Egzibiishinii Macaafa Qulqulluu Adda Taʼee Fi Faransaayi Keessatti Qophaaʼe
Mata dureen “Macaafa Qulqulluu—Kaleessa, Harʼaa fi Bor” jedhu qabu, xiyyeeffannaa daawwattoota kumaan lakkaaʼaman, Agarsiisa Biyyoolessaa 2014 magaalaa Ruween ishee kaaba Faransaayitti argamtuu fi namoonni itti baayʼatanitti geggeeffame irratti argamaniiharkiseera
Iskiriinonni kompiitaraa haphii taʼanii fi ala kaaʼamanii jiran, viidiyoo waaʼee barreeffamoota Macaafa Qulqulluu durii harkaan garagalfamanii dubbatan argisiisaa kan turan yommuu taʼu, kun immoo daawwattoota hedduu hawwateera. Viidiyoo kana irraa daawwattoonni gorsa Macaafa Qulqulluu hojii irra ooluu dandaʼu, seenaa fi saayinsii wajjin haala wal qabateen sirrii taʼuun isaa fi balʼinaan kan raabsame taʼuu isaa barachuu dandaʼaniiru.
Akkasumas egzibiishiniin kun akkaataa Macaafni Qulqulluun yeroo dheeraa turuu itti dandaʼee fi yeroo harʼaa immoo akkaataa inni maxxanfamee ykn bifa elektiroonikiitiin namoota biliyoonaan lakkaaʼaman harka galuu itti dandaʼe argisiiseera. Daawwattoonni kaffaltii malee Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa afaanota 120 oliin qophaaʼe fudhataniiru.
Daawwattoonni hedduun mala haaraa dhugaa baatonni Yihowaa Macaafa Qulqulluu namoota biraan gaʼuuf godhan kana dinqisiifataniiru. Dubartiin dargaggootaaf gargaarsa kennitu tokko, dargaggoota muraasaa wajjin agarsiisa kana utuu daawwachaajirtuu akkas jetteetti: “Macaafni Qulqulluun kutaa dhaala keenyaa dhaabbataa taʼe dha. Kitaaba jiraataa dha. Yeroon dubbisu hundatti rakkina kootiif furmaatan argadha.”
Akkoon waggaan isaanii 60 taʼe tokko Macaafa Qulqulluu kaffaltii malee fudhachuu akka dandaʼan yeroo dhagaʼan baayʼee dinqisiifataniiru. Akkas jedhaniiru: “Waan nu barbaachisuuf ammas hundi keenya irra deebinee dubbisuu qabna!”