Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

JW LIBRARY

Kitaaba Qulqulluu ykn Barreeffamoota Keessaa Barbaaduu—Andirooyidii

Kitaaba Qulqulluu ykn Barreeffamoota Keessaa Barbaaduu—Andirooyidii

Kutaan JW Library inni barbaaduuf gargaaru jecha ykn gaalee tokko Kitaaba Qulqulluu ykn barreeffama keessaa barbaaduuf tajaajila.

Barbaaduudhaaf qajeelfamoota armaan gadii hordofi:

 Kitaaba Qulqulluu Keessaa Barbaaduu

Jecha ykn gaalee tokko Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jirtu keessaa barbaaduu dandeessa.

Kitaabni Qulqulluun banamee utuu jiruu mallattoo barbaaduuf gargaaru tuqi; achiis jecha argachuu barbaaddu barreessi. Yeroo barreessitu wantoota isa barbaadduu wajjin wal fakkaatan sitti argisiisa. Wantoota jiran ilaaluuf filannoo sitti mulʼate keessaa tokko ykn mallattoo Enter isa kiiboordii irra jiru tuqi.

Kutaan Top Verses jedhu caqasoota wanta ati barbaadde qabanii fi yeroo baayʼee itti fayyadamtu argisiisa. Kutaan All Verses jedhu caqasoota wanta ati barbaaddu qabatan duraa duuba kitaabaatiin argisiisa. Kutaan Articles jedhu immoo wanta ati barbaadde seensaa fi kutaawwan dabalataa keessaa sitti argisiisa.

Jecha tokkoo ol barreessite taanaan, wanta gaalee barreessitee wajjin sirriitti wal fakkaatu akka sitti argisiisuuf kutaa Match Exact Phrase jedhu filadhu.

 Barreeffama Keessaa Barbaaduu

Barreeffama dubbisaa jirtu keessaa jecha ykn gaalee barbaaduu ni dandeessa.

Barreeffamichi banamee utuu jiruu mallattoo barbaaduuf gargaaru tuqi; achiis jecha barbaaddu barreessi. Yeroo barreessitu wantoota sanaa wajjin wal fakkaatan sitti argisiisa. Wantoota jiran ilaaluuf filannoo sitti mulʼate keessaa tokko ykn mallattoo Enter isa kiiboordii irra jiru tuqi.

Jecha tokkoo ol barreessite taanaan, wanta gaalee barreessitee wajjin sirriitti wal fakkaatu akka sitti argisiisuuf kutaa Match Exact Phrase jedhu filadhu.

 Mata Duree Tokko Barbaaduu

Barreeffama Insight on the Scriptures jedhamu garagalfatteetta taanaan, mata dureewwan kitaaba kana keessa jiran keessaa tokko barbaaduu dandeessa. Kutaa kanatti kitaaba Qulqulluu ykn barreeffama kam iyyuu utuu dubbistuu fayyadamuu dandeessa.

Mallattoo barbaaduuf gargaaru tuqi; achiis mata duree barbaaddu barreessi. Yeroo barreessitu mata dureewwan wanta barreessitee wajjin wal fakkaatanii fi Kitaaba Insight on the Scriptures jedhamu irra jiran ni baʼu. Banuuf, mata duree barbaaddu tuqi.

Qabiyyeewwan kun Onkoloolessa 2014 JW Library 1.3.4f kan qophaaʼan siʼa taʼu, lakkoofsa Andirooyidii 2.3 ykn isaa ol taʼeef hojjetu. Qabiyyeewwan kana arguu yoo dadhabde, mata duree “‘JW Library’ Fayyadamuu Jalqabaa—Andirooyidii,” jedhu jalaa, qajeelfama mata duree xiqqaa Wantoota Haaraa Argadhu jedhu jala jiru ilaali.