii teessoo jw.org fudhateera.
Namoonni baayʼeen, Dhugaa Baatonni Yihowaa kunuunsa naannootiif xiyyeeffannaa guddaa akka kennan waan hubataniif, weebsaayitii keenya ilaaluuf waadaa galaniiru. Bakka buutuun Kaanaadaadhaa dhufte takka, Dhugaa Baatonni waajjira muummee isaanii Waarwiik Niiwu Yoorkiitti argamu yommuu ijaaran gosoonni simbiraa Iistarn Biluubardi jedhaman manʼee isaanii irraa akka hin buqqaaneef of eeggannoo guddaa gochuu isaanii yommuu dhageessu akkana jetteetti: “Falmituu kunuunsa naannoo taʼuu koo dura, ogeettii qorannoo simbirrootaan ture. Dhugaa Baatonni Yihowaa bineensota bosonaatiif kunuunsa akkasii akka godhan hin beekuun ture. Kana booda waaʼee keessan caalaatti beekuuf barruulee keessan nan dubbisa; weebsaayitii keessanis nan daawwadha!”