KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA
“Ani Kana Booda Garba Yakkaa Miti”
Bara Dhalootaa: 1956
Biyya Dhalootaa: Kaanaadaa
Seenaa: Abdii kan hin qabne, kan ejjuu fi yakka kan raawwatu
JIREENYA KOO DURAA
Kanan dhaladhe Albartaa Kaanaadaa magaalaa Kaalgaarii keessatti dha. Warri koo kan wal hiikan yeroon daaʼima turetti siʼa taʼu anii fi haati koo mana warra haadha kootiitti galle. Warri haadha kootii anaa fi haadha koo ni jaallatu turan, anis mucaa gammachuu qabun ture. Amma iyyuu yeroo gaarii ani ijoollummaatti dabarse yommuun yaadadhu nan gammada.
Yommuu umuriin koo waggaa torba taʼetti jireenyi koo rakkisaa taʼe; kun kan taʼe yommuu haati koo deebistee abbaa kootti heerumtee fi Seenti Luwiisi, Miizuurii Yuunaayitid Isteetisitti galettidha. Utuma baayʼee hin turin abbaan koo baayʼee gara jabeessa akka taʼen hubadhe. Fakkeenyaaf guyyaa jalqabaatiif yommuun mana barumsaatii deebiʼu akkan abbaa humnaatiin rukutamee fi ani garuu homaa akkan hin goone hubate. Kanaafuu baayʼee aare, achiis isa ijoolleen mana barumsaatti na rukutan caalaa na rukute! Haala kana irraa barachuudhaan anis umurii koo torbatti ijoollee wajjin wal loluun jalqabe.
Abbaan koo haadha koo arrabsa ture ishiinis isa arrabsiti akkasumas isa rukutti turte. Anis umuriin koo yommuu waggaa 11 taʼu qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu fi dhugaatii alkoolii dhuguun jalqabe. Caalaatti nama lola jaallatuun taʼe, kanaafuu yeroo baayʼee karaa irratti namootaa wajjin walan lola ture. Yommuun mana barumsaa sadarkaa lammaffaa xumuretti amalli koo caalaatti rakkisaa taʼe.
Yommuu umuriin koo waggaa 18 taʼetti humna waraanaa galaanaa Yunaayitid Isteetisii keessattan galmaaʼe. Achittis akkamitti nama ajjeesuu akkan dandaʼun baradhe. Waggaa shan booda barumsa xiinsammuu baradhe Biroo Qorannaa Fedaraalaa keessatti qacaramuuf humna waraanaa keessaan baʼe. Barumsa yunivarsiitii koo kanan jalqabe Yunaayitid Isteetisitti yeroo taʼu boodas Kaanaadaatti deebiʼeen itti fufe.
Yunivarsiitii ergan galee booda namootatti guutummaattan abdii kutadhe. Namoonni kan of jaallatan, wanti addunyaa keessa jiru hundi gatii kan hin qabnee fi rakkinni ilmaan namootaa furmaata kan hin qabne natti fakkaate. Namoonni addunyaa kana bakka gaarii godhu yaada jedhutti abdiin kutadhe.
Jireenyi koo kaayyoo akka hin qabne waanan hubadheef dhugaatii alkoolii dhuguu, qoricha sammuu namaa hadoochuu fudhachuu, qarshii argachuu fi saalqunnamtii raawwachuu irratti xiyyeeffachuun jalqabe. Kanan yaadu waaʼee mana shubbisaa dhaquu fi dubartii garaa garaa wajjin saalqunnamtii raawwachuu qofa ture. Leenjii loltummaa ani fudhadhe ofitti amanannaa waan naa kenneef yeroo baayʼee lola keessan seena ture. Wanta sirrii fi dogoggora taʼe ofuma koo murteessuu akkan dandaʼu waanan yaaduuf nama warra kaan irratti wanta sirrii hin taane raawwatu kam iyyuu nan morman ture. Dhugaa dubbachuuf garuu anumti iyyuu caalaatti garbaa yakkaa taʼeen ture.
KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?
Guyyaa tokko anii fi michuun koo kutaa mana koo isa jalaatti qoricha sammuu namaa hadoochu fudhannee maariwaanaa gurguramuu bakka biraatti geessuuf utuu qopheessaa jirru michuun koo Waaqayyotti akkan amanu na gaafate. Anis akkasan ittiin jedhe: “Rakkina addunyaa irra gaʼaa jiru hundumaaf isatu itti gaafatama taanaan isa beekuu hin barbaadu.” Borumtaa isaa guyyaan hojii koo isa haaraa jalqabetti namni naa wajjin hojjetuu fi dhugaa baatu Yihowaa taʼe tokko, “Rakkina addunyaa irra gaʼaa jiruuf Waaqayyotu itti gaafatamaa?” jedhee na gaafate. Anis wantan guyyaa kana dura dubbadhee tureen kan kaʼe waanan dinqisiifameef deebii gaaffii kanaa beekuufan kakaʼe. Achiis jiʼoota jaʼa itti aananiif maree hedduu goone innis jireenya ilaalchisee gaaffii ulfaataa ani qabu tokko tokkoof Kitaaba Qulqulluu irraa deebii isaanii natti argisiise.
Kaadhimaan koo ishiin yeroo sanatti wajjin jiraachaa ture wantan barachaa jiru akkan ishiidhaaf hiru hin barbaaddu turte. Sanbata tokko dhugaa baatonni Kitaaba Qulqulluu akka nu qoʼachiisaniif mana keenya akka dhufan isaan afeeruu koon ishiitti hime. Guyyaa itti aanu yommuun hojiidhaa deebiʼu waan hundumaa fudhattee akka na dhiistee deemten hubadhe. Anis ala baʼeen booʼe. Akkasumas Waaqayyo akka na gargaaru cimseen isa kadhadhe. Kadhannaa koo keessatti yeroo jalqabaatiif Yihowaa isa maqaa Waaqayyoo taʼe kanan fayyadame yeroo kanatti ture.—Faarfannaa 83:18.
