Argisiisa Kitaabaa Toorontoo Irratti JW.ORG Beeksisuu
Sadaasa 13 hanga 16, 2014tti, bakka Meetiro Toorontoo Koonveenshin Seentan jedhamutti, Argisiisni kitaabaa biyyoolessaa Toorontoo qophaaʼee kan ture siʼa taʼu, kitaabonni maxxanfamanii fi bifa elektiroonikiitiin qophaaʼan argisiifamaniiru. Agarsiisa guyyaa afuriif dhihaate kana namoonni 20,000 ol taʼan daawwataniiru.
Qophii kana irratti warra hirmaatan keessaa tokko Dhugaa Baatota Yihowaa dha; isaanis dunkaana halluu ifaa qabuu fi nama hawwatutti fayyadaman. Iddoo taabileetiiwwan kaaʼamanitti immoo jw.org akkamitti fayyadamuun akka dandaʼamu argisiifamaa ture.
Namoota saganticha hogganan keessaa tokko akkas jedheera: “Weebsaayitiin keessan ammayyaaʼaa dha. Warri argisiisa kana irratti hirmaatan kaanis akkaataa isin itti dhihaattan irraa barumsa argachuu qabu jedheen yaada.” Namoonni daawwatan weebsaayitichi sadarkaa isaa kan eegee fi itti fayyadamuuf salphaa kan taʼe, akkasumas gaaffilee barbaachisaa taʼaniif deebii kan kennu akka taʼe dubbataniiru. Weebsaayitichi namoonni rakkina isaanii fi wanta isaan yaaddessu akka dandamatan kan gargaaru taʼuun isaas baayʼee isaan dinqisiise.
Dhugaa Baatonni fedhiidhaan of dhiheessanii dunkaanicha keessa hojjechaa turan namootaa wajjin yeroo haasaʼanitti, namoonni hedduun kanaan dura waaʼee jw.org gonkumaa dhagaʼanii akka hin beekne hubataniiru. Daawwattoonni hundi kaardii teessoo ykn tiraaktii Gaaffiiwwan Gurguddaa Jireenya Keessatti Nu Mudataniif Eessaa Deebii Argachuu Dandeenya? jedhamu fudhataniiru jechuun ni dandaʼama. Hedduun isaanii weebsaayiticha akka daawwatan dubbataniiru; kaan immoo Dhugaa Baatonni Yihowaa mana isaanii deemanii akka isaan dubbisan gaafataniiru.
Bakka argisiisa kitaabaa sanatti Jimaatni “Guyyaa Ijoollee” ture, kanaaf namoonni fedhiidhaan hojjetan animeeshinii jw.org irra jiru argisiisan. Gareewwan barattootaa barsiisota isaanii wajjin dhufan dhaabatanii ilaaluu ni dandaʼu turan.
Namichi Chiikaagoodhaa dhufee fi dhaabbata Kitaaba Qulqulluu maxxansu keessa hojjetu, qulqullina Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa baayʼee dinqisiifate. Warra maxxansanii wajjin wal qunnamuu akka barbaadu waan dubbateef, kaardii teessoo fudhateera.
Afaanota 700 ol taʼanii fi weebsaayitii keenya irratti argaman keessaa daawwattoonni 16n isaanii ilaalaniiru. Isaanis Amaariffa, Afaan Chaayinaa, Afaan Faransaay, Afaan Kooriyaa, Afaan Poortugaal, Afaan Veetinaam, Beengaalii, Giriik, Gujaaraatii, Hindii, Ingiliffa, Ispeen, Siwiidin, Taamil, Tigiriffa fi Urduu dha.
Dhugaa Baatuun dunkaanicha biratti namoota keessummeessaa ture waaʼee weebsaayitichaa namootatti himuu fi isaanitti argisiisuun garaa garummaa guddaa akka qabu hubateera. “Weebsaayiticha beeksisuuf carraa gaarii arganne” jedheera.