KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA
“Aarii Koo Toʼachuu hin Dandaʼun Ture”
Bara Dhalootaa: 1975
Biyya Dhalootaa: Meeksikoo
Seenaa: Aarii isaa kan hin toʼanne; yakkamaa
JIREENYA KOO DURAA
Kanan dhaladhe magaalaa xinnoo Saan Juʼaan Chaankaliito jedhamtuu fi bulchiinsa Chiipaas Meeksikoo kessatti argamtutti dha. Maatiin koo gosa namoota Chool siʼa taʼan sanyii Maayaa keessaa tokko turan. Warri koo ijoollee 12, jechuunis dhiira saddeetii fi durba afur kan qaban yommuu taʼu, ani isaan keessaa shanaffaan ture. Yeroon ijoollee turetti, ani, obboloonnii fi obboleettonni koo maanguddoo Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼee fi gumii naannoo sana jiru keessatti argamuu wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼanna turre. Kan nama gaddisiisu garuu, umurii dargaggummaa kootti gorsa Kitaaba Qulqulluu hojiirra hin olchine.
Yeroo umuriin koo waggaa 13 ta’u, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu fi hannaa irratti hirmachuun jalqabe. Yeroo kanatti manaa baʼeen asiif achi jooruu jalqabe. Yommuu umuriin koo waggaa 16 taʼu, ooyruu Maariwaanaa keessatti hojjechuun eegale. Bakka kana gara waggaa tokkoo ergan turee booda, gaaf tokko galgala maariwaanaa hedduu bidiruutti feenee utuu deemaa jiruu, tuutni meeshaa waraanaa hidhatee qoricha sammuu hadoochuu daddabarsuu fi mormituu keenya taʼe tokko dhukaasa nu irratti bane. Dhukaasa isaanii irraa kanan oole utaalee bishaan keessa lixuudhaan irraan gadee daakee gajjalaadhaan waanan baʼeef ture. Sana booda gara Yunaaytid Isteetisittan baqadhe.
Yunaayitid Isteetis keessattis qoricha sammuu namaa hadoochu daldaluu koo waanan itti fufeef rakkina guddaa keessa galeen ture. Umurii koo waggaa 19tti qabamee yakka saamichaa fi yaalii ajjeechaatiin waanan himatameef mana hidhaan gale. Mana hidhaa keessattis garee kashalabbootaa tokko keessa seeneen yakka dabalataa raawwadhe. Kanaan kan kaʼes, abbootiin taayitaa mana hidhaa, mana hidhaa Luuwiizbargi, Pensilvaaniyaa keessatti argamuu fi eegumsi cimaan godhamutti na jijjiiran.
Mana hidhaa Luuwiizbargi keessatti amalli koo isa duraa caalaa gadhee taʼe. Qaama koo irraa tumaa garee kashalabbootaa taʼuu koo beeksisu waanan qabuuf, mana hidhaa kanattis dafeen garee sanatti makame. Achiis goolii adda addaa irratti hirmaachuudhaan isa duraa caalaa hamaan taʼe. Yeroo tokko mooraa manaa hidhaa keessatti lola garee kashalabbootaa gidduutti kaʼe irratti hirmaadheen ture. Ulee beezboolii ittiin taphatanii fi meeshaa ispoortii ulfaatinaa ittiin hojjetaniin gar malee wal reebne. Lola sana dhaabuuf eegdonni mana hidhaa gaazii nama boosisutti fayyadamanii turan. Sana booda abbootiin taayitaa kutaa mana hidhaa hidhamtoonni baayʼee hamoo taʼan itti hidhaman keessa na galchan. Nama aarii isaa hin toʼannee fi dubbii gadhee dubbatun ture. Namoota reebuun homaa natti hin fakkaatu. Dhugaa isaa dubbachuuf, na gammachiisa ture. Gocha akkanaa raawwachuu kootti matumaa hin gaabbuun ture.
KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?
Mana hidhaa kana keessatti guyyaa keessaa irra caalaa isaa kanan dabarsu kutaa koo keessatti waan taʼeef, yeroon isaa akka naa deemuuf jecha Kitaaba Qulqulluu dubbisuun jalqabe. Booda dubartiin eegduun tokko kitaaba Lafa Jannata Taateerra Bara Baraaf Jiraachuu Ni Dandeessa jedhamu naaf kennite. a Barreeffama Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaru kana yommuun dubbisu, wantootan ijoollummaa kootti yeroon Dhugaa Baatotaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼadhetti baradhee ture hedduu nan yaadadhe. Achiis, amala hamaa qabaachuu kootiin kan kaʼe hammam akkan mancaʼe yaaduun jalqabe. Kana malees, waa’ee maatii koo nan yaade. Obboleettoota koo keessaa lamaan Dhugaa Baatota Yihowaa waan taʼaniif, yaadni ‘Isaan bara baraaf jiraatu’ jedhu gara sammuu kootti dhufe. Yeroo kanatti, ‘Ani maaliif hin danda’u?’ jedheen of gaafadhe. Jijjiirama guddaa gochuuf kanan murteesse yeroo kanatti ture.