Guyyaa lama booda Dhugaa Baatota hiriyaa gaaʼelaa taʼanii wajjin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluun jalqabe. Erga isaan deemanii booda kitaaba Lafa Irra Jannata Keessa Bara Baraan Jiraachuu ni Dandeessa jedhuu fi ittin qoʼadhu dubbisuu koo kanan itti fufe siʼa taʼu halkan sana dubbiseen xumure. a Wantan waaʼee Yihowaa fi ilma isaa Yesuus Kiristoos ilaalchisee baradhe garaa koo na xuqee ture. Yihowaan gara laafessa akka taʼee fi yommuu rakkinni nu irra gaʼu akka dhiphatun hubadhe. (Isaayaas 63:9) Jaalalli Waaqayyo naaf qabuu fi aarsaa ilmi isaa naaf dhiheesse baayʼee garaa koo na tuqe. (1 Yohaannis 4:10) Yihowaan “hundumtuu yaada akka geddarataniif malee, namni tokko illee akka badu waan hin barbaanneef” obsa akka natti argisiiseen hubadhe. (2 Pheexiros 3:9) Yihowaan michuu isaa akkan taʼu akka barbaadu natti dhagaʼame.—Yohaannis 6:44.
Torbanuma sanan walgaʼii gumii irratti argamuu jalqabe. Rifeensi koo dheeraa dha, gutichaan godhadha, akkasumas bifti koo nama sodaachisa ture, taʼus Dhugaa Baatonni akkuma michuu yeroo dheeraa booda arganitti na simatan. Amala Kiristiyaana dhugaa argisiisu turan. Naannoo caalaatti gaarii taʼetti warra haadha kootii wajjin deebiʼee akkan wal arge natti dhagaʼame.
Utuma baayʼee hin turin wantan Kitaaba Qulqulluu irra barachaa jiru jireenya koo jijjiiruu jalqabe. Rifeensa koon muradhe, gocha sagaagalummaa hundumaa fi qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu akkasumas dhugaatii alkoolii dhuguu nan dhiise. (1 Qorontos 6:9, 10; 11:14) Yihowaa gammachiisuu barbaadeen ture. Wanta inni jibbu raawwachaa akkan jiru yommuun hubadhu sababa dhiheesuuf yaalii hin godhu. Kanaa mannaa yeroo baayʼee garaadhaan gadda ture. ‘Wanta akkasii kana booda hin raawwadhun’ ofiin jedha. Mamii tokko malee yaada koo fi gocha koo sirreessuufan yaala. Kanaan kan kaʼes wanta Yihowaan akkan raawwadhu barbaadu yommuun raawwadhu jireenyi koo utuma hin turin fooyyaʼu jalqabe. Adoolessa 29, 1989 Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu ergan jalqabee jiʼa jaʼa booda cuuphameen Dhugaa Baatu Yihowaa taʼe.
FAAYIDAA ANI ARGADHE
Kitaabni Qulqulluun amala koo akkan jijjiiru na gargaareera. Kanaan dura namni amala gaarii hin argisiisne yommuu na mudatu aariidhaanan tarkaanfii fudhadha. Amma garuu ‘namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraachuufan’ carraaqqii cimaa godha. (Roomaa 12:18) Kana gochuu kanan dandaʼe jabina kootiin miti, kanaa mannaa humna Dubbiin isaa fi hafuurri qulqulluun isaa nama tokko jijjiiruuf qabuuf Yihowaan galateeffadha.—Galaatiyaa 5:22, 23; Ibroota 4:12.
Amma qoricha sammuu namaa hadoochuuf, yakkaa fi fedhii dogoggoraatiif garba taʼuu mannaa Yihowaa gammachiisuu fi wanta hunda irra caalu isaaf kennuufan carraaqa. Kun immoo warri kaan akka isa beekan gargaaruu dabalata. Ergan cuuphamee waggoota muraasa booda bakka labsitoonni wangeelaa caalaatti barbaachisanitti lallabuu irratti gargaarsa gochuuf biyya biraan deeme. Waggoota hedduudhaaf namoota barsiisuu fi Kitaabni Qulqulluun jireenya isaanii yommuu jijjiiru arguudhaan gammachuu argadheera. Haati koos ilaalchaa fi amala koo irratti jijjiirama gaarii waan argiteef Dhugaa Baatu Yihowaa taʼuu ishiitti gammadeera.
Bara 1999 Eel Saalvaadoritti mana barumsaa isa yeroo ammaa Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa jedhamu irraa eebbifameera. Manni barumsaa kun hojii wangeelaa irratti akkasumas gumii keessatti warra kaan barsiisuu fi tiksuu irratti leenjii naa kenneera. Yeroo booda, wagguma sana haadha manaa koo ishii jaallatamtu Awujeeniyaan fuudhe. Ishii wajjin tajaajiltoota yeroo guutuu taane Guwaatimaalaatti tajaajilla.
Amma jireenyatti abdii kutachuu mannaa, gammachuu guddaan qaba. Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun koo sagaagalummaa fi yakka raawwachuu irraa bilisa na baaseera akkasumas jireenya jaalala dhugaa fi nagaadhaan guutame naaf argamsiiseera.
a Dhugaa Baatonni Yihowaa amma qoʼannaadhaaf yeroo baayʼee kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamutti fayyadamu.