Dhimma ijoo ta'etti seeni

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

“Kanan Jiraadhu Daandii Irra Ture”

“Kanan Jiraadhu Daandii Irra Ture”
  • Bara Dhalootaa: 1955

  • Biyya Dhalootaa: Ispeen

  • Seenaa: Araada Qoricha Sammuu Namaa Hadoochu Kan Qabu, Alkoolii Garmalee kan Dhuguu fi Lola kan Jaallatu

JIREENYA KOO DURAA

 Namoonni tokko tokko rakkina cimaa isaan irra gaʼe irraa barachuun yeroo dheeraa isaanitti fudhata. Ani nama akkasiin ture. Dhaladhee kanan guddadhe magaalaa Baarseloonaa ishii magaalota Ispeen keessaa guddina ishiitiin lammaffaa taate keessatti dha. Maatiin koo kan jiraatan naannoo galaana qarqaraa Soomooroostiroo jedhamu keessa dha. Soomooroostiroon yakkaa fi qoricha sammuu namaa hadoochu daldaluudhaan beekamti turte.

 Warri koo ijoollee sagal kan qaban siʼa taʼu, ani isa hangafa dha. Baayʼee hiyyeeyyii waan taaneef, abbaan koo garee naannoo sanatti teenisii taphatuuf kubbaa deddeebisuudhaan akkan hojjedhu na taasise. Umriin koo waggaa kudhan siʼa taʼu, guyyaa guyyaadhaan saʼaatii kudhan nan hojjedha ture. Kanaan kan kaʼes, akka ijoollee umurii koo irra jiran hedduu mana barumsaa galuu hin dandeenye. Yeroo umuriin koo waggaa 14 taʼu, mana hojiin sibiilaa itti hojjetamu tokko keessatti maashinii irratti hojjechuun jalqabe.

Bara 1975, miseensa garee loltootaa Ispaanish Biyya Alaa isa Kaaba Afiriikaatti argamuu taʼuudhaan yuunifoormii garee sanaa uffadhee

 Ispeen keessatti loltuu taʼanii tajaajiluun dirqama waan tureef, bara 1975tti loltuu taʼee akkan tajaajilun waamame. Jireenya koo keessatti wanta adda taʼe raawwachuu barbaadaa waanan tureef, fedhii kootiin miseensa Garee Loltootaa Ispaanish Biyya Alaa Meeliilaa keessatti argamuun taʼe; Meeliilaan qabeenya Ispeen ishii Kaaba Afriikaa keessatti argamtu turte. Yeroon bakka kana turetti, qoricha sammuu namaa hadoochuu fi alkoolii garmalee fayyadamuun jalqabe.

 Garee kana keessaa yommuun baʼu, gara Baarseloonaatti deebiʼeen tuuta badii uumtootaa tokkon hundeesse. Wanta argine hundumaa hanna turre. Achiis qoricha araada keenyaaf nu barbaachisu bitachuuf wanta hanne sana ni gurgurra turre. Qoricha Eel Ees Dii fi amfiitaamiin jedhamu fudhachuu, saalqunnamtii seeraan ala taʼe raawwachuu, alkoolii garmalee dhuguu fi qumaara taphachuun jalqabe. Jireenya miidhaa geessisu akkasii jiraachuun koo, caalaatti nama lola jaallatu akkan taʼu na taasise. Yeroo hundumaa cuubee, qottoo fi goraadee nan qabadha, akkasumas barbaachisaa akka taʼe yoo natti dhagaʼame meeshaalee kanatti fayyadamuu irraa matumaa duubatti hin deebiʼun ture.

 Yeroo tokko anii fi tuutni koo konkolaataa erga hannee booda poolisoota nu hordofaa jiran jalaa baqachaa turre. Haalli isaa wantuma fiilmii irratti mulʼatu fakkaata ture. Konkolaataa hanne sana gara kiiloo meetira 30 erga oofnee booda, poolisoonni sun nutti dhukaasuu jalqaban. Dhuma irratti konkolaachisaan keenya konkolaaticha kan garagalche siʼa taʼu, hundi keenya baqannee bakka sanaa deemne. Abbaan koo kana yommuu dhagaʼu manaa na ariʼe.