Haa ta’u malee, jijjiirama gochuuf gargaarsi akka na barbaachisuu hubadheen ture. Kanaaf, jalqaba Yihowaan akka na gargaaru kadhannaa cimaan isatti dhiheesse. Itti aansudhaanis waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa isa Yunaayitid Isteetis jirutti barreesseen Kitaaba Qulqulluu qo’achuuf gaafadhe. Waajjirri damee sunis gumiin anatti dhihoo jiru tokko akka na argatu qophii godhe. Yeroo sanatti namni miseensa maatii koo hin taane akka na haasofsiisu waan naaf hin heyyamamneef, Dhugaa Baatuun gumii kana keessa jiru tokko xalayaa nama jajjabeessuu fi bareeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan naaf erguu jalqabe; kunis hawwiin ani jijjiirama gochuuf qabu akka guddatu godhe.
Achiis garee kashalabootaa isan waggoota hedduudhaaf keessa ture dhiisee baʼuuf murteessuudhaan tarkaanfii cimaa fudhadheera. Hoganaan garee kashalabootaa sunis manuma hidhaa kana keessa waan tureef, yeroo bashannannu tokkotti gara isaa dhaqeen, Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu akkan barbaadu isatti hime. Yeroo kanatti akkana jechuun isaa baayʼee na dinqisiise: “Dhugaa kee taanaan, akkuma jette godhi. Ani Waaqayyoon mormuu hin dandaʼu. Haa taʼu malee, kana kan gootu garee kashalabootaa dhiistee baʼuuf qofa yoo taʼe wanta si irra gaʼu atuu beekta.”
Waggoottan lamaan itti aananitti namoonni mana hidhaa sanaa jijjiirama amalaa ani godhe hubatanii turan. Kanaan kan kaʼes, caalaatti naaf yaaduu jalqaban. Fakkeenyaaf, eegdonni yommuu kutaa koo keessaa mana dhaqna itti dhiqatanitti na geessan kaateenaadhaan harka koo hidhuu dhiisan. Eegduun tokko immoo gara koo dhufee jijjiiraman gochaa jirutti akkan itti fufu na jajjabeesseera. Hoggantoonni mana hidhaa waggaa xumuraa ani mana hidhaa keessa turetti kaampii mana hidhaa isa guddaatti dhihoo jiruu fi toʼannaa cimaa hin qabnetti na jijjiiraniiru. Waggaa kudhaniif ergan hidhamee booda, bara 2004tti gadhiifameen otoobisii mana hidhaatiin Meksiikootti geeffame.
Achiis akkuman Meeksikoo gaʼeen gara Galma Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaan dhaqe. Yeroo jalqabaatiif walgaʼii irratti kanan argame, yuunifoormii mana hidhaa uffadheen ture; sababiin isaas uffanni gaariin ani qabu isa qofa ture. Biftii fi haalli uffannaa koo kan nama hin gammachiisne taʼus, obboloonni miira hoʼaadhaan na simataniiru. Gaarummaa isaanii yommuun argu, Kiristiyaanota dhugaa gidduu akkan jiru natti dhagaʼame. (Yohaannis 13:35) Walgaʼii sana irratti jaarsoliin gumii qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhaabbataa taʼe akkan jalqabu qophii naaf godhan. Achiis waggaa tokko booda, jechuunis Fulbaana 3, 2005tti cuuphameen Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taʼe.
Amajjii 2007, tajaajilaa yeroo guutuu taʼeen jiʼa jiʼaan Kitaaba Qulqulluu namoota barsiisuu irratti saʼaatii 70 dabarsuun jalqabe. Bara 2011tti immoo, Mana Barumsaa Obboloota Qeentee (yeroo ammaa Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa jedhama) galeen baradhe. Manni barumsaa kun itti gaafatamumaa ani gumii kessatti qabu rawwaachuuf gargarsa guddaa naaf godheera.
Bara 2013ttis, haadha manaa koo Piilaar wajjin gaaʼela godhanne. Ishiin seequudhaan jireenya koo duraanii ilaalchisee wanta ani ishiitti hime amanuun ishiitti akka ulfaatu dubbatteetti. Jireenya koo isa duraaniitti matumaa deebiʼee hin beeku. Anis taʼe haati manaa koo, haalli ani yeroo ammaatti keessa jiru Kitaabni Qulqulluun namoota jijjiiruuf humna akka qabu ragaa baana.—Roomaa 12:2.
FAAYIDAA ANI ARGADHE
Yaanni Yesuus Luqaas 19:10 irratti dubbate ana irratti akka raawwatame hubadheera. Caqasichi, “[Ani] kan bade barbaaduuf, akkasumas fayyisuuf dhufeera” jedha. Amma jireenyi koo akka bade natti hin dhagaʼamu. Akkasumas namoota miidhuudhaaf hin yaalu. Kitaaba Qulqulluudhaaf galanni haa gaʼuutii, jireenya kaayyoo guddaa qabu jiraachaan jira, warra kaanii wajjin nagaa qaba, hunda caalaa immoo Uumaa koo Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaariin qaba.
[MIILJALEE]
a Kitaabni kun Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaaʼe yeroo taʼu, yeroo ammaatti maxxanfamaa hin jiru. Yeroo ammaa Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf barreeffama Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamutti fayyadamu.