Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kadhannaa Muka Qilxuu Irraa

Kadhannaa Muka Qilxuu Irraa

 Reeshel ishiin yeroo harʼaa Rippuubliikii Doominikaanii jiraattu akkana jetteetti: “Maatii Yihowaa tajaajilu keessattan guddadhe. Kan nama gaddisiisu garuu umuriin koo waggaa torba yommuu taʼetti abbaan koo walitti dhufeenya Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qabu ni dhaabe; garmalees dhugaa mormuu ni jalqabe. Akkan Yihowaa hin waaqeffanne gufuu guddaa natti taʼee ture. Fakkeenyaaf Yihowaa tajaajiluu akkan dhiisuuf, moobaayilii ykn kireediit kaardii naaf kenna akkasumas bashannana na geessa. Yeroo tokko tokko immoo Yihowaa akkan hin tajaajilleef buunyaadhaan na rukuta ture. Dubbachuu ykn deemuu hin dandaʼu taanaan walgaʼiiwwan dhaquu akkan hin dandeenye yaaduu dandaʼa. Yeroo hunda walgaʼiiwwan irratti argamuuf waanan murteesseef na dhowwuu hin dandeenye.

 “Abbaan koo yeroo haati tiyya mana jirtu matumaa na hin rukutu. Inni akka na rukutu yoon ishiitti hime haadha koo akka miidhu na akeekkachiiseera. Fuulli koo maarshaal aartii na leenjisuuf na dirqisiisuun kan kaʼe akkan madaaʼe godhee ibsa ture.

 “Ijoollee waanan tureef wanta abbaan koo godhu haadha kootti himuu nan sodaadhan ture. Kanaafuu Yihowaattin himadha ture. Meeriilaand Yuu Ees Eetti bosona mana keenya boroo jiru keessa karaa dheeraan deeme. Bosona sana keessa qilxuu tokkotu jira, mukicha irra yaabee damee mijataa taʼerra taaʼeen Yihowaatti dubbadha ture. Miira natti dhagaʼamu akkasumas rakkina narra gaʼaa jiru irraa na oolchee yoon guddadhe wantan isaaf godhu ilaalchisee isan kadhadhe. Addunyaa haaraa keessatti wantan hojjedhu, maatii akkamii akkan qabaadhu, dhibee fi sodaa tokko malee nagaa akkasumas gammachuun argadhu ilaalchisees isatti himeera.

 “Abbaan koo mattaʼaadhaan ykn rukuttaadhaan Yihowaa irraa na fageessuuf yeroo yaaletti harki Yihowaa na jajjabeessaa fi na cimsaa akka ture natti dhagaʼama. Waaqayyo amanamaa taʼee akkan jiraadhuu fi akkan cimu na gargaareera.

 “Umurii waggaa kudhaniitti kanan cuuphame yommuu taʼu waggaa lama booda qajeelchaa taʼee tajaajiluun jalqabe. Jalqabarratti abbaan koo kana hunda hin dhageenye ture. Kana gaafa dhagaʼu abootteedhaan na rukutee mangaagaa koo iddoodhaa jalʼise.

 “Ijoollee waanan taʼeef murtoo ani godhe ulfaataa taʼuu isaa waan naaf hin galle godhanii waan yaadaniif namoonni tokko tokko qajeelchaa akkan hin taane na gorsan. Yeroo boodas, dargaggoonni Dhugaa Baatota taʼanii fi naannoo koo jiran hedduun Yihowaa tajaajiluu irratti kan hin xiyyeeffanne taʼuu isaaniin arge. Bashannanaa fi paartii irratti hirmaachuudhaan garmalee kan qabaman turan. Wanti isaan godhan waan nama hawwatu fakkaata. Yeroo tokko tokko anis wanta isaan godhan irratti hirmaachuun fedha. ‘Lallabuu dhiisee akkuma warra umurii koorra jiran kaanii maaliifan hin gammadu?’ jedheen of gaafadhe. Haa taʼu malee yeroo miirri kun natti dhagaʼamu hunda Yihowaattin dubbadha ture.

 “Umuriin koo waggaa 15 yeroo taʼetti namni dhaabbata moodeliingii beekamaa taʼe keessaa hojjetu tokko na haasofsiise. Hojii kontiraataa qarshii hedduu naaf argamsiisu naaf dhiheessuudhaan waajjira isaanii Miilaan, Xaaliyaan jirutti akkan hojjedhu na afeeran. Moodeelii taʼuu, barruulee irratti baʼuu fi uffata haaraa bakka faashiniitti argisiisuu jedhamee yommuu natti himamu miirri gammachuu akka natti dhagaʼamu godheera. Gara waggaa sadiitiif qajeelchaa yeroo hundaa taʼeera; kanaafuu, ‘Hojiin kun qajeelchaa taʼee yeroo dheeraaf itti fufuuf gama qarshiitiin na gargaaruu dandaʼa’ jedhee yaadeen ture. Abbaan koo nu dhiisee deeme; kanaaf qarshiin argadhu baasii tokko tokkoof haadha koo gargaara jedheen yaade.

 “Dhimma kana ilaalchisee kadhannaan dhiheesse. Haati koo waggaa hedduutiif qajeelchituu taatee waan tajaajilteef ishiin mariisise, akkasumas jaarsa gumii jaallatamaa fi kabajamaa taʼe tokkottan dubbadhe. Akkuma barsiifata kootii gara muka kootii deemeen baayʼee kadhadhe. Yihowaan caqasa Kitaaba Qulqulluu jaarsi gumii na afeere tokkoon kadhannaa kootiif deebii kenneera. Caqasichi Lallaba 5:4 irratti kan argamu yommuu taʼu akkana jedha: ‘Yeroo Waaqayyoof wareega wareegdu wareega kee raawwadhu. Wanta wareegde raawwadhu.’ Guutummaatti Yihowaa tajaajiluuf wareegee kanan ture taʼus, afeerraan hojii naaf dhihaate kun walitti dhufeenyan Yihowaa wajjin qabu kan tuqu taʼuunsaa na yaaddesse. Kanaafuu afeerraa naaf dhihaate nan dide.

 “Gidiraa cimaa ijoollummaa kootti na mudate irraa ooleera! Yeroo ammaa abbaa manaa koo Jaasar fi mucaa keenya Kaanar wajjin jireenya gammachuu qabun jiraadha. Jaasar jaarsa gumii yommuu taʼu Kaanar immoo babalʼisaa hin cuuphamne dha. Gara waggaa 27tiif tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaadheera.

 “Kadhannaa dheeraa muka qilxuu bosona mana keenya boroo jiru keessa jirurra yaabbadhee Yihowaatti dhiheessaa ture yeroo baayʼeen yaadadha. Yihowaan akka na gargaaru kanan kadhadhe yommuu taʼu, karaa baayʼee nama dinqisiisuun na gargaare. Yihowaan na cimseera, na jajjabeesseera akkasumas na geggeesseera. Yihowaan abbaa akkamii akka taʼe jireenya koo keessatti yeroo baayʼee natti argisiiseera. Garaa koo guutuu isa tajaajiluuf filachuu kootti nan gammada. Kun filannaa guddaa ani jireenya koo keessatti godhe hundarra caaludha.”