 Waggoota itti aanan shananiif kanan jiraadhu daandii irra ture. Kanan bulu, mana jala, konkolaataa feʼumsaa keessa, teessumoota paarkii keessa jiranii fi bakka awwaalaa ture. Holqa keessa illee jiraadheera. Jireenyi koo kaayyoo waan hin qabneef, yoon jiraadhes taʼe yoon duʼe jijjiirama hin fidu jedheen yaada ture. Yeroo tokko qoricha sammuu namaa hadoochuu ergan fudhadhee booda, ciqilee koo fi harka koo muruuf yaalii godhee akkan ture nan yaadadha. Hamma harʼaatti illee godaannisni isaa ana irra jira.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

 Yeroo umuriin koo waggaa 28 taʼu haati koo barbaaddee na argachuudhaan, gara manaatti akkan deebiʼu na gaafatte. Anis jireenya koo sirreessuuf waadaa ishiidhaaf galee manatti deebiʼuuf tole kanan jedhe taʼus, waadaan gale raawwachuun garuu yeroo dheeraa natti fudhateera.

 Gaaf tokko waaree booda Dhugaa Baatonni Yihowaa lama balbala keenya rurrukutan. Utuun isaan dhaggeeffachaa jiruu abbaan koo mana keessaa iyyuudhaan balbala akkan isaan irratti cufu na gaafate. Anis nama matumaa hin ajajamne waanan tureef, waan inni jedhe gochuun dide. Isaan kitaabota xixinnoo sadii kan naaf kennan siʼa taʼu, anis gammachuudhaanan fudhadhe. Achiis bakki isaan walgaʼii itti godhan eessa akka taʼeen isaan gaafadhe; yeroo muraasa boodas gara Galma Walgaʼii nan dhaqe.

 Wanti ani jalqaba hubadhe akkaataa uffannaa isaanii isa seera qabeessa taʼe ture. Faallaa kanaatiin immoo ani rifeensi mataa koo fi areedni koo dheeraa siʼa taʼu, uffata bututaan uffadha ture. Ol seenuun akka naaf hin malle waan natti dhagaʼameef, galmicha alan taaʼe. Haa taʼu malee, Huwaan inni duraan michuu koo fi miseensa tuuta badii uumu ture, akka gaariitti uffatee achitti isa arguun koo baayʼee na dinqisiise. Boodas inni Dhugaa Baatuu Yihowaa kan taʼe waggaa tokko dura akka taʼeen beeke. Inni achi jiraachuun isaa ol seenee walgaʼicha irratti akkan hirmaadhu ofitti amanannaa naaf kenneera. Jireenyi koo jijjiiramuu kanan jalqabe yeroo sanaa kaasee ture.

 Kitaaba Qulqulluu akkan qoʼadhu afeerrii naaf dhihaate kanan fudhadhe siʼa taʼu, Waaqayyo biratti fudhatama argachuu yoon barbaade, amala koo isa hamaa taʼee fi jireenya koo isa naamusaan ala taʼe jijjiiruu akkan qabu yeruma sanan hubadhe. Jijjiiramawwan kana gochuun salphaa hin turre. Yihowaa gammachiisuuf, ‘sammuu koo haaressuudhaan jijjiiruun’ akka na barbaachisu nan hubadhe. (Roomaa 12:2) Dhiifamni Waaqayyo naaf godhe baayʼee na tuqe. Dogoggora hedduu kanan raawwadhe taʼus, jireenya koo guutummaatti jijjiiruu akkan dandaʼuuf akka inni carraa naaf kennen hubadhe. Waaʼee Yihowaa wanti ani baradhe, garaa koo keessa gad fageenyaan seene. Dhuma irrattis, Uumaan anaaf yaadu akka jiru ifa naaf taʼe.—1 Pheexiros 5:6, 7.

