Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gaariiwwan Barreeffamaa 165,000 Ol Taʼan

Gaariiwwan Barreeffamaa 165,000 Ol Taʼan

Dhugaa Baatonni Yihowaa manaa gara manaatti deemanii lallabuudhaan beekaman, amma immoo bakka sochiin itti baayʼatutti gaariiwwanii fi minjaalawwan barreeffamaa nama hawwatan bira dhaabatanii arguun baramaa taʼeera.

Yeroo dhihoodhaa asitti gosa lallabaa kanaaf, xiyyeeffannaan kennameera. Sadaasa bara 2011tti Dhugaa Baatonni Yihowaa Niiwu Yoorki Siitii keessatti minjaalaa fi gaarii irra barreeffamoota kaaʼuudhaan ergaan Kitaaba Qulqulluu namoota akka qaqqabu gochuu jalqaban. Yaaliin kun milkaaʼina waan argamsiiseef, saffisaan magaalota biraa keessatti jalqabame.

Hamma Bitootessa 2015tti, gaariiwwan 165,390 taʼan gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa mara irra jiraniif bitamaniiru. Gaariiwwanii fi minjaalawwan barreeffamoonni irra kaaʼaman, akkasumas meeshaaleen tajaajila kanaaf barbaachisan garaa garaa bitamaniiru.

Amma iyyuu karaan inni guddaan Dhugaa Baatonni dhugaa Kitaaba Qulqulluu itti babalʼisan tajaajila manaa gara manaa ti. Taʼus, gaariiwwan barreeffamoonni irra kaaʼaman buʼa qabeessa akka taʼan hubatameera. Fakkeenyota tokko tokko ilaali!

Peeruu keessatti namichi Raawul jedhamu tokko Dhugaa Baatota gaariitti fayyadamanii tajaajilan tokkotti dhihaatee akkana jedhe: “Eessatti baddanii turtan? Waggaa sadiif Dhugaa Baatota barbaadaan ture! Gaarii keessan yeroon argu, Waaqayyoon nan galateeffadhe.”

Dhugaa Baatonni Yihowaa naannoo Raawul jiraatu yeroo hedduu kan dhaqan taʼus, Raawul guyyaa guyyaas taʼe guyyoota dhuma torbanii irratti manatti hin argamu. Kanaan dura Dhugaa Baatotaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qayyabachaa akka turee fi qayyabannaa isaa itti fufuu akka barbaadu isaanitti hime. Kanaaf, haalli isaaf mijeeffameera.

Abbaa manaa fi haati manaa dargaggoota taʼan tokko Bulgaariyaatti gaarii tokko irraa kitaaba, Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Dandaʼu Akkamitti? jedhamu fudhatan. Torban itti aanutti deebiʼanii kitaaba, Kitaaba koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamuu fi Barsiisaa Guddicharraa Baradhu jedhamu fudhatan. Dhugaa Baatuun gaaricha bira ture ijoollee meeqa akka qaban isaan gaafate. Isaanis, “Hamma yoonaatti hin qabnu, yeroo ijoolle godhanutti garuu waaʼee Waaqayyoo isaan barsiisuuf karoorfanneera. Kitaabonni kun wantuma nuti barbaannu dha.”

Yuukreenitti namichi uffata loltootaa uffate tokko gara Dhugaa Baatota gaarii bira jiranii dhufee, “Dubartootaa, Armaagedoon yoom akka dhufu natti himaa” jedhe. Namichi kun waraana Yuukreenitti dhiheenyatti geggeeffame irratti kan hirmaate dha. Wantoonni addunyaa irratti taʼaa jiran Armaagedoon dhiheenyatti akka dhufu isaaf mirkaneessaniiru; haa taʼu malee, Waaqayyo maaliif dafee tarkaanfii akka hin fudhanne gaaffii isatti taʼeera. Babalʼistoonni kunis Waaqayyo sababa hamma yoonaatti tarkaanfii itti hin fudhanne akka qabuu fi dhiheenyatti hamoota hunda akka balleessu Kitaaba Qulqulluu irraa akka gaariitti isaaf ibsan. Namichi barruu Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! akkasumas, kitaaba Is There a Creator Who Cares About You? (Uumaan Siif Yaadu Jiraa?) jedhamu fudhate.

Maqedooniyaatti dargaggeessi tokko Dhugaa Baatota gaarii bira turaniin barruu isaanii kanaan duras fudhachaa akka turee fi amma immoo kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu fudhachuu akka barbaadu isaanitti hime. Dubbisuu jalqabuuf kallattiidhaan gara mana kitaabaa akka deemu isaanitti hime.

Saʼaatii lama booda, hanga fuula 79tti erga dubbisee booda gara isaanii dhufe. Achiis akkana isaaniin jedhe: “Kitaabni kun jireenya namootaa ni jijjiira! Wantin itti amanaa ture baayʼeen isaa dogoggora akka taʼe hubadheera. Wanti kitaabichi jedhu hundi amansiisaa akka taʼe natti dhagaʼama. Jireenya ilaalchisee hubannaan qabu guutummaatti jijjiireera.”