Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

JW LIBRARY

Kutaa “Bookmarks” Jedhu Qindeeffachuu fi Itti Fayyadamuu—Andirooyidii

Kutaa “Bookmarks” Jedhu Qindeeffachuu fi Itti Fayyadamuu—Andirooyidii

Kutaan mallattoo kaaʼachuuf gargaaruu fi JW Library irra jiru, akkuma kirrii kitaaba gidduu jiruu, barreeffama tokko irratti mallattoo godhachuuf gargaara. Barreeffamni JW Library keessa jiru hundi wanta ittiin mallattoo godhan 10 qaba.

Mallattoo godhachuudhaaf qajeelfamoota armaan gadii hordofi:

 Mallattoo Haaraa Kaaʼachuu

Mata duree ykn boqonnaa, keeyyata ykn lakkoofsa Kitaaba Qulqulluu tokkotti mallattoo godhachuu dandeessa.

Mata duree ykn boqonnaa tokkotti mallattoo gochuuf mallattoo mallattoo gochuuf gargaaru tuqi. Achiis wanti mallattoo gochuuf gargaaru ni tarreeffama. Mata duree ykn boqonnaa dubbisaa jirtutti mallattoo godhachuuf iddoo duwwaa tuqi.

Keeyyata ykn caqasa Kitaaba Qulqulluu tokkotti mallattoo godhachuu yoo barbaadde jalqaba yaadicha tuqi; achiis kutaa filannoowwan mulʼatan keessaa mallattoo, mallattoo gochuuf gargaaru tuqi.

 Mallattoo Kaaʼatte Banachuu

Iddoo itti mallattoo godhatte sana banuuf barreeffama mallattoo itti godhatte sana bani; achiis mallattoo mallattoo godhachuuf gargaaru tuqi. Achiis isa ilaaluu barbaaddu tuqi.

 Mallattoo Kaaʼatte Qindeeffachuu

Mallattoo godhatte balleessuu ykn bakka buusuu ni dandeessa.

Balleessuudhaaf mallattoo mallattoo godhachuuf gargaaru tuqi; achiis isa balleessuu barbaadde bira mallattoo jiru tuqi. Achiis Delete isa jedhu tuqi.

Mallatticha, mallattoo kan biraatiin bakka buusuuf immoo mallattoo mallattoo godhachuuf gargaaru tuqi; achiis mallattoo isa bakka buusuu barbaaddu bira jiru tuqi. Achiis Replace isa jedhu tuqi. Achiis mallattoon sun isa ati barbaaddeen bakka buʼa. Kun barreeffama tokko yeroo dubbistu iddoo geesse beekuuf si gargaara. Fakkeenyaaf dubbisa Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaatti dubbistutti mallattoo godhachuu dandeessu.

Qabiyyeewwan kun Caamsaa 2014 JW Library 1.2f kan qophaaʼan siʼa taʼu, lakkoofsa Andirooyidii 2.3 ykn isaa ol taʼeef hojjetu. Qabiyyeewwan kana arguu yoo dadhabde, mata duree “‘JW Library’ Fayyadamuu Jalqabaa—Andirooyidii” jedhu jalaa, qajeelfama mata duree xiqqaa Wantoota Haaraa Argadhu jedhu jala jiru ilaali.