Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ergaa Kitaaba Qulqulluu Biyyoota Kaaba Fagootti Argamaniin Gaʼuu

Ergaa Kitaaba Qulqulluu Biyyoota Kaaba Fagootti Argamaniin Gaʼuu

Bara 2014tti Qaamni Ol Aanaan Dhugaa Baatota Yihowaa qophii haaraa ergaa Kitaaba Qulqulluu naannoowwan fagoo kaaba Awurooppaatti argamanii fi Ameerikaa Kaabaatti argamaniin gaʼuuf taasifame ilaalchisee qajeelfama kennee ture. (Hojii Ergamootaa 1:8) Jalqaba irratti qophiin kun kan xiyyeeffate naannoowwan Alaaskaa (U.S.A.), Laaplaandi (Fiinlaand), Nuunaavatii fi Noorziweest Teeriitorii (Kaanaadaa) ture.

Dhugaa Baatonni Yihowaa waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif naannoowwan fagoo kanatti lallabuuf deemaa turaniiru. Haa taʼu malee, Dhugaa Baatonni kun naannoo kana kan turan yeroo muraasaaf qofa siʼa taʼu, wanti isaan hojjetan barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan raabsuu qofa ture.

Qophii haaraa kana irratti, waajjirri damee hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa naannoowwan kaaba fagootti raawwatan toʼatu tajaajiltoonni yeroo guutuu tajaajilan (qajeelchitoonni) yoo xinnaate naannoowwan kana keessa jiʼa sadiif akka taaʼan gaafate. Namoonni naannoo sana jiraatan Kitaaba Qulqulluu qayyabachuudhaaf fedhii yoo qabaatan, tajaajiltoonni kun yeroo dheeraadhaaf achi turuu kan dandaʼan siʼa taʼu, walgaʼii illee godhachuu dandaʼu.

Dhugaa dha naannoo Kaabaa kana keessa haalli rakkisaan tokko tokko jira. Qajeelchitoota lamaan Baaroo, Alaaskaatti ramadaman keessaa inni tokko kibba Kaalifoorniyaa, inni tokko immoo Joorjiyaa, U.S.A jiraachaa turan. Ganni jalqabaa isaan Baarootti itti dabarsan, al tokko tokko teempireecharri isaa hamma digirii seelshiyasii negetiiva 38tti gadi buʼa ture! Taʼus, jiʼoota muraasa keessatti, manneen magaalicha keessa jiran keessaa dhibbeentaa 95 kan taʼu kan deeman yommuu taʼu, dargaggeessa Joon jedhamu dabalatee qayyabannaawwan Kitaaba Qulqulluu afur jalqabsiisaniiru. Joonii fi jaalalleen isaa kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu qayyabachaa kan jiran siʼa taʼu, Joon wanta barate michoota isaa fi namoota wajjin hojjetutti ni hima. Akkasumas appilikeeshinii JW Library jedhamutti fayyadamee, buukleetii Caaffata Qulqullaaʼoo Guyyaa Guyyaan Qoruu jedhamu irraa guyyaa guyyaatti caqasa guyyaa ni dubbisa.

Naannoo Kaanaadaa, Nuunaavatitti argamuu fi Raankiin Inlet jedhamutti daandiin geessu hin jiru. Kanaafuu qajeelchitoonni lama xiyyaaraan gara mandara xinnoo taate kanaa deemuudhaan qayyabannaa Kitaaba Qulqulluu muraasa jalqabsiisaniiru. Namichi tokko viidiyoo Galma Mootummaa Keenya Keessatti Maaltu Raawwatama? jedhamu erga ilaalee booda naannoo isaaniitti Galma Mootummaa kan ijaarru yoom akka taʼe gaafate. Achiis, “Hamma isin ijaartanitti naannoo kana nan tura taanaan walgaʼii irratti nan argama” jedhe.

Qajeelchitoonni Saavukooskii ishee Fiinlaanditti argamtutti ramadaman lama “Teempireecharri naannoo kanaa gadi aanaa siʼa taʼu, yeroo baayʼee cabbii rooba” jedhaniiru. Baayʼinni gadamsa naannoo kana jiruu baayʼina jiraattotaa harka kudhan caala. Taʼus, waqtiin isaan itti achi deeman gaarii akka taʼe dubbataniiru. Maaliif? Akkana jechuudhaan gabaasaniiru: “Naannicha guutummaatti waliin gaʼuu dandeenyeerra. Namoonni naannoo sanaa daandii mandara sana keessa jiru cabbii irraa qulqulleessaniiru, akkasumas suphaniiru. Qilleensi isaa kan qorru taʼuun isaas namoonni manatti akka argaman taasiseera.”

Dhugaa Kitaaba Qulqulluu namoota naannoo kaaba fagootti argamaniin gaʼuuf yaaluun keenya xiyyeeffannaa namootaa harkiseera. Kantiibaan magaalaa Alaaskaa keessatti argamtu tokko qajeelchitoonni lama erga ishee haasofsiisanii booda yaada gaarii weebsaayitii hawaasaa irratti kan baaste siʼa taʼu, fakkii tiraaktii Mootummaan Waaqayyoo Maalidha? jedhamuu weebsaayiticha irratti baasteetti.

Haayinas, Alaaskaatti qajeelchitoonni lama namoota saddeetii ol taʼanii wajjin mana kitaabaa keessatti walgaʼii erga godhatanii booda, gaazexaan naannoo sanaa dhiironni Teeksaasii fi Noorz Kaaroolinaadhaa dhufan lama kaffaltii malee dhuunfaatti namoota Kitaaba Qulqulluu barsiisaa akka jiran gabaaseera. Achiis yaada isaa, “Odeeffannoo dabalataa argachuudhaaf jw.org ilaalaa” jechuudhaan xumureera.