 Kun immoo jijjiirama gochuuf na kakaaseera. Fakkeenyaaf, Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa utuun jiruu yeroo waaʼeen tamboo kaʼu, keessa kootti, ‘Yihowaan karaa hundumaa isa duratti qulqulluu fi xurii kan hin qabne akkan taʼu kan na irraa barbaadu yoo taʼe, tamboo kana dhiisuun qaba’ jedheen yaade. (2 Qorontos 7:1) Achiis tamboowwan sana miʼa kosiin itti gatamu keessattan gate!

 Kana malees, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu fi gurguruu dhiisuun na barbaachisa ture. Kana gochuun yeroo fi carraaqqii dabalataa na gaafateera. Galma koo kana irra gaʼuuf, hariiroon michoota koo duraanii wajjin qabu dhaabuu akkan qabu hubadheen ture. Dhiibbaan isaan na irratti geessisan karaa hafuuraa guddina akkan godhu na hin gargaarre. Yeroo booda garuu, gargaarsa Waaqayyoo fi michoonni koo gumii keessa jiran naaf godhanitti caalaatti amanamuun jalqabe. Jaalalli isaan natti argisiisanii fi xiyyeeffannaan isaan naaf kennan, wanta ani sana dura matumaa argadhee hin beekne dha. Jiʼoonni darbaa yeroo deeman, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu kanan dhaabee fi ‘namummaa haaraa kanan uffadhe’ siʼa taʼu, kunis Waaqayyo duratti fudhatama akkan argadhu na gargaareera. (Efesoon 4:24) Hagayya 1985tti cuuphameen Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe.

FAAYIDAAN ARGADHE

 Kitaabni Qulqulluun jireenya koo naaf jijjiireera. Akkaataa jireenyaa qaama koo miidhuu fi ulfina koo xiqqeessu irraa bilisa na baaseera. Dhugaa dubbachuuf, michoota koo keessaa 30 ol kan taʼan Eedsii ykn dhukkuboota qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu wajjin wal qabataniin dargaggummaa isaanitti duʼaniiru. Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuu kootiin haalawwan gaddisiisaa taʼan irraa ooluu dandaʼuu kootti baayʼeen galateeffadha.

 Akkan yeroon dargaggeessa hamaa ture sanaatti cuubee fi qottoo qabadhee deemuu ergan dhiisee tureera. Gaaf tokko Kitaaba Qulqulluu baadhee ittiin namoota nan gargaara jedhee matumaa yaadee hin beeku. Taʼus yeroo ammaa anii fi haati manaa koo Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuudhaan yeroo keenya guutuu tajaajilaa jirra.

 Warri koo matumaa Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane; haa taʼu malee, faayidaa Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun koo naaf argamsiise ni dinqisiifatu. Dhugaa dubbachuuf, abbaan koo namoota wajjin hojjetu hundumaa duratti yeroo Dhugaa Baatotaa deggeruudhaan itti falme qaba. Abbaan koo amantiin koo inni haaraan, jireenyi koo karaa dinqisiisaa taʼeen akka jijjiiramu gochuu isaa sirriitti hubachuu dandaʼeera. Haati koo yeroo baayʼee dursee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu utuun jalqabeera taʼee gaarii akka ture irra deddeebitee dubbatti. Anis wanta ishiin jettu kana irratti guutummaattin walii gala!

 Muuxannoon ani jireenya koo keessatti dabarse qoricha sammuu namaa hadoochuu fi wantoota naamusaan ala taʼan irraa gammachuu argachuuf carraaqqii gochuun gowwummaa akka taʼe na barsiiseera. Yeroo ammaatti, barumsa Dubbii Waaqayyoo keessa jiruu fi dhugumaan jireenya koo naaf oolche namoota barsiisuudhaan gammachuu guddaa argachuu dandaʼeera.