Uffata Mallattoo Rogsadee Bifa Bildiimaa Qabu Uffataniiru
Mood Faransaay keessa kan jiraattu yommuu taʼu, hojiin ishiis mana barumsaa keessatti saʼaatii barumsaatti barattoota qaama miidhamtoota taʼan gargaaruu dha. Dhiheenyatti barattoonni daree tokko keessa jiran seenaa waaʼee ajjeechaa fi manneen hidhaa Naazii barachaa turan. Namoonni hidhamanii turan kunneen carqii halluu adda addaa qabuu fi yuunifoormii isaanii irratti hodhame uffatu turan. Halluu fi bocni mallattoo sanaa sababa namni sun itti hidhame kan ibsu ture.
Barsiisaan sunis namoota hidhamanii fi eenyummaa namoota mallattoo rogsadee bifa bildiimaa qabu uffatanii turan tokko tokkoo yommuu ibsu, “Namoonni kun kan hidhaman namoota saala wal fakkaatu qabanii wajjin saalqunnamtii waan raawwataniif natti fakkaata” jedhe. Barumsicha booda, Mood warri Naazii mallattoo rogsadee bifa bildiimaa qabu kan fayyadaman Dhugaa Baatota Yihowaa addaan baasuuf akka ture barsiisaa sanatti himte. a Dhimma kana ilaalchisee odeeffannoo tokko tokko akka isaaf fiddu isatti himte. Barsiisaan kunis tole jedhe, achiis odeeffannoo sana barattootatti akkan himu na gaafate.
Sagantaa barumsichaa kan biraatti barsiistuu kan biraan takka mallattoowwan namoonni hidhaman uffatan adda addaa argisiisuuf chaartii tokkotti fayyadamte. Chaartichi mallattoon rogsadee bifa bildiimaa qabu Dhugaa Baatota Yihowaa akka argisiisu sirriitti ibsa ture. Barumsicha booda, Mood dhimma kana irratti odeeffannoo tokko tokko barsiistuu kanaaf hiruuf ishii gaafatte. Ishiinis afeerraa kana fudhattee Mood barattootaaf waaʼee kanaa akka ibsitu qophii goote.
Mood daree isa jalqabaatiif haasaa daqiiqaa 15 kan qophoofte siʼa taʼu, yommuu yeroon isaa gaʼu garuu barsiistuun sun “Saʼaaticha guutummaatti fayyadamuu dandeessa” jetteen. Mood viidiyoo qorannoo irratti hundaaʼee fi ariʼatama Naaziin Dhugaa Baatota Yihowaa irra geessise ibsu argisiisuu jalqabde. Viidiyoon sun warri Naazii ijoollee 800 warra isaanii jalaa akka fudhatan yommuu ibsu, Mood viidiyoo sana gidduutti dhaabdee isaan keessaa waaʼee muuxannoo ijoollee sadii ibsu dubbiste. Viidiyoo sana erga itti argisiistee booda, xalayaa bara 1940tti Dhugaa Baatuun biyya Awustiraaliyaa umuriin isaa waggaa 19 taʼee fi Gerhaat Shitinaakar jedhamu tokko warra Naaziitiin ajjeefamuu isaa dura warra isaatiif barreesse dubbisuudhaan kutaa ishii xumurte. b
Mood daree isa lammaffaadhaafis kutaa kana dhiheessite. Mood ija jabina argisiisuu ishiitiin kan kaʼe barsiisonni lamaanuu yommuu waaʼee namoota mana hidhaa Naaziitti miidhaan irra gaʼee barsiisan Dhugaa Baatota Yihowaa akka caqasan ibsaniiru.
a Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa Jarman keessa turanii fi Biibelfoorshar (Barattoota Kitaaba Qulqulluu) jedhaman warra Naazii deggeruu diduu isaaniitiin hidhamanii turan.
b Gerhaat Shitinaakar duuti kan itti murteeffame loltoota Jarmaniitti makamuu waan dideef ture. Xalayaa isaa irratti, “Ani amma iyyuu mucaa dha. Jabaadhee dhaabbachuu kanan dandaʼu Gooftaan jabina yoo naaf kenne qofa dha; wantin gaafadhus kana dha” jechuudhaan barreesseera. Borumtaa isaa ganama Gerhaat ni ajjeefame. Awwaala isaa irratti yaanni, “Inni ulfina Waaqayyootiif jedhee duʼe” jedhu barreeffameera.