Dhimma ijoo ta'etti seeni

Duula Addunyaa Maratti Balʼinaan JW.ORG Beeksise

Duula Addunyaa Maratti Balʼinaan JW.ORG Beeksise

Hagayya 2014tti Dhugaa Baatonni Yihowaa, jw.org beeksisuuf addunyaa maratti tiraaktii tokko raabsaniiru. Sababii kanaan kan kaʼe lakkoofsi namoota weebsaayitii kana daawwatanii jiʼa sanatti dhibbeentaa 20n kan dabale siʼa taʼu, gara miliyoona 65 taʼee ture. Jiʼa kanatti addunyaa maratti, namoonni gara 10,000 taʼan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kan gaafatan siʼa taʼu, kunis jiʼa isa duraa irra dhibbeentaa 67n caala. Duulli kun namoota iddoo hundumaa jiran gargaareera.

Namoota gaaffiiwwan jireenya keessatti isaan mudataniif deebii argachuu barbaadan gargaareera

Dhugaa Baatuun Kaanaadaatti argamtu tokko liiftii keessatti dubartii Madeliin jedhamtu erga dubbistee booda tiraaktii Gaaffiiwwan Gurguddaa Jireenya Keessatti Nu Mudataniif Eessaa Deebii Argachuu Dandeenya? jedhu isheetti argisiiste. Madeliin halkan sana dura turetti barandaa ishee irra teessee gaaffiiwwan akkasiitiif deebii akka argattu akka ishee gargaaru Waaqayyoon kadhachaa akka turte dubbatte. Kanaan dura Macaafa Qulqulluu qayyabachuu barbaaddee waldaalee hedduu kan deemte taʼus, namni ishee gargaare hin turre. Utuu baayʼee hin turin, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabde.

Namoota Macaafa Qulqulluu hin beekne gargaareera

Filippiinsi keessatti, Rooweenaan nama lammii Chaayinaa mana nyaataa tokko dura dhaabatee jiru haasofsiiste. Tiraakticha erga kenniteefii booda Dhugaa Baatonni Yihowaa kaffaltii malee namoota Macaafa Qulqulluu akka barsiisan itti himte.

Namichis Macaafa Qulqulluu matumaa argee akka hin beekne dubbate. Marii isaan sana booda taasisan walgaʼii guddaa Dhugaa Baatota Yihowaa tokko irratti akka argamu isa kakaase. Yeroo booda waaʼee Macaafa Qulqulluu caalaatti beekuu akka barbaaduu fi Macaafa Qulqulluu weeb saayitii irraa garagalfachuu akka kaayyeffates dubbate.

Namoota dhagaʼuu hin dandeenye ni gargaara

Guuyileermoo inni Ispeen jiraatuu fi Dhugaa Baatuu taʼe dhagaʼuu kan hin dandeenye siʼa taʼu, guyyaa tokko Joorji isa kanaan dura wajjin baratee fi dhagaʼuu hin dandeenyee wajjin wal arge. Joorji haati isaa dhiheenyatti akka duutee fi shakkii fi gaaffii hedduu akka qabu dubbate. Guuyileermoon tiraaktii duulaaf qophaaʼe sana kan kenneef siʼa taʼu, jw.org irraa afaan mallattootiin gaaffilee isaatiif deebii argachuu akka dandaʼu akkamitti akka taʼe isaaf ibse. Guuyileermoon Joorji walgaʼii Galma Mootummaa keessatti geggeeffamu irratti akka argamus isa afeera. Joorji kan dhaqe siʼa taʼu, galmicha irraa kiilomeetira 60 fagaatee kan jiraatu taʼus yeroo sanaa jalqabee walgaʼii irraa hafee hin beeku.

Namoota iddoo fagoo jiraatan ni gargaareera

Hiriyoonni gaaʼelaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼanii fi Giriinlaand jiraatan lama baasii hedduu baasuudhaan, bidiruu xinnoo tokkoon saʼaatii jaʼa deemanii mandara namoonni 280 taʼan keessa jiraatan dhaqan. Achitti ni lallaban; tiraaktota hedduu raabsan akkasumas viidiyoo jw.org irratti argamuu fi Afaan Giriinlaandiin qophaaʼe itti argisiisan. Akkasumas, hiriyoota gaaʼelaa achitti argatan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisan. Yeroo ammaatti torbanitti siʼa lama bilbilaan Macaafa Qulqulluu isaan qayyabsiisaa jiru.

Carraaqqiin akkasii kan godhame biyyoota Kaaba Fagoo keessatti qofa miti. Dhugaa Baatonni Niigaaraaguwaa keessatti argaman, tiraakticha namoota Afaan Maayaanyaa dubbatanii fi bosona Kaariibiyaanii keessa jiraataniif raabsaniiru. Bakka kana gaʼuuf atoobisii dulloomeen utuu wal irraa hin kutin saʼaatii 20f karaa caccabaa irra erga deemanii booda, miillaan saʼaatii 11 deemaniiru; darbee darbee immoo dhoqqee cimaa isaan mudata ture. Erga achi gaʼanii booda, tiraakticha kan raabsan siʼa taʼu, viidiyoo afaan Maayaaynaatiin qophaaʼe namootatti argisiisan. Jiraattonni naannoo sanaas baayʼee ajaaʼibsiifatan; akkasumas baayʼee gammadan.

Estalaan namicha magaalaa xinnoo bosona Amaazon isa Biraaziilitti argamu keessatti argamtu tokko keessa darbaa jiruuf tiraakticha kennite. Namichi tiraakticha fudhachuudhaan kiisii isaa keessa kan kaaʼate yommuu taʼu, baayʼee fedhii hin qabaanne. Utuu gara mana isaatti deebiʼaa jiruu mootorri bidiruu isaa hojjechuu waan dideef, bakka sanaa sochoʼuu hin dandeenye. Gargaarsa argachuuf utuu eegaa jiruu tiraakticha dubbise. Moobaayilii isaatti fayyadamuudhaan, jw.org kan bane yommuu taʼu, mata dureewwan hedduu dubbise, akkasumas viidiyoo baayʼee garagalfate. Guyyoota muraasa booda, abbaa manaa Estalaa kan arge siʼa taʼu, tiraakticha waan isaa kenniteef akka ishee galateeffatu isatti hime. Akkas jedhe: “Mata dureewwan ani dubbise yeroo ani lagicha irra turetti, bidiruun na oolchu hamma dhufutti na tasgabbeesseera. Ijoolleen koo viidiyoowwan Kaaleb baayʼee jaallataniiru. JW.ORG daawwachuu koo itti nan fufa